FXG Haalaan Jabaatee Magaalaan Naqamtee Humna Waraana Wayyaanee Liyyuu Haayilii ykn Qeybaahir Jedhamuun Weeraramtee Jirti.

Aside

stFincilli xumura garbummaa magaalaa naqamtee fi naannoo ishee keessatti guyyaa harraa Bitootessa 30,2016 kanas itti fufee oolee jira.Halkan halkanis magaalattii kessatti dhukaasni daran humna hin beekamneen akka bishaanii roobsamaa bulaa jira .fincilli kun daran jabaachuurraan kan ka,e humni liyyuu aayil yookiin qaybaahir warri jedhaman jedhaman guyyaa harraa kana magaalattii keessa makiinaa kan hayyundai qixqixii tokkoon magaalattii keessa naanna,uun uummata goolaa jiru.Uummata hidhuu ,reebuu fi mana uummataa olseenuun poolisiin oromiyaa fi humni federaalaan fattashuun daran jabaatee jira.Uummanni magaalattiis sodaa tokko malee fincila kana eenyuyyuu boodatti nun deebisu jechuun finiinsuu itti fufaniiru.

Ukkamsaaf Dararaan Uummata Baha Wallaggaa Sibuu Sireerratti Hammaate

Aside

Bitootessa 30,2016
because-i-am-oromoAjjeechaaf Hidhaan Oromiyaa bakkeewwan hedduutti guutummmaa guututti kan itti fufe.Moorummaan afaan qawweetti amanu gochasaarra duuba osoo hin jenne itti fufe.

Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti gochaawwan Ukkaamsaa Namoota Baay’inaan Afur taa’anirratti fidhatamee jira

Kanas maatiin Namoota hidhamanii guyyaa lamaaf mana hiraarsaa Magaalaa Siree keessatti argamutti deddeebiin hubachaa erga turanii
guyyaa muraasa gidduutti bakka buuteesaanii dhabnee yaaddoo guddaa keessa seenne jedhu Namoota kanneen
1,Obbo Mangistiu Tashoomaa
Obbo mangistuun abbaa ijoollee afurii yoo ta’u waggoota barataan biyyaa keessa hin heddummanne keessa barnootasaanii xumuruun Diploma nama of harka qaban taa’anillee eenyuummaasaaniif bakka guddaa waan laataniif akkasuma Hawwasaa nutti kakaasaa jirta sababa jedhuun waan ittiin baratanii ba’aniin Hawwaasa isaanii tajaajiluu hin dandeenye.Akkasuma yeroo gara yerootti ABO mana galchitee soorta sababa jedhuun dararaa jabaa irraan gahaa turani har’as gochi akkanaa namoota Akka Obbo Mangistuu heddurra ga’a jira Obbo Mangistuurraas dararaan osoo hin dhaabbatin maatiisaanirra ukkamfamanii jiru
2,Lataa Guuta
3,Badhaasaa Geetahuu
4,Tasfaa Dhaaba
Yoo ta’an eessa buutensaanii hanga ammaatti hin baramne.

Fincilli Xumura Gabrummaa Oromoo Magaalaa Asallaa Keessatti Bifa Addaan Itti Fufe,Namoonni Hedduus Waraana Wayyaaneen Qabamuun Hidhaman.

Aside

Bitootessa 30,2016 Sochiin FXG magaala Assaala keessatti ittii fufinsan gaggeffama jira Agaazii waarri jedhaman Barattota irraattii gocha hamma rawwaacha jiru Kaleessa Galgala Barattoonni Dhiira 108 fi Dhalaa 56 Qabuun Halkan Reebaa Bulanii Barattooti Shamarranii Baay’een Miidhamaniiru gargarsa wal’ansaa barbadu. Nama reebbuu malee namn Gargaru hin jiru nutis dhokkane jira Barsiisota Keessaas Namoonni Shan Hidhamaniiru Isaa Keessaa: B/sa Tufaa Fiiziksii Barsiisa Kaan Ammoo Maqaa isaanii akka Barreen Gabaasna

Gochi Rifaasisaan Barattoota Yuuniversitii Jimmaarratti Raawwatamaa Jira

Aside

Gochi Rifaasisaan Barattoota Yuunibaraiitii Jimmaarratti Raawwatamaa Jira
Birootessa 30,2016
Yuunibarsiitiin Jimmaa Keessatti dhiittaan mirga namaa hammachurraa darbee hidda dheerafatee jira.Barataa Oromo irratti yeroo gara
yerootti yakka tokkoon malee ragaa sobaa funaanamuun hiraasaa fi ari’a kan as ga’e mootummaan Wayyaanee ammas yakkoota akkasii daran babal’isee jira.
Barattoota 9 irratti ragaa sobaa funaanuun  himata kanneen irratti badii tokkoon malee bane keessaa daawwitii manneen mootummaa caccabsitan jechuun Qarshii 41800 kuma afurtamii tokkoof dhibba sadeetiin himataa jiraachuu beekame.

Aside

Bitootessa 30,2016 Qeerroon Wallagga lixaa magaalaa Jaarsoo jalaa deemtoota wayyannee kan tate OPDO boqonnaa dhorkee jira. Guyyaa har’aas waraqaa “Qabsoon keenyaa hangaa bilisummaattii hin dhabatu: OPDOn ummataa oromoo bakka hin butuu: Hiidhaafi Ajeechaan dubbattii nun deebisu: ” kan jedhu torbee torbeen moraa maneen barnoota wajjiraalee motummaa akkasumaas maneen ummataa keessa faccasuun: motummaa Wayyannee nasuu guddaa keessa galchanii jiru.

Godina Qellem Wallaggaa ona Jimma Horroo ganda Gomboo jedhamu keessa Bitootessa 28/2016 Qeerroon 28 humna waraana Wayyaaneen ukkaamfamuu Qeerroon gabaase.

Aside

Gabaasaan Qeerroo akka ibsutti  godina Qellem ona garagaratti walgayiin wayyaanee fi mariin mootummaan uummata gowomsuuf karaa
ergamtoota isaa OPDOtiin uummata dirqisiisuuf yaalan feshalaa’uu fig alma gahuu diduu irraan ona kana keessatti walgayiin kamuu
gaggeeffamaa kan hin jirre yeroodhaa yeroottis kan feshalaa’uu fi FXG baadiyaa dabalatee itti fufee waan jiruuf qindeessitoota FXG jedhamuun
daraggootni 28 ganda Gomboo keessaa yoo butaman ganda warraa Baabboo jedhamu keessa dargaggootni 5 ol ukkaamfamuu Qeerroon gabaasee jira. kun guyyaa har’aa Bitootessa 28/2016 tahuu gabaasni ibsa.
Har’a sa’a booda waraanni dachaafamee gara Ona Jimmaa Horrootti guuramaa jira. Uummanni FXGtti waan makamee jiruuf WBOnis achiin biyya
seenee jira jechuunis wayyaaneen waraana ishee garasitti guurrataa jiraatuu Qeerroon gabaasaa jira.