Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Jaarsoo Magaalaa Jaarsoo Keessatti Manneen Barnootaa Guutummaatti Cufaman,Kaabinooti Wayyaanee Irree Uummataan Adabamaa Jiru.

Aside

12067117_588254524659800_319808063_nBitootessa 17,2016, Godina Wallagga lixaa aanaa Jaarsoo magaala Jaarsotti barattootni Bitootessa 16 fi 17,2016  kaleessaa fi har’a mana barumsaadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaa guutuummatti cufamee jiraatuu Qeerroon gabaasee jira.
Misensotaa fi kaabinee Wayyaanee irratti tarkaafiin fudhatamee jira. manneen jireenyaa milishootaas gubatee jira. Tarkaanfii uummtaa fi humna hin beekamneen poolisoonni Wayyaanee hedduun madeeffamanii jiru.FXG ona kanatti halkan kanas kan itti fufee jiruudha. Humni addaa magaala Najjoo irra buufatee jira jedhu jiraattootni magaala Najjoo.

FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 17,2016

Erga gaafa Bitootessa 15,2016 Irraa Kaasee FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira, Godinaalee kanneen akka:-
1. Iluu Abbaa Booraa keeysatti – magaala Mattuu, Hurumuu, Baddallee, Manneen barnootaas sadarkaa 1ffaa Burusa keeysatti argamu sadarkaa 2ffaa fi qophiyaaninaa Hurumuu fi kkf tti wayyaanen humna badii ishee ergaa jirti. Uummanni fi barattootni godina Iluu Abbaa Booraa FXG akkuma eegaletti akka itti fufu jajjabina fi murannoo dabarsaa jira.
2. Godina Horro Guduruu fi Baha wallaggatti aanaalee kan akka Jaargadaa Jarte,Jimmaa Raaree, Naqamte, yuuniversitii wallagaga fi manneen barnootaa kannen akka Jaargada Jarte sadarkaa 2ffaa mana kombolchaa sadarka 2ffaa, mana barumsaa Abaabo Guduru sada.1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaatti wayyaane tarkaanfii dhumaa fudhanna jettee jirti. Barattootni fi uummanni godina wallaa bahaa fi horroo barattoota waliin hiriiruun FXG ammallee sodaa hidhaa fi ajjechaa malee itti fufee jira. Diinni tarkaanfii fudhachuun uummataaf haara miti bodatti hin deebinu akkam tahullee jechuun murteeffatee jira. Humni addaa oromiyaa keesa magaalota garagaraa qubatee jiru FXG uummata Oromoo dura dhaabbachuu hin dandeenye.
3. Wallagga Yuuniversitii dame Gimbiitti argamu barumsa dhaabanii jiru. BARATAAN WALLAGGA YUUNIVERSITII MAIN KAAMPAASI IRRAA DHABAME NUUF HAA DEEBI’U BARATAAN HIDHAME HAA GADHIIFAMU HUMNI WARAANA MOORAA KEESA BUUFATEE JIRU HAA BAHU KAN DUEEF GUMAA NUTU BAASA jechuun waraqaaleen mooraa yuuniversiii dame Gimbiitti bittimfamaa jira gidduu kana. Barataanis barumsa dhaabee mooraa keessa buufatee jira. Barattootn nyaata lagachuunis beekameera.
4. Adaamaa Yuuniversitiitti diinni barattoota irratti tarkaanfii suukkanneesaa fudhataa jira barataan moraa yuuniversiti Adaama harki guddan hidhamee jira kaan maati isaatti baqatee jira kan ukkaamfame hedduudha jedha qeeyron adaamaa. Waardiyaa fi poolisiin mooraa Yuuniversitii barattootni keenya utuu ukkaamfamanii hin ilaallu jechuun hojii gadhiisaa jiru waardiyaan humna diinaa mooraa seenaa jirutti karra cufe reebichaan miidhamee jira.
Akka walii galaatti dhaabbileen barnootaa oromiyaa keessa jiru humna diinatu dhuunfatee jira addatti humna addaa wayyaanee. Manni hidha Wayyaanes wal hankakee jira
– Hidhaan hiika hin tahu
– Bilisummaan keenya dhufeera
– Uummanni Oromoo gabrummaatti hin hafu
– Wayyaaneef kana booda dhumeera
– Mootummaan wayyaanee shororkeessadha
Jechuun baratootni fi Qeeyroon godinoota addaa oromiyaa keessa Buraayyuu, Laga Xaafoo, Sulultaa, Sabbataatti waraqaa bittimsaa jiru.

Oromoon qabsoo hanaga ammatti gaggeesseetiin ol, Qabsoo ijibbaataafi kan maayii tokko yoo tarkaanfachiise wareegama hanga ammaatti baasaa ture firii itti gochuun bilisummaa isaa nigoonfata!!

Aside

 Hariiroo Jorgoon

darooo labuuWarraaqsi/siyaasaan ni dhalata, ni guddata, nidullooma nidu’a kan jedhamu mirkaneeffachuuf, dhalachuu Qeerroo Bilisummaa Oromoofi du’a EPRDF/TPLF wayyaanee hubachuun gahaadha. Siyaasaan EPRDF har’a dulloomuu bira taree du’ee tortoreera. Ammaa booda akkaataa deebi’ee ka’uu hindandeenyetti dhumateefii jira. Amma iddee hundatti sabni hundi wayyaanee xireeffateera. Qabsoon Oromoos ta’e kan saboota biraa ammaa booda ta’ullee waa’ee awwaalcha reeffa EPRDF/TPLF isa tortoree ajaawe kanaati. Awwaalchi TPLF kun ammoo fuula sadii qaba. Isaan kana keessaa inni sadarkaa duraa akka gaariitti raawwatameera. Amma sadarkaa lamatu hafa. “Ofiifuu duuti maaf of huuti?!…” akkuma jedhamu, duraan dursa TPLF kan wadaroo morma isheetti of keesse gaafa federaalizimii diigdee master pilaanii dirqamaan gaggeessuuf yaalte ture. Kun du’a ishee yemmuu ta’u. Qabeenyaan TPLF Oromiyaa keessa kallattii kamiinuu akka hinsossoone ta’e. Yeroo har’aa sanyiin TPLF Oromiyaa keessa socho’ee dalagatuu danda’u hinjiru. Kun ofdurallee kan yaadamu miti. Kanaaf Awwaalchi TPLF inni jalqabaa as irraa eegale. Amma yeroo har’aa TPLF fi sanyiin isaanii kan dalagachuu danda’an Finfinneefi naannawa biraa keessatti qofaadha. Naannawa biraa yeroo jennu tigraayiin dabalatee jechuudha. Oromoon qabsoo hanaga ammatti gaggeesseetiin ol

Aside

Bitootessa 15,2016 Godina Wallaggaa anaa Jaarsootii bartonnii manaa barumsaa sadaka 2ffaa fi qopha’insaa jaarsoo mormii jabaa dhageessisa olanii jiru haalumaa kanan motummaan wayannee namoota hiidha jiru kane7661_587694608049125_7789094319861921021_nen hiidhamaan
1, B\sa Adamuu Du12829159_587696114715641_4424549878746469208_oreessoo
2, Dasaleeny Alamayyoo
3, Jabeessaa
4,Gammee dargagonnii hedduun baqataanii jiru,

Godina Arsii Lixaa Aanaa Kofalee Ganda Ashkoo Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Raabsamaa Oole.

Aside

Bitootessa 14,2015

Godina Arsii lixaa aanaa kofalee ganda Ashkoo keessatti kaleessa irraa kaasuun waraqaale dhaadannoo hedduun kan magaala keessa faca’ee jiru
– Uummanni oromoo Bilisummaa barbaada
– Ajjechaan uummata oromoo irra gahaa jiru haa dhaabbatu
– Gumaa barattoota keenyaa haa baafanu
– Mootummaan wayyaanee nun bulchin
– Qabeenyaa diinaa irratti tarkaanfii fudhachuu qabna
– Wayyaaanee aangoo irraa hanga buusnutti boodatti hin deebinu
– Oromiyaan haa bilisoomtu
– Wayyaaneen hattuudha uummanni qabeenya keessan eeggadhaa Kan jedhu warqaalen xixiqqaan bittimfamee jira. Shaashimannee
dabalatee waraqaan bittimfamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Kaabinoonni fi ergamtootni diinaa magaalota keessaa miliqaa jiru humni
wayyaanee haala kana sodaatee meeshaa gurguddaadhaan godina arsii keessa buufataa jira.