Diddaan Gootota Qeerroo Yuuniverstii Wallaggaa Har’as Itti Fufee Jira.

Aside

received_570869543088971 received_572079532967972 received_572079536301305Adoollessa 07, 2016  Fincilli Xumra Gabrummaa gootota Qeerroo baratoota Yuunversiitii Wallaggaan ganama kanas bifa haaraan dhohee jira. Yeroo ammaa kanas baratoonni guutummaan guutuutti barnoota lagachuun barnoonni bilisummaa booda jedhanii diina raasaa jiru.

Galgala edaas akkuma beekamu Qeerroon Yuunversiitii Wallaggaa diddaa dhageesisaa turuun ni yaadatama .Haa ta,uyyuu malee mootummaan gabroonfataa baratoota nagaa irratti ol seenuun dhukaasa banuyyuu baratoonni kun sodaa tokko malee injifannoo boonsaa hojjetaniiru.Polisoota Yuunversiitichaa dhagaadhumaan hariuun kaampasicha keessaa baasuun bosonatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesisaniiru

Oromiyaan bulchiinsa waraanaa saddeet jalatti hiramtee haa jiraattu malee FXGn akka itti fufetti jira!

Aside

Gaabaasi Qeerroo  giddu gala Oromiyaa Adaamaafi magaalaa guddittii lixa Oromiyaa Naqamtee irraa nuun ga’an akka ibsutti,fincilli sirna garboomfattootaa irratti taasisamu akka itti fufee jiru hubachiisa. Torban darbee kaasee hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa waltajjii leenjii Wayyaaneetiif adaamaatti kan walitti qabanii jiran yeroo ta’u,waltajjii kana irratti Abbootii seeraa,abbootii alangaafi abukaatotatu hirmaachaa jira Waltajjii jimaata darbe geggeessame irratti madaalliin manneen murtii godinoota sadii kan geggeeffame yeroo ta’u,godinoonni kunis,Shaggar lixaa,Harargee bahaa fi Wallaggaa lixaa ta’uun ta’uun beekameera Ergamtoonni Wayyaanee godinoota kana sadan keessatti tarkaanfiin manneen murtii fudhatan laafadha yeroo jedhatti abbootiin seeraa fi hojjeettoonni mana murtii Oromiyaa irraa hojjetan marti akka dheekkaman beekameera, Akka fakkeenyaattis poolisiin Malkaamuu Mitikkuu kan Wallaggaa lixaa Najjootti nama ajjeesee gara bakka dhalootasaa utuu deemuu ajjeefameef mootummaan itti gaafatamuu qaba jedhan “nami lubbuu namaa seeraan ala baase kun to’annaa jala ooluu dhabuun wal ajjeechaa biraa kan fidu fi godinoota akka fakkenyaatti manneen murtii tarkaanfii uummatarratti fudhachuu dhabaniif komataman kun dhiibbaa siyaasaaf hojiisaa hojjechuu akka hin danda’in itti amanna silaa warri uummata nagaa irratti dhukaase yoona to’annaa seeraa jala jira”jechuun ammaa jalqabee poolisas ta’e nami dhuunfaa nami namni lubbuu namaa baasee seeratti dhiyaachuu dhabee uummata keessa jiruun hanqina bulchiinsa gaarii keessaa isa tokko jechuun komii isaanii haala wayyaanee afaan qabachiiseen dhiyeessuun isaanii beekameera.

Hirmaattonni wal tajjichaa yeroo dhiyootti komishiniin dhimma kana adda baasee namoota ajjeechaa seeraan alaa kana raawwatan seeratti akka dhiyaachuu qaban taasisu hundeeffamuu akka qabu gaafachuun,loogii siyaasaatiin namni lubbuu namaa baasee seeratti hin dhiyaanneef uummatichi tarkaanfii “gumaa baasuu”aadaadhaan qabu yoo irratti fudhateef seerri wabii lubbuu namaa deebisuu hinjiru kanaaf namoota kana seeratti dhiyeessuun furmaata filmaata biraa hin qabne jechuun akeekkachiisa jabaadhaan kaabinoota wayyaanee akka rifaasisan beekameera Waltajjiin qaamota manneen murtii Adaamaatti ta’amaa jiranii kun jimaata dhufu xumurama Gara dhiha Oromiyaa Naqamteetti yeroo ceenu,magaalaan Naqamatee ji’oota afrna darbanii kaastee jeeqxota kaabaatiin erga jeeqamutti kaatee ooltee bubbulaa akka jirtuufi kunis jiruufi jireenya oromiyaa guutuu akka ta’ee jiru beekamaadha Magaalattiitti halkan guutuu qaama hin beekamneen dhukaasi wal irraa hin cinne adeemsifamaa kan bulu yeroo ta’u guyyoota muraasa darbanii kaasee tajaajilli geejjibaa magaalattiitti akka addaan cite jirus beekamaadha Galgala kana geejjiba kan hin qabne Naqamteen sagaleen dhukaasaa akka irraa dhaga’amaa jirus madden baasaniiru.

Dhaamsi Koo Isin Gahee?/ Walaloo

Aside

Barataa Dachaasaa Deebisaa irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Abbas haadhas qaba kanan irraa dhufe

Garuu,osoon argee hin quufin abbaankoo na lufe

Osoon arguuf hawwuu abbaakoo arguu dhabus

Haatikoo na hin ganne yoon dhabee hagabus

Nan beeka abbaakoo dirqiin akka baase

Onneef gootummaansaa akka narraa fageesse

Yoon ijoollee ta’es gaafas,ijaanan geggeesse

Innis gurrakootti jedhee waa natti odeesse

Akkan harmee hin ganne dhaamsa natti dhaamee

Du’us gumaa kiyya baasi naan jedhee adeeme

Harmeenkoos gara laafettiinkoo dandeessuun rakkinaa

Injifadhuu gali yoo lubbuun jiraatteef turrus wal arginaa

Jettee………
Waan yeroodhaaf tursu galaas galaafteefii
Dhaamsi Koo Isin Gahee

FXG Lixa Wallaggaa Magaalaa Naqamteetti Eegale Haalaan Cunqursitoota Naasise Bitootessa 6,2016

Aside

IMG_20160304_082655 IMG_20160304_122936 IMG_20160304_122951 (1) IMG_20160304_122951Haalli Mootumma gabroonfataa aarsee kan finiinsef kan obsa fixaxee Uummati Oromoo gabroonfattoota hidhannoof afaan Qawweetti amanan irratti diddaa walirraa hin cinne gamtaan rog-arfan Oromiyaarraan finiinsaa jira.Akkasuma murni bicuu Waayyaanee ajjeechaa uummatarratti akka labsitetti gara jabummaadhaan sabichi akka miidhamu gooterti.Gochi Diina Kunis guyyaa gara guyyaatti haalaan akka guutummaan saba dammaqee mirgasaaf falmatu taasiseera.
Magaalaa Naqamtees gocha wayyaanee balaaleffachurratti xiyyeeffannoo kennee jira.guyyaa lamaa dura duulli dhabiinsa geejibaa kan hojiirra oole har’as Guutummaan magaalattii geejibaa guutummatti dhaabuun falma finiinsaa turan.
Hongeessitoonni Mirga namoomaa(Jaleen TPLF)) Konkolaachiftootaan “maa hojii dhaabdan? konkolaataa maaf hin ooftan?”jechuun yoo gaafatan,deebii Konkolaachiftootaa “Agaaziin dhuftee haa ooftu nuti humna waraanaa ganamaa galgala gaazii imimmanessaa gadi lakkisuuf jiraachuu hin dandeenye”jechuun murannoo isaanii himaniif.Waan kana jedhan qofaaf gabateen konkolaataa hedduun qabamee waajjira
galeera.Kunis maaf deemuu diddanii qofaaf Akkasuma Naqamtee keessatti Yuunibarsiitiin Wallaggaa FXG galgala kanallee akka irra jiran dhaga’ame.Humni Waraanaas Dhukaasa jabaa dhukaasaa jira.
Dhukaasa barattotarratti lakkifamaa jiruun miidhaa guddan dhaqabuu danda’a jedhamee sodaatama.Guutuu gabaasaaakka arganneen gurra isin buufna

Godina Wallaggaa Magaalota Hedduu Keessatti FXG Gaggeefamaa Oole.

Aside

Godina Wallagga Horro Guduruu aanaa Guduruu magaala Baaroo keessatti Guraandhala 4-5 /2016 kaleessaa irraa kaasuudhaan har’a FXG kan itti fufan barattootni fi jiraattootni aanichaa olaantummaa ABO fi Qeerroo faarsaa ooluu Qeerroon gabaasee jira. Daandiwwan diinatti cufuudhaan uummanni alaabaa qabachuun FXG finiinsaa jiran. Godina wallagga bahaatti Jimmaa Raaretti magaala Goobban har’a kaleessaa irraa kaasuun barattootni walitti dhufanii sirba qabsoo fi dhaadannoo dhageesisaa oolan har’a bakka jiranii barattootni walitti dhufuuudhaan diina dura harka qullaa dhaabbachuudhaan dhaadannoo isaanii dhageessisaa jiru.
Aanaa Amuruutti manneen jireenyaa kaabinootaa 3 humni addaa tarkanfi fudhatu uummata keessa goruudhaan barbadeesseee jira. walumaa galatti godina Horroo Guduruu fi Baha wallaggaatti magaalota kanneen akka Shaambuutti daandiwwan hedduun cufamani jiru. Uummanni kana booda mootummaa Wayyaanee ofirra kaasuu qabna jedhee murteeffatee ka’eera. Humni diinaa oromyaa keessa buufatee jiru comaandi post jedhamu magaala Naqamtee fi kanneen akka Amuruu, Shaambuu fi kkf keessatti ramadamee uummata irratti dhukaasa banuun ammallee akka hin dhaabne Qeerroon gabaasee jira. Dhaabbilee barnootaa hedduu keessatti barattootni hedduun ukkaamfamaa jiru.
Kana malees Godina Wallaggaa lixaa Magaalota akka Gimbii, Najjoo, Warra Jirruu, Goorii, Qilxu kaarraa fi Magaalaa Mandii keessattis fxg daran jabaachuurraan kan ka,e mootummaan wayyaanee raafama guddaa keessa seenee jira.Duulli geejiba dhaabuus haala jabaa ta’een itti fufuun guutummaan guutuutti dhaabbatee jira.Mootummaan faashistii wayyaanees sodaa fincila kanarraan kan ka’e uummata nagaa doorsisaa jiraachuun maddeen keenya argane Magaalaa Naqamteekeessatti jabaachuun guyyaa har’aa kanas Konkolaataa dhaabuu Konkolaachiftoota magaalaa Naqamtee keessa jiraniin jaabaatee itti fufee jira.Duuli taakssii dhaabuu fi baajaajotaa kun guyyaa lammaffaaf itti hojiirra oolee jira.
Guyyaa har’aa 05,03,2016 konkolaachistonnii magaalaa Naajoo wal ta’uun konkolaatan gara kamiitu akka hin sochoneef…konkolaachisu dhabanii jiru. Kalleessa galgalaa magaalaa naajoottii dargagonnii gara manaa hiidhaatii gurrama jiru….Kana malees Dargaggoo Eliyaas jedhamu barruu Qeerroo Bilisummaa facaafte uummataaf raabsiteetta sababa jedhuun haalaan reebamee jaallan isaa kaan waliin mana hidhaa keessa jira.

Walaloo Abdii Baalee Oromiyaa

Aside

Dhiiga Oromootaa
Akkam yaa lammii koo,xiqqaa fi guddaan biyyaa,
Hundi ilmaan Oromoo,magaalaa fi baadiyaa,
Jirra galata Rabbii,yaadaa halkan guyyaa,
Dhiigni lammii kootii,diinaan dhangalayaa,
Dhugaan ukkaamamtee,seenaan haqaa booyaa,
Jabaadhaa lammii koo,numatu milkaayaa!!!!!!!!!!!

Yaa miseensa diinaa,ilmaan bineensotaa,
Yaa warra abbaa garoo,sanyii Goobanootaa,
Minaasee W/Goorgis ilmi,ilmaan Wayyaanotaa,
Muktaar Kadiir fa’a,ergamaan saamtotaa,
Hooggantoonni gufuu,diinni Oromootaa,
Guyyaan sitti dhiitee,amma akkam taataa???

Dhaabni maqaa Oromootiin,tasa lafa dhiitaa,
Dagaagsituun diinaa,kopheen Wayyaanotaa,
Nu gurguraa turtee,lammii koo ajjeeftaa,
Oromoon dammaqee,barsiisaa fi barataa,
Tokkummaadhaan ka’ee,fira kee lagataa,
Diinni galuuf jiraa,ati hoo eessa seentaa????

Seenaa fi seera gattee,Oromiyaa muraa,
Diinni waamte,galte,sirratti tirtiraa,
Lammii kee ajjeessee,biyya qaxxaamuraa,
Si shakkee,si tumaa,hidhatti si guuraa,
Dimookiraasii sobaa,afaaniin siif hiraa,
Biyya kankee saamee,alagatti gurguraa,
Maqaa misoomaatiin,sirratti wal jijjiiraa,
Mee natti himi gadhee,nagaa maaltu jiraa???

Silaa ati eenyuu,eenyummaa kee beektaa,
Nama moo bineensaa,namni nama nyaataa,
Kan kee raajjii dhaa,maaf sobaan garmaamtaa,
Maaf dhiiga dafqaan bulaa fi qacalee ijoollootaa,
Maaf qareeyyii biyyaa,gootowwan goototaa,
Maaf Qaallitti buufte,galmee qabsaa’otaa,
Maaf karaa deebiftee,barsiisaa fi barataa,
Maaf dhugaa dagattee,Shiraan lafa guuttaa,
Seenaan galmeesseeraa,dhiiga Oromootaa!!!!!

Guyya mirga kan kee,alagaan to’ataa,
Gaafa lammii kan kee,si biratti tuffataa,
Gaafa irree cabsee,gaashiretti darbataa,
Gaafa eenyummaa kee,ofumaa dagattaa,
Gaafa dhiiga lammii,qawween dhangalaaftaa,
Ati du’uu kan kee,seenaan of yaadattaa????
………………………………………………………………………..

Gabroomsaan ni kufa,
Qabsoon itti fufa,
Bilisummaan ni dhufa!!!!

Bitootessa,2016
Abdii Baalee Oromiyaa-ABO

Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti diddaan Uummataa dhaabsiisuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata irratti waraana bane jabeessuun Uummatarratti dhukaasaa jira, uummatnis mormii isaa itti jabaate jira.‏

Aside

Bitootessa 5,2016 ,Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Diddaan Uummataa Dhaabsiisuuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee uummata irratti waraana bane jabeessuun Uummatarratti dhukaasaa jira.loltootni Wayyaanee afaan hin beeknee Magaalaa Baallaammii irra qubsiifamuun Qonnaan bultootaa fi sabboontoota Qeerroo dargaggoota Oromoo irratti tarkaanfii reebichaa fi humnaan ukkamsuun hidhaatti darba jiru, kanneen rukutamanii madeeffaman illee gara mana yaalaa utuun hin geeffamiin waraanaan dirqisifamani hidhaatti darbama jiran keessa
kanneen maqaan nu qaqqabee jiru:
1. Barataa Taarikuu Gusoo reebamee midhaa guddaan kan irra ga’e,
2. Barataa Eebbisaa Nagaasaa barataa 10ffaa waraanaan rebamee midhaa guddaan kan irra ga’ee jiruu fi mana yaalaa dhorkatame jiru.
3. Barataa Abdii Taarikuu reebichaa humna olii warananni abbaa isaa waliin irratti raawwate.
4. Obboo Taarikuu Baayisaa waraanaa wayyaaneen reebamee du’aa fi jireenya gidduu jira.
5. Barataa Gurmeessaa Cimdii waraanaan reebamee milla isaa irra akka malee madeeffamee kan jiru.
6. Barataa Sisay Lammeessa
7. Barataa Muldhisaa Taakkalaa
8. Barataa Geetuu Taakkalaa obbolaa laman
9. Barataa Iddoosaa Xuurii
10. Barataa Baay’ataa Mirreessaa kanneen jedhaman dabalatee yeroo amma kana ilmaan Oromoo 40 Aanaa Midaa Qanyii Magaalaa Baallaammii Wajjiraa Poolisii fi Buufata Waraanni Wayyaanee keessa qubatee jiru keessatti hidhamuun dararaan ulfaataan irra ga’aa jiraachuun madden keenya gabaasan.
YAADACHISA: Sirni gaggeessaa Sabboonaa daldalaa Oromoo dheengadda Waraana Wayyaanee uummatarratti banameen wareegamee Obboo Birhaanuu Xaafaa Baqqalaa abbaa ijoollee lama har’a Bakka dhaloota isaa Ganda Guddataa Gabaa Lagatti rawwata uummatni hedduminaan gara gaggeessa isatti socho’aa jira, Waraanni wayyaanee immoo ganamuma kanaan dhukaasa dhageesisuu egalanii jiru. Olmaa isaan walitti deebina.
Aanaa Midaa Qanyii gandoota akka Goosuu Wangee ,Baaroo Bidaaruu fi Guddataa Gabaa Lagaa dirree waraanaa fakkatee jira. Qonnaan bultootni
hedduun waraana wayyaaneen shoroorkeeffamaa jiru. Sagaalee dhukaasaa utuu wal irraa hin citiin waraanaa wayyaanee irraa guyyaa sadii dhukaafamaa jira.