Bitootessa 28/2016 Ficcilli Xumura Gabrummaa gootota Qeerroo barattoota Oromoon deemaa jiru daran jabaatee guyyaa har’aa mooraa barattoota Koolleejjii Asaalla barsiisotaatti ka’een humni tikaa reebicha hamaa erga fudhatee booda mana hiidhaatti isaan guure, amma kana qilleensa irra baasi adaraa namoota hidhaman
1) Caaltuu Kumalaa…..keeemistirii labiraatoorii waggaa 1ffaa
2 Fiqiruu Mitikkuu…baayoolojii lab waggaa 1ffaa
3 Addisuu …….wagggaa tokkoffaa lab
4 Lalisee…….waggaa sadaffaa muummee afaniifibarattoota maqaan isaanii hin beekamne hedduutu hiriiricha keessaa humna tikaan miliqfam. Amma iyyuu nannoo walkeessa jedhamtuu kessaa demmun nama gura jiru akka jiran Qeerroon gabaasa.
Category Archives: Oduu/News
FXG Itti fufee daandiin Naqamte irraa Finfinnee geessuu cufamee barattooti 9 hidhamuu Qeerroon gabaasa.
Aside
Guyyaa Har’aa Bitootessa 28 bara 2016 Wallagga magaalaa Naqamteef naannoo ishee keessatti FXG finiinfamaa oolee jira.Fincilli kun manneen barnootaa qophaa,ina Naqamtee,Daaloo fi mana barumsaa Biiftuu Naqamtee keessatti daran jabaachuun yeroo ammaa kana baratoonni barnoota lagachuun mooraa gadlakkisanii gara maatiitti deebi,anii jiru.sababni isaammoo baratoota kanneen warqaa eenyummas bifa haaraan akka fudhataniif haala dhoksaan basaastotaaf kennannii baratoota warra kaaniifis sobanii ittiin barnootatti deebisuuf yaalaa akka jiran Qeerroon gabaaseera.Mana barumsaa Daaloo jedhamu keessatti immoo tarkaanfiin loltoonni Wayyaanee barattoota qabfuuf jedhanii qabeenyaa moorichaa irratti fudhataniin guutummaa fuullee mastaawatii mana barumsichaa caccabsuun hojiin ala godhaniiru.Daandiin Naqamtee gara Finffinnee geessus naannoo keellaa jedhamutti cufameera.Baratoonni 9 immoo gaaffi tokko malee gara mana adabaa seenanii jiru.
Faaruu Dhaamsa Jaallewwanii Kora ABO Magaala Edmeenton Kanaadaa Keessatti Ta’e Irratti Godhame,Bitootessa 25-27,2016
Aside
“Hafuursaa Lolee” Artist Ibro Ibsaa Wallee Warraaqsaa Haaraa Bitooteessa ,2016
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Bitootessa 27, 2016
Aside
Waldaan Qeerroo Billisumaa Oromiyyaa Kuta UK Yeeroo Duraatif Walgahii Isaa Milkidhan Xumuratanii Jiran!
Aside
” Wal Harkaa Fuuna” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Caalchisaa Abarraa/ 2016
Aside
SBO Bitootessa 27,2016. Oduu, Ibsaa fi Murtii fi Kutannoolee Itti baha Walgahii Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii (PAFD), Walgahii PAFD kana irratti gaaffii fi deebii miseensota Gumii Sabaa ABO J.Odaa Xasee fi J.Dr.Shuggux Galataa waliin geggeeffame, akkasumas Gabaasa FXG Oromiyaa
Aside
Waamicha Qeerroo Idil-Aduunyaa Washingotn, DC
Aside
Gootonni Qeerroo Barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa Irra Deebiin Sagaleesaanii Magaalaa Jimmaatti Taasisan
Aside
Bitootessa 26,2016
Afaan qawween dorsifamuun kan duuba hin deebifne barattoonni Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Arfanirraa Wal ga’uun Walakkaa magaalaa Jimmaa Bakka City centre jedhamutti sagaleesaanii dhageessifataa oolaniiruAkkasuma waamicha eenyummaa guutummaa magaalattii keessa ka jiran ilmaan Oromoo maraaf taasisaniiru.Hirirri kun har’a sa’a ja’arraa eegaluu miidhamni tokkollee osoo barataarra hin ga’in goolabame Dhaamsa Uummata Oromoo Magaalaa Jimmaaf
- Nuti ilmaan Keessan osoo osin jirtanii dahoo dhokannee dhabnee yeroo gara yerootti dararaan nurra ga’a jiraachuu hubatanii,nu cina akka dhaabbattan sochiin eegalame hanga galma ga’utti waan itti fufuuf isinilleen nu cina dhaabbadhaa
- Gaaffiin Keenya gaaffii Uummata Oromooti malee gaaffii dhuunfaa miti.Kanaaf gaaffiin Oromoo dhiga Oromoo hunda akka ilaallatu hubachuu qabdu.
- Yeroo lammiin keessan baadiyyaa hanga magaalaatti gaaffii Abbaa biyyummaa gaafatutti calliftanii taa’uun bor seenaa jala akka hin baane nuuf hubadhaa jechuun dhaamsa Uummata Oromoo magaalattiif dhaamaniiru.
Kanuma waliin edaa Qeerroon Yuinibarsiitii Jimmaa mooraa Technology science waraqaa Qeerroo fii Alaabaa dhabatanii jiran Waraqaan Qeerroon tamsaafamaa Turan Dhaafannoowwan adda addaa.



