Category Archives: Oduu/News
Aside

#OromoProtests :- Heenook Joorjii “Garaan Keenya Hin Fayyu” New Oromo Music 2016
Aside
Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ilaalchisee Faaruu Warraaqsaa
Aside
Matootii dhaaboota shanii waliigaltee isaani xumuratan. Via unity of oppressed people – PAFD.
Aside
Aside
Barsiisota,Daldaltootaa fi Jiraattota Oromoo Godina Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Keessaa Hoomaa Loltoota Wayyaanee Naannicha Weerareen Dararamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Gurmuun Tumsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Biya Australia Kutaa Perth Keessatti Argamu Dargaggoota Ogadeen Perth Waliin Dhimmoota Mirga Sabaa Irratti Mari’ate:
Aside
Gurmuun Tumsa Qeerroo Oromoo Perth fi dargaggootni Ogaden Perth haala itti qabsoo biyya keessaa itti gargaaruu danda’an Ebila 2,2016 walitti dhufuun marii gaggeeffatan. Akka odeessi biyya Australia lixaa, magaalaa Perth irraa nu gahetti Uummatni Oromoo fi Uummatni Ogaden hiree walfakkaatu qabaachuu irraa qabsoo bilisummaa gaggeessaa jiraachuu, kana irraa ka’uun jaarmayoonni kallacha qabsoo isaanii (Adda Bilisummaa Oromoo fi Adda Bilisummaa Biyyoleessa Ogaadeen) kanneen hireen isaanii wal fakkaatu (Benshangul, Gaambellaa fi Sidaamaa) waliin Tumsa Ummattootaa kan dimokiraasii fi bilisummaa utubuun ka’uumsa walitti dhufeenya isaanii akka ta’e hubatameera.
Marii yeroo jjalqabaaf gaggeeffatan kana irratti akkaataa hawaasa isaanii lamaan caallatti walitti gurmeessuun danda’amu, haala fuula dura waliin itti hoijjachuu danda’an, hawaasa fi dargaggoota gar lachuun keessatti waan Uummatota lamaan wal fakkeessu odeessa uummataan gahuu danda’aamu irratti marii bal’aa gaggeeffachuu isaanii gabaafameera.
Hunda caala muuxannoo qabsoo fi jaarmayaa waliif qooduun qabsoo bilisummaa fi dimokiraasii biyya keessatti gaggeeffamaa jiru attamiin gargaaruu akka danda’anii fi tumsa taasisan attamiin waliin qindeeffachuun akka danda’amu irratti xiyyeeffatanii akka hojjatan waliif galaniiru.






