Ficcilli Xumura Gabrummaa gootota Qeerroo barattoota Oromoon deemaa jiru daran jabaate

Aside

12421715_1037276516311262_532280854_nBitootessa 28/2016 Ficcilli Xumura Gabrummaa gootota Qeerroo barattoota Oromoon deemaa jiru daran jabaatee guyyaa har’aa mooraa barattoota Koolleejjii Asaalla barsiisotaatti ka’een humni tikaa reebicha hamaa erga fudhatee booda mana hiidhaatti isaan guure, amma kana qilleensa irra baasi adaraa namoota hidhaman
1) Caaltuu Kumalaa…..keeemist­irii labiraatoorii waggaa 1ffaa
2 Fiqiruu Mitikkuu…baayooloj­ii lab waggaa 1ffaa
3 Addisuu …….wagggaa tokkoffaa lab
4 Lalisee…….waggaa­ sadaffaa muummee afaniifibarattoota maqaan isaanii hin beekamne hedduutu hiriiricha keessaa humna tikaan miliqfam. Amma iyyuu nannoo walkeessa jedhamtuu kessaa demmun nama gura jiru akka jiran Qeerroon gabaasa.

FXG Itti fufee daandiin Naqamte irraa Finfinnee geessuu cufamee barattooti 9 hidhamuu Qeerroon gabaasa.

Aside

Guyyaa Har’aa Bitootessa 28 bara 2016 Wallagga magaalaa Naqamteef naannoo ishee keessatti FXG finiinfamaa oolee jira.Fincilli kun manneen barnootaa qophaa,ina Naqamtee,Daaloo fi mana barumsaa Biiftuu Naqamtee keessatti daran jabaachuun yeroo ammaa kana baratoonni barnoota lagachuun mooraa gadlakkisanii gara maatiitti deebi,anii jiru.sababni isaammoo baratoota kanneen warqaa eenyummas bifa haaraan akka fudhataniif haala dhoksaan basaastotaaf kennannii baratoota warra kaaniifis sobanii ittiin barnootatti deebisuuf yaalaa akka jiran Qeerroon gabaaseera.Mana barumsaa Daaloo jedhamu keessatti immoo tarkaanfiin loltoonni Wayyaanee barattoota qabfuuf jedhanii qabeenyaa moorichaa irratti fudhataniin guutummaa fuullee mastaawatii mana barumsichaa caccabsuun hojiin ala godhaniiru.Daandiin Naqamtee gara Finffinnee geessus naannoo keellaa jedhamutti cufameera.Baratoonni 9 immoo gaaffi tokko malee gara mana adabaa seenanii jiru.

Gootonni Qeerroo Barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa Irra Deebiin Sagaleesaanii Magaalaa Jimmaatti Taasisan

Aside

 

Bitootessa 26,2016

struggleAfaan qawween dorsifamuun kan duuba hin deebifne barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Arfanirraa Wal ga’uun Walakkaa magaalaa Jimmaa Bakka City centre jedhamutti sagaleesaanii dhageessifataa oolaniiruAkkasuma waamicha eenyummaa guutummaa magaalattii keessa ka jiran ilmaan Oromoo maraaf taasisaniiru.Hirirri kun har’a sa’a ja’arraa eegaluu miidhamni tokkollee osoo barataarra hin ga’in goolabame Dhaamsa Uummata Oromoo Magaalaa Jimmaaf

  1. Nuti ilmaan Keessan osoo osin jirtanii dahoo dhokannee dhabnee yeroo gara yerootti dararaan nurra ga’a jiraachuu hubatanii,nu cina akka dhaabbattan sochiin eegalame hanga galma ga’utti waan itti fufuuf isinilleen nu cina dhaabbadhaa
  2. Gaaffiin Keenya gaaffii Uummata Oromooti malee gaaffii dhuunfaa miti.Kanaaf gaaffiin Oromoo dhiga Oromoo hunda akka ilaallatu hubachuu qabdu.
  3. Yeroo lammiin keessan baadiyyaa hanga magaalaatti gaaffii Abbaa biyyummaa gaafatutti calliftanii taa’uun bor seenaa jala akka hin baane nuuf hubadhaa jechuun dhaamsa Uummata Oromoo magaalattiif dhaamaniiru.

Kanuma waliin edaa Qeerroon Yuinibarsiitii Jimmaa mooraa Technology science waraqaa Qeerroo fii Alaabaa dhabatanii jiran Waraqaan Qeerroon tamsaafamaa Turan Dhaafannoowwan adda addaa.