Aside

habtamuGuyyaa Har’aa Bitootessa 8,2016 sa’a kanatti barattootni Yuuniversitii Finfinnnee dhibbaan lakkaawaman gara Embaasii Ameerikaa deemuun dhaadannoo dhageesisaa jiru, ammalle itti fufuudhaan naannoo gaar Inxooxxoo qabate qonnan bulaan gama Sulultaas bahuudhan daandi cufee mootummaa EPRDF hin barbaannu ofiin of bulchina, ABOn kallacha qabsoo keenyaati jechaa jiru.

Godina adda naannoo Lagaxaafottis qonan bulaan humna waraana karaa darabsu dhorkate jira. Yeroo amma kana yuuniversitiin Fifninnee kiiloo 4,5 fi 6 humna wayyaanetu dhokatee marsee jira. Barattootni barruu warraqsa guyyaama kana moora keesa facaassa jiran. FXG kunoo jabaatee hamam
dhufamtti itti fufe.

Guyyaa Har’aa, Dararaa Agaaziin barattoota Yuunibarsiitii Wallaggaa irratti fudhate‏

Aside

received_572676316241627 received_572676319574960 received_572676322908293Bitootessa 8,2016 Yuunversiitii Wallaggaa keessatti fincilli daran jabaatee itti fufee jira.hanga ammaattis barattoonni 25 ta,an miidhamanii hoospitaala seenanii ciisaa jiru.kanneen hafanis heedduudha.Kanneen gara mana adabaatti guuramani jiranis naannoo baratoota 43 kan ta,an hidhamanii akka jiran maddeen keenya nu qaqqaban ifa godhu.Baratoota halkan edaa rukutamanii hoospitaala naqamtee keessatti wallanamaa jiran keessa kan ammaaf maqaan nu ga,e :

1. Guddisaa Addisuu barataa electrical enginering waggaa 1 ffaa

2.Habtaamuu Tesfaayyee barataa urbaan engineringii waggaa 3ffaa

3.Waaqjiraa Simee barataa fiiziksii waggaa3ffaa
4.Tesfaayee Geetuu barataa compiiter saayinsii waggaa 1ffaa
5.Badhaasaa  Margaa barataa fiiziksi waggaa 2ffaa

6.Addisuu Dasaalee barataa compiiter saayinsii waggaa 2ffaa

7. Malasee Duukamo barataa aarbaan engineriing waggaa 4 ffaa

8.Toofik Abbaa Tamaam barataa electrikaal engineriing waggaa 1 ffaa

9.Rattaa Baqalee barataa fiizikssii waggaa 2 ffaa kanneen hafanis heedduudhaakkuma maqaan nu ga,een isiniin geenya.

Waraanni Wayyaanee Uummata Oromoo Nagaa Dhurkuun Wal Qabatee Tarkaanfiin Ummanni Osoo Hin Jaallatiin Waraana Of Irraa Ittisuutti Seene.

Aside

Bitooteessa 7,2016 Godina Lixa Shaggar  Amboo: AANAA MIDAA QANYIItti  Waraanni Wayyaanee Maqaa Waraana ABOtu Uummata keessa galee nurratti fincilchiisaa jira jedhuun uummata Shororkeessuu itti fufuun guyyaa har’aa Waraanni wayyaanee hedhannoo isaa guutuu qabatee Aanaa Midaa Qanyii ganda Garaadoo kan qarqara  Aanuunuutti argamtuu sakkatta’uuf sochii godhee Humni  Ittisaa Uummata Oromoo(HIUO) uummata isaa  irraa diina Ittisuuf tarkaanf uummataan walta’uun Diina uummata gooluuf adeemtuu irratti tarkaanfii Boombii F1 irratti dhoosuun fudhateen Waraana wayyaanee madeessuun salphina guddaan akka baqaan of duuba deebituu gochuun  sodaa hamaan of irra deebisuu danda’ee jira.  Akkuma Waraanni Wayyaanee kun Rifatee Of irra deebi’een Uummatni walitti Yaa’uun ganda Garaadoo keessatti sirbaa olee, Waraanni Wayyaanee dirqamaan nu hin bulchuu nuti waraana mootummaa sanyiin nu duguuguu Obsa ittiin dhaggeeffannuu hin qabnu Waraanni Wayyaanee hatattamaan Aanaa Midaa Qanyii gadhiisee bahuu qaba jechuun dhaamsa dabarfatan, hanga galgala kanaatti illee Uummatni walitti yaa’ee sirba gootaa sirbaa jira.

Aside

Guyyaa hara’aa Adoolessa 7,2016 Godina Wallaggaa magaalaa kanneen akka Najjoo,Gimbii,Jaarsoo fi biroo keessatti abbootiin qabeenyaa konkolaataa isaanii bobbaa irraa dhaabuun sirna mootummaa Wayyaanee irraa diddaa qaban muldhisan.Qabsoon diinagdeen mootummicha irra gahu itti fufee jira.

12019388_584340178384568_645021328_o 12675014_584355788383007_1662367522_o (1)

Godina Wallaggaa fi Shaggar Lixaa Keessatti FXG Haalaan Jabaatee Itti Fufee Oole.

Aside

Adoolessa 7,2016  Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo keessatti abiddi warraaqsaa Qeerroo Bilisummaan qabsiifame Wayyaanneen dhaamsuu dadhabdee rifannaa guddaa keessa galtee jirti.
Warraaqsi biyyoollessaa Qeerroo bilisummaan qabsiifame aammallee wayyaanee dhaamsuu dadhabuurraan kan ka,e uummata nagaa goollaa jirti.Godinuma kana jala kanneen jiran kanneen akka magaalaa warra jirruu fi Magaalaa Goorii keessattis Fxg bayyee jabaachuurraan kan ka’e qeerroon tarkaanfii boonsaa basaastotaa fi jala deemtota wayyaanee kan ta,an irratti tarkaanffii qabeenyaa qeerroon fudhateen manni barsiisaa girshaa kan jedhamuuf mana Dura ta’aa gandaa kan ta’e Gammachis Hodee jedhamu guutummaan guutuutti barbaddeesaniiru. Manni barnootaas edda addaan citee naannoo kudha afurii ta.e jira.Yeroo ammaa kanas mootummaaan wayyaanee fincila kanaan rifannaa keessa seenuun uummataaf baratootaan gara barnootaatti deebi’aa jechuun uummataan immoo ijoollee keessan dirqamaan akka mana barnootaatti ergitan jechuun uummatasf baratoota doorsisaa jiraachuu Qeerroon gababase.
Kana malees Godina Sahaggar Anaa ABUNAA Gindabaratti guyya kalleessa jechuu gaafaa guyya 27/6/08 halkaa keessaa sa’aa 2:30-4:00 tti waraqqaallee gargaaraa maxaansaa kan turee magaaala bakkee qalaxee keessatti ganamaaa isaa bartootni Anaa saan barnoota osoo deemaa jirni,bartoota fi jirtoota irratti reebichaa cimaa irran ga’aa kan ture humni garboonfaatan gara moormiitti jijjiramee ummani fi bartootni wali ta’an qabsoo cimaa irra kan jiran yoo ta’u.yero amma immo gibiraa mootuma kanafuluu didan jechudha ummata reebbaa kan jiranjdha.

Har’a Adoolessa 07,2016 Sa’aa Ammaa Kanatti Goototi Qeerroo Yuuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaanee Agaazii Waliin Wal Qabaa Jiru,FXG Haalaan jabaatee Itti Fufe

Aside

IMG_20160305_144450 IMG_20160305_144550 (1) IMG_20160305_144823 IMG_20160305_144834Finciilli xumura garbummaa gootota Qeerroo baratoota Yuunversiitii Wallaggaan ganama kanas bifa haaraan dhohee jira. Yeroo ammaa kanas baratoonni guutummaan guutuutti barnoota lagachuun barnoonni bilisummaa booda jedhaniidiina raasaa jiru.Galgala edaas akkuma beekamu Qeerroon yuunversiitii wallaggaa diddaa dhageesisaa turuun ni yaadatama

Haa ta,uyyuu malee mootummaan gabroonfataa baratoota nagaa irratti ol seenuun dhukaasa banuyyuu baratoonni kun sodaa tokko malee injifannoo boonsaa hojjetaniiru.Polisoota yuunversiitichaa dhagaadhumaan hariuun kaampasicha keessaa baasuun bosonatti galchuun injifannoo boonsaa galmeesisaniiru