Ajjeechaa fi Hidhaan Gara Jabinaa Mootummaa Wayyaanee Marraa kana Kufaatii Irraa hin Oolchu.

Aside

(Ibsa ABO irraa kenname)
ABOMootummootni Itoophiyaa bulchaa turanii fi yeroo ammaa empaayera humnaan dhaale bitaa kan jiru, mootummaan Wayyaanee gaaffiilee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa furuu irra kan hammeessan tahuu irraa; Hundee rakkoo biyyattii keessatti ifatti mul’atuuf furmaata buqqaasaa argamsiisuu irra haguuguun rakkoon kan hin jirre fakkeessanii bira dabruu ykn jijjiirraa kabeebsaan furuu kan barbaadan tahuun amala waan taheef; Ummatoota humnaan bitaa jiran dhaggeeffatuu diduun yaadaa fi gaaffii kaasan yakkatti fudhatuun callisiisuu fi ukkaamsuu kan aadeffatan tahuu irraa; Akeekni bu’uraa mootummoota Itoophiyaa hanga ammaatti mul’atanii, garajabinaan hacuuccaa fi saamicha ija dunuunfataa tahuu irraa; Bittootni Itoophiyaa hundinuu hariiroo fi walitti dhufeenyi ummatoota gidduu kan mirga ummatootaa kabaju, mirga ilma namaaf kabajaa kennuu fi wal qixxummaa irratti hundaa’e akka hin taaneef, hariiroon ummatoota Itoophiyaa gidduu kan sodaa fi amantaa wal irratti dhabuu taasisuun addaan qoodanii bituu akka imaammataatti waan itti fayyadamaniif;

Ibsa ABO 22-02-2016.pdf

OLF Press Release 22-02-2016.pdf

የኦነግ መግለጫ 22-02-2016.pdf

POLITICAL CRISIS IN OROMIA STATE, ETHIOPIA

Aside

HRLHAHRLHA: Oromo Nation Peaceful Protest 12 November 2015 – February 20, 2016

I. Ethiopian government crackdown against Injustice Protestors in Oromia

II. Responses to the Crisis

 EU Response  UN Response

 USA Responses

 Human Rights Organizations’ responses

III. Crimes against Humanity in Oromia/Ethiopia

IV. Delayed Response to the Crisis

V. Recommendation

I. The Crackdown Against Anti-Government Injustice Protestors in Oromia

Read More:-Oromia Peaceful Protest (1)

Gurraandhala 21 Godina Wallagaa Anaalee Gidaamii, Anfilloo fi Begii‏ Keessatti FXG Finiinee Oole.

Aside

GidaamiiGurraandhala 21,2016 Godina Qellem wallaggaa aanaa Gidaamii fi Begii wal qabatee qotatee bulaan Alaabaa ABO qabatee ganama sa’a 5:00 irraa kaasee magaala Gidaamii fi Begii naannoo gaba dafinoo irratti injifannoo isaa goonfataa jira.
Bulchiinsi mootummaa wayyaanee barbadeeffameera godina Gidaamii gandoota garagaraa keessatti. Alaabaan keenyas waajjiralee hedduutti
fannifamee oolee bulaa jira. Galgala kana daandiiwwan wallaggaa lixaa gara Qellem Gidaamii geessu irree uummataan cufamee jira.Gidaamii2

Oromiyaan yeroo ammaa alaabaa ABOtiin dhuunfatamee jira. FXG oromiyaa keessatti akka ibiddaa boba’ee jiru dura dhaabbachuu fi uummata oromo irratti duguuggaa sanyii labsame hojiitti hiikuuf humni addaa wayyaanee kibba oromiyaa naannoo Jijjigaa irra buufatee ture yeroo ammaa godinaalee oromiyaa 5n keessa akka qubatu as guuramaa jira. Humna waraana wayyaanee keessatti ilmaan oromoo fi poolisoonni Oromiyaa kanneen uummata bira dhaabbachuu murteessaa jiran qophii barbaachisu gochaa dhaamsas waliif dhaamaa jiru gara tarkaanfii dhumaatti seenuuf.
Akkuma arginu oromiyaa guutuu keeesaatti ajjechaan suukkanneessan humna agaaziin itti fufeetu jira.