Qeerroon Godina Harargee Magaalaa Awadaay Sirna Qindaayeen Kabajatan.

Aside

Ebla15 Sabboontoowwaan ilmaan Oromoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Kan magaalaa Awwadaay jiratan guyyaa Ebla 15,2016 kabaja guyyaa Gootota Oromoo sababeefachuun tuutni Qeerroo Aawwadaay sabboontoota gaara mullataa baddannoofii bakka garagaraa irraa dhufan wajjiin qophii qopheefataniin gootowwan Oromoo kan wareegaman yaadachuun qabsoo diddaa gabrummaa itti fufuun gumaa jaallan keenyaa bilisummaan baasuuf irbuu harayoomfatan.

Yeroo Ammaa Kana Mootummaan Wayyaanee Magaala Finfinnee Keessa Geejjiba Hanqisuun Uummata Hiraarsaa Jira.

Aside

IMG_20160420_092207Ebla 20,2016 Magaalaa Finfinnee keessatti hanqina geejjibaafi taaskii magaalattiin uummati akka kanatti rooba keessa ijaajjee hiriiraan taaskii eeggata

Daandii baaburaa magaalaa Finfinnee keessaa bakki inni hincqaqqabnee naannoo hawaasi Oromoo baay’inaan jiraatu fi hanqina taaskiitinis,bakkuma hawaasi Oromoo itti heeddummaatudha

Magaalonni Godina addaa naannoo Finfinnees kanneen malaammaltummaan manca’aniifi gidduu kana magaalaa Buraayyuu irraa lafti hojjettoota mootummaaf hirama waan jedhameef saboonni biroon waraqaa eenyummaa magaalichaa matta’aa guddaan fudhatanii ittiin wal galmeessaa akka jiranis beekameera

Suurri asiin gaditti argamu kun uummata Finfinnee Askootti rooba keessa didaabee illee utuu of irraa hin qabaatin taaskii eeggatu kan agarsiisudha

Aside

cong coong(SBO Bitootessa 19 Bara 2016) Koongirasiin Amarikaa Dhimma Dhiitamiinsa Mirga Dhala Namaa Oromiyaa keessatti geggeeffama jiru irratti bakka ummatin oromoo BiyyaAmarikaa Kutaa Bulchiinsa gara garaa, Biyya Kanadaa kutaa Ontaarihoo Magaalaa Ottawaa fi Torontoo argamanitti rakkoo Saba oromoo irra mootummaa TPLFn gahaa jiru dhaggeeffachuun mootummaan Amarikaa dhimma kana kan yeroo kamii caalaa xiyyeeffanaa itti kennuun akka faana bu’anu Kongiras Tom Lantos dubbatan.ummatin kumaatamaan waltti dhufe kun Daandiiwwan Washington DC gurgguddoo cufsiisuun Hiriira Nagaa guddaas geggeeffataniiru.