Category Archives: Oduu/News
Aside
Mootummootiin abbaa irree Meeshaa waraanaa dhiisanii otoo bakakkaa hidhatanii dhufan illee Bulchiinsonni humna waraanaa isaanii, humna uummataatii ol ta’anii hinbeekan!!
Hariiroo Jorgoon
Gola seenaa wayta qorannu Bulchiinsi humna waraanaa Biyyoota addunyaa keenyaa hedduu keessatti kan raawwatee darbe ta’ullee akka ardii afriikaatti garuu kan irratti dagaagee hin argamu. Bulchiinsa humna waraanaa
“Harmee Oromiyaa,Qeerroon Lafaa Kaatee” Riyad Sabona ft 2c ( New Oromoprotest Music 2016
Aside
FXG Itti Fufe! Barattooti Oromoo Waraana Agaazii Wayyaaneen Wareega Kafalaa Jiru.
Aside
Bitooteessa 23,2016
FXG Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiru sadarkaa guddaatti ce’aa jira,haala kana keessatti gaaga’ama ulfaataan uummata keenya irra gahus qabsoon FXG itti fufee jira.
Suuraan kun sabboontuu fi barattuu Amartii Hinsarmuu jedhamti ganama kana 23/03/2016 mana barumsa ASK Nekemte keessatti rasaasa waraana Wayyaaneen Agaaziin mataa ishee ruktamte. Afaanii fi Funyaaniin dhiiga hedduutu mataashee keessas yaa’aa jira. Haala yaaddessaa keessa jirti.
Humni Waraana Waayyaanee Tarkaanfii Suukanneessa Uummata Lixa Oromiyaa Magaalaa Najjoo Irratti Fidhachaa Jira.
Aside
Bitootessa 23,2016
Gochasaarraa akka waan gabbeetti kan haasa’uu mootummaan Waayyaannee har’allee tarkaanfolee ajjeechaaf fuguuginsa sanyii osoo nurraaa hin dhaabiin jiraa jedhu jurattoonni Najjoo Akkasuma har’a FXG adeemsifaamaa jiruun miidhama da’immanrraan ga’aa akka jiru Qeerroon Najjoo dubbata mucaa ganna 11 kan kutaa 5ffaa baratu barataa Soorummaa Ashaalee har’a mana barumsaa Abdiisaa Aagaa keessatti itti seenuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahanii jiru.Mucaan hanga ammaatti dubbachuu akka hin dandeenyeef du’afillee shakkii guddaa keessa jiraachuu gabaasaan
keenya achii gabaaseera. Haalli Soorummaarra ga’e ittuu barattoota finiinsuun guyyaa har’aa
sa’atii kanatti manneen barnootaa Abdiisaa Agaa,Qophaaina Najjoo,Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaaffaa Gaaddisa Odaa BBB hojiirra oolchuun dhaadannoowwaan
#Saamichiif duguuginsi sanyii Lammii keenyarraa haa dhabbatu
#Nuun dhimma bilisummaaf dubbanne dhahichiif Jimulli duuba nu hin deebisu
#gowwomsaa Wayyaanee hin fudhannu
#gumaa nama du’ee isa jirutu baasa
#gumaan hin nyaatamu gumaa gumaatu baasa
Jedhuun guutummaa magalatti raasaa jiru FXG hanga bilisummaatti itti fufa jedhaniiru.
Godina Wallaggaa Aanaa Laalloo Assaabii Irraa Barataan Kutaa 10ffaa Baratu Waraana Wayyaaneen Butame.
Aside
Bitootessa 23/2016 Barataan kutaa 10ffaa baratu Guutuu Birruu Waraana Wayyaaneen Butamee Bakka Bu’e Hin Beekamu.
Sochii Qeerroon kan waalii qabate Godina Wallaagga lixa Aanaa lalo Assabii mana barumsaa Inangoo sadarkaa lammaffaa kutaa 10 ffaa kan baraatu. Baraata Guutuu Birruu. Humnaa warraana biyyaa qabamee laafa in bu’e wallalame.Rabbii lubbuu isaa nuuf haa bararuu. Galmeen seena Oromoo sii waamtii.
Aside
Wallagga Magaalaa Naqamte Keessa Barruuleen Waamicha FXG Daran Tamsa’e.
Aside
Bitootessa 23/2016
Alaabaan Adda bilisummaa Oromoo(ABO) halkan edaa akka urjii magaalaa Naqamtee fi naannoo Yuunversiitii Wallaggaatti ifaa bulte.Barruulleen warraaksaas halkan edaa naannoo yuunvesiitii wallaggaatti rasbsamaa bulaniiru.yeroo ammaan kanas humni federaalaa guutummaan magaalaa naqamtee keessa ABO tu gale jechuun uummata nagaa doorsisaa jiru.naannoon yuunversiitii wallaggaas humna waraanaan marfamtee jirti.
Jimma Yuunibarsiitii Mooraa Guddaa(main campus) fi Mooraa FBtti Waraqaaleen Qeerroo Tamsa’an
Aside
Balaaleffannaan murna bichuu Waayyaanee Gootota Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaatiin itti fufuun hoomaan Waraanaa Yuunibarsiitichatti galee osoo eeguu Gootummaa jabaadhaan mormii akkuma eegalanii jiran waraqaalee Qeerroo kan barreefamnisaa alabaa keenyaan faayamtee dhaadannoowwan ciccimoo of irraa qabdu rabsaamaa turan.Waraqaaleen kun mooraa FB keessattis haalaan dhoobameera.Akkasuma Alabaan ABO kalariin hojjetamee wal cinatti maxanfamaa tureSirna Awwalcha Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaarratti Mormiif Dhaadannoo Jajjaboon Barattoota Baha Wallagaa Giddaa Ayyaanaatiin Gaggeefamaa Oole
Aside



