Category Archives: Oduu/News
Aside

ቄሮ :የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም ንቱ: ዜና:: (SQ) March 12, 2016
Aside
SBO Bitootessa 13,2016. Oduu, Ibsa ABO Haala Yeroo Irratti, Gabaasa FXG, Gabaasa Hiriira Hawaasa Oromoo Berlin, Germany Fi Qophii Biroo…
Aside
Guyyaa Har’aa Bitootessa 12,2016 Barruuleen warraaqsaa Yuniversitii Wallaggaa Keessatti Raabsamaa Jira.FXG Itti Fufe.
Aside
Bitootessa 12/2016 FXG Yuunversiitii Wallaggaa keessatti ittifufe.Guyyaa har,aa kanas baratoonni diddaa barnoonni bilisummaa booda jedhu dhaadannoo godhachuudhaan diddaa isaanii itti fufanii jiru.Duulli barnoota dhaabuu kun edda jalqabee gu har,aan guyyaa shanaffaa isaa yemmuu ta,u baratoonni hundus barnoota dhaabuun gara maatiitti akka imalaa jiran maddeen keenya achirraa arganne ifa godhu.Guyyaa hara,a kanas ganama irraa ka,uun waraqaan Qeerroo guutummaa yuunversiitichaa keessa raabsamaa waan ooleef yeroo ammaa kanas hoomaan waraanaa Guutummaan mooraa yuunversiitichaaf naannoon isaas hoomaa waraanaan dhuunfatamteetti.Keessumaa guyyaa har,aa kana baratoonni muraasni doormii keessatti hafanii waan jiraniif baratoota kanaanis yookaanmooraa gadhiisaa yookiinimmoo daree barnootaa seenaa baradhaa jechuun poolisoonnifederaalaa fi kan kaampaasichaa baratoota akkadoorsisaa jiranillee maddeen keenya eeraniiru.Mooraanis yeroo ammaa kanas qullaa taatee jirti .
Rakkoo Bishaan Dhugaatii Godina Addaa fi Finfinnee Mudatee Jiru
Aside
Bitootessa 12,2016 Godina Addaa Buraayyuutti rakkoon bishaan dhugaatii uummata jiraattota qabatee jiruun oromiyaan dachee badhaatuu taatee utuu jirtu har’a mootummaa gabroonfataa kanaan rakkoo kanaan uummanni saaxilamee rakkina guddaa keessa seenee jiraachuu Qeerroon har’a gabaasee jira. Uummannis waan nyaannuu fi dhugnu dhabne mootummaadhumti kun nurraa ka’uu qaba jedhee sagale isa olkaasee jira. Rakkoon bishaanii dhugaatii fi nyaataan wal qabatee godina addaa qofa osoo hin taanee magaala Finfinnee guutummaattis jiraattota magaalittii irra gahee jira. Kanaan uummanni gaaffi isaa qabatee wayyaanee morma qabee hudhee jiraatuun bakka hundaatti mul’ataadha. FXG oromiyaalee godinoota garagaraa keessatti har’a adeemsifamaa jiru gabaasa Qeerroo irraa dhiyaatuun kan gabaasnu taha.
Aside
” Yaa Qeerroo” Walaloo Warraaqsaa
Aside
Barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaarraa Qabamanii Turan Hanga Ammaatti Dararamaa Jiru
Aside
Bitootessa 11,2016
Gochi shororkeessitootaa kan itti fufe dararaaf hammeenya diinummaa hanga har’aatti kan itti fufe yoo ta’u Gootummaan Qeerroon Oromoo osoo duuba hin deebine falmasaa jabeesseetuma jira.
Akkasuma torbee darbe keessa barattoonni FXG Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddaatti ka’een wal qabatee Barattoonni dhiira 14 fi Dubara 3 qabanii mana hiraarsaa Jimmaa(Meentiinaa) bakka jedhamutti dararaa erga turanii Booda dhiira shan baasanii kaansaanii ammallee dararaa jiraachuu keessayyuu rakkoowwan irra gahamaa jiran keessaa rakkoo nyaataa akka mudatee jiru akkasumallee Raagaa sobaa irratti kan fuudhamee jiru ittuu nama takkaallee arganii hin beekneen ragaan sobaa irratti funaanamaa jira gochi kunis barattoota Moorichaa Aarii guddaa keessa seensisee akka jiru dubbatu barattoonni moorichaa.
Aside
FXG Magaala Dirre Dawwaatti har’a Bitootessa 11,2016 ganama irra kaasee barattoota manneen barnootaa garagaraatin itti fufanii jiru. Aaddatti Qeeyroon mana barumsa sadarkaa 2ffaa fi sadarkaa 1ffaan fxg oofaa jiru. waranni sirna nama nyaataa wayyane daa’immaan harka qalama baatani gaaffi isaanii sagaledhan olkaasanii dhageesisan irratti dhukaasa bane jira. Ijoollen madoo taate jirti. Kan hdhaman kanbreebaman baayedha. Yeroo kana uummannis gara barattota isaatti fiige fxg kanatti makamat kan jiru.
Dirreedawaa keeysii dhukaasatu jira jedha qeeyroon ammaan tana.
fxg ammas barattootaan jabaate kan itti fufe jiru tahuun oromiyaa mara irraa qeeyroon gabaasa ergaa jira
