Dr. Tasfaayee barsiisa College horsiise bulaa Oromia yaaballoo Humna tika Wayyaaneen ukkaamfame Eessa buuteen isaa dhabame”

Aside

TasfaayeeDr. Tesfayeen President Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo (GAAO) Yuniversitii Hawasaa ta’uudhan kan tajaajila ture yoo ta’u Qabxii olaanadhan eebbifame garuu Sabbonummaa fi Oromumma isaatif qofa Hojii Mootumma dhorkame ture. Hawaasa isa barsiisee tajaajiluudhaf Hanga Ukkamfame achi buuteen isaa dhabametti  dhaabbata NGO SOS Sahel, jedhamu irra gogummaa isaan osoo hojjetuu loltoota Wayyaaneen butamee hanga ammaa bakka buuteen isaa hin beekamu.

Humni Waraana Wayyaanee Agaaziin Daran Magaalaa Naqamteetti Dabalame

Aside

Bitootessa,4,2016 Kan abboota isaanirraa gocha duguggaa sanyii kan nurratti raawwachaa turan hanga har’atti nutti dhaadataa kajiran akkasuma aangoo dhiiga dhangalaasun argama jedhaanii kan amanan TPLF magaalaa Naaqamteetti yeroo darbe rakkoo geejibaaf Konkolaataa fe’isaa 3f n magaalatti kan seenan ta’uun nii aspartame Har’as Warraaqsi Uummatichaa naasuu muddama keessaa ba’uu hin dandeenye keessa kan galche Wayyaaneen Qawween akka waan tasgabeessituu Agaazii Oralii 3 dabalataan har’a magaalatti seensifteetti.sochiin uummataas guyyaa guyyaan akkuma jarri dabalamaa bultuu olitti cimaa jira

Badii darbe irraa kanneen hin baranne, badii fakkaataaf akka nu saaxilan hayyamuu hin qabnu:Oromoota haga har’aatti dogoggora seenaa irraa hin baranne irratti.

Aside

Leelloo Sabaa Irraa

Badii darbe irraa maal baratnaHariiroon siyaasaa har’aan tana Impaayera Ixoophiyaa keessatti mul’achaa jiru, kufaatii Haayile Sillaasee fi Dargii jala, hariiroo siyaasaa mul’achaa tureen kan walfakkaatuu dha.Walfakkeenyi hariiroo siyaasaa yeroosi fi kan ammaa, bifaa fi ayinaan kan wal irraa dhaalame fakkaata.

Fincila ummattoota Kibba Impaayera Ixoophiyaatiin, Haayile Sillaaseen oggaa raafamu, egeree Impaayeratti irratti murteessuuf dhaaboti siyaasaa heddutu ijaarame. Dhaaboti siyaasaa kun hundi, Haayile Sillaasee kuffisuu irratti akeeka tokko yoo qabaatan illee, kufaatii isaa booda, fuuldureen Impaayeratti maal  ta’uu akka qabdu fi Haayile Sillaasee bakka bu’ee eennu Impaayeratti akka geggeessu irratti waldhabbii hundee qabu turan.

Dhaaboti kunneen keessaa, dhaabi EDU (Ethiopian Democratic Union) ykn ammo Gamtaa Dimookraatota Ixoophiyaa jedhee of moggaase, Haayile Sillaaseen nama tigreetiin bakka buufamee sirni abbaa lafaa kan Haayilee Sillaasee akka itti fufu kan barbaadu ture. Dhaaboti akka: Dargii (Koree Qandaalota Waraanaa), EPRP (Ethiopian People Revolutionary Party) ykn ammo Paartii Warraaqaa Ummattoota Ixoophiyaa, fi AESM-MEISON(All Ethiopian Socialist Movement ykn ammo Sochii Soshaalizmii Guutuu Ixoophiyaa ammoo, Haayile Sillaasee irraa aangoo fudhatanii, jijjiirraa xixiqqaa ykn fakkeessaa, kan Haayile Sillaasee kuffisanii aangoo haga qabatanitti fi  hanga aangoo isaanii cimsatan qofatti turu, fiduudhaan tokkummaa impaayeratti olaantummaa Amahaaraa jalatti itti fufsiisuu  kan barbaadan oggaa ta’u, kufaatii mootummaa Haayile Sillaasee fi jijjiirraa xixiqqaa osoo hin taane, impaayerichi hundeedhaan diigamee, ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa bilisa ta’anii hiree isaanii murteeffachuun mootummaa walaba ijaarrachuuf mirgi isaan qaban guutuutti akka kabajamuuf kan  bara 1973 ijaarame ammo ABO dha.Badii darbe irraa kan hin baranne

FXG Kaleessa Yuunibarsiitii Jimmaatti Dhoheen Guutummaan Mooraaf Magaalaa Jimmaa Raafama Keessa Oolte

Aside

Bitootessa 4,2016
Uggurtotniif Shororkeessitoonni Waayyaanee kan mooraa Yuunibarsiitii keessa qubsuma godhatee jiru osoo itti hin yaadin sodaa tokko malee
Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddaa(main cumpus) Kaleessa jechuun Bitootessa,3,2016 dhoheen guutummaan magaalattii rafama guddaa keessa oolte humni diinaa Agaazii magaalaa Jimmaa keessa Akkasuma irra jireessaan mooraa keessa hidhata guutuun socho’aa turan kan na Ajaibe Waanuma dirree lolaatti bobba’an fakkaatu qawwee Logomatanii konkolattota garaagaraa sadiin deemsisaanii har’aa.akkasuma guutummaa aanaalee Godinichaa hundatti raabsamanii tuuta tuutaan magaalaaf baadiyyaa Jimmaa marsaa turan Jimmaan guutummaan guutuutti humna humna Waraanaa diinaan marfamtee oolte Akkasuma barattoota Yuunibarsiitichaa kan ta’an namni 17mana hiraarsaa diinaa kan magalatti keessatti argamu(Meentiinaa) bakka jedhamutti dararaa guddaan irra gahaa jira.Barattota kanneen Odessa
1,Tolasaa Nagaasaa law waggaa 5ffaa
2,Biqilaa Guutaa statistics waggaa 2ffaa
3,Yoonas Giidoo computer waggaa 3ffaa
4,Saamuel computer waggaa 3ffaa
5,Ittaanaa Kennaa Computer waggaa 3ffaa mana hiraarsaa diinaatti Dhiira 14fi Shamarran 3 waliigala barattoota 17 dararaa akka jiran
oduun Qeerroon Yuunibarsitichaa dhagaa’amu ifoomsa kanneen hafan itti fufiinsaan gabaafna.

Waarraqsi FXG Har’a Yuunibarsiitii Wallaggaa Fi Magaalaa Naqamteetti Dabalate Dhohe Itti Fufe

Aside

Bitootessa 4,2026
Diiddaan Mootummaa abbaa Irree of irraa fonqolchuuf Yuunibarsitiitti dhohe osoo Jarri hin yaadiin Uummata Magaalatti dabalachuun shororkeessitoora Waayyaanee sodaa guddaa keessa galche.Kanas akka waan dhukaasaaf rasaasan dhaamsanii barataa barruuleef qalamaa malee homaa hin qabne irratti dhukasa jabaa dhukaafamaa tureen barataa hedduun madeeffamanii hospitaala jiru.kaansaanimmoo mana hiraarsaa galchanii gidiraa jabaa irraan gahaa jiru. Barattoota madeeffamanii yaalamaa jiran muraasa
1,Yoonas Qana’aa
2,Baayyuu Fayyisaa
3,Galaanaa Guutamaa
4,Magarsaa Tasammaa
5,Xarihun Ammasaa
6,Jaal’ataa Ofga’aa
7,Kuuchumaa Jiraataa
8,Seblee Taammiruu fi hospitaala Naqamtee keessa barataan yaalamaa jiran hedduudha maqaan akka nu ga’een isinii dhaamna Akkasuma baratotni baay’inaan 40tu hidhaan gidirfamaa jira maqaan ammaaf arganne
1,Balaayi Fiqaaduu barataa public administration waggaa 2ffaa
2,Lammeessaa Tasammaa turizim management waggaa 1ffaa fi barattoota hafan akka argannetti isiniin geenya waligalatti barataa afurtama
ta’an hidhaan gidiraa jala jiraachuu Qeerroon magaalaa Naqamtee ifomsa

 

Godina Wallagaa Aanaa Najjoo Magaalaa Warra Jirruu Keessatti FXG Gaggeefameen Sabboontoti Hedduun Hidhaman.

Aside

Bitootessa 04, 03’2016 Fxg ammas jabaachuun godina Wallaggaa lixaa aanaa Najjoo Bulchiinsa magaalaa warra jirruu keessatti jabaachuun guyyaa har’aa namoonni heeduun hidhamanii jiru. Hedduminaan kanneen hidhaman keessaa  abbootii ijoolleedha. kanneen hidhaman keessaa:

1,Barsiisaa Waannaa Tarreessaa
2,Barsiisaa Eebbisaa Kooluu
3,Sanbataa Tamasgeen
4,Geeta’uu Tamasgeen Q/bulaa
5,Bultii Jaarraa Q/bulaa
6,Ayyaanaa Xurunaa barataa
7,Taammanee Uummataa Barataa
8,Imaanaa Qananii Q/bulaa
9,Bacaa Dafaa Q/bulaa
Mana hiraarsaa jaraa keessatti akka dararamaa jiran gabaasi Qeerroo
achii addeessa

Aside

12772100_1731876947049390_6073919628503553568_o 12778738_1731876943716057_3024529562138190953_o (1) 12801356_1731840357053049_6422942438463292153_nGuyyaa har’aa adoolleessa 4’2016 fincilli xumura garbummaa haal ho,aan yeroo ammaa kana magaalaa Naqamtee keessaaa fi Yuuncersiitii Wallaggaa keessatti dhohuudhaan mootummaa faashistii Wayyaanee balaaleffachaa jiru.
Mootummaan wayyaannees riffannaa guddaa keessa seenuun yeroo ammaa kana hoomaa waraanaa uummata nagaa irratti bobbaasuun uummataafi baratoota irratti dhukaasa bannuun namoota baayyees miidhaa irraan ga.eera.Daandiin naqamtee irraa ka.uun gara finffinneetti deemsisus guutummaan guututti naannoo yuunvesiitii wallagga hora hadiyyaa jedhamu irratti cufameera.

Dhaamsa Hatattamaa Hoggantootaaf Jiraattota Jimmaa Muraasaaf

Aside

Bitootessa 4,2016
Akkuma argaa jirtan FXG kaleessa galgala Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddicha keessatti dhoheen barataan miidhamee kaan yaalamaa jiraachuu argaas dhaga’aas jirtu.har’a garuu,yoo ganamaan duunkaana hidhattanii kabaja Ayyaanaa jechuun OPDO ofisheeyyuu akka sa’aa namaan harkifamtu cina teessanii nyaataaf dhugaatiif walitti yaataan garaan keessan isin haa taajjabu.
Saree guddisanii yoo mana bade barbaacha hin dhaqani OPDO hamma kana unuuf Keessattu magaalaa Jimmaa keessatti gochii isin gochaa jirtan seenaa jala waan dhokatu miti.Hormi nurraa gala nutu walitti hafa namni walitti hafu wal hin tuqu walirraa hafa isin garuu xiqqoo dhuma of sakatta’uu dadhabdanii yoo haadhoon keenya madaa’ee caccabee ciisutti kabaja ayyaanaa jechuun walitti yaa’aa jirtu.Homaas miti Akkuma Oromoon”Titisarraa damma hin eegan”jedhu waan isinirraa eegnu hin qabnu.Garuu,otoo hin beekinis ta’ee osoo beekuu kan isinii wajjiin Ayyaana keessan kabajuuf jedhu uummata Oromoo Jimmaaf Dhiiga Oromummaa waliin qabnu sanaa jedhaanii adaraa yoo nu cina dhaabbachuun itti ulfaate Soorrata keessan kan dhiigaan faalamerraa of haa qusatan. Oromiyaan Dhiiga Ilmaansheen Nii Bilisoomtti