Aside

Ebla 26,2016 Yuunibarsiitii Harammayaa muddama guddaa keessa seentee jirti. Basaasoti Wayyaaneee Nahom Balchaa jedhamu haleelan. Sababaa kanaan walqabatee waraanni hedduminaan gara mooraa Yuunibarsiititti seensifame.Goototni Barattootni Oromoos mooraa keessa akka gadi hin baanee human waraanaan ittifaman.

Haala Kanaan Ebla 25, 2016 humni hin beekamiin basaasaa Wayyaanee beekkamaa kan ta’e maqaan isaa Nahoomaa Baalchaa jedhamu irratti tarkaanfii jabaa fudhataniiru. Basaasni Wayyaanee kun kan mooraa Yuunibarsiitichaa keessatti gochaa farruummaa barattoota Oromoo irratti dalagaa jiru yeroo garaagaraatti gochaa diinummaa kanarra dhaabbatuu waan dideef tarkaanfiin cimaan irratti fudhatame jedhu namoonni haala gochaa isaa xinxalan. Sababa kanaan walqabatee Waraanni Agaazii mooraa Yuubibarsiitichaa keessatti barattoota reebichaan dararaa fi jumlaan hidhaatti guuraa bule. barataan kamuu akka balbala hin baanef hanga har’a sa’aa boodaatti dhorkamaa turuu ibsaniiru.

Godina Arsii Lixaa Aanaalee Doddolaa, Shaashimannee fi Kofalee Keessatti Waraanni Wayyaanee Uummata Saamaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Ebla 25,2016, Godina Arsii lixaa aanaa Doddolaa, Shaashimannee fi Kofaleetti waraanni mootummaa faashistii Wayyaaneen saamicha uummata Oromoo irratti raawwataa jiraatuu fi nama nagaa daandii irra deemus hidhuun beekame.
Kana males akka Qeeyroon godinichaa addeesssutti barataa hedduun ukkaamamaa jira mootummaa godina Arsii keessi guuutummaan ABO jechuun murteessee jala muree qabatee jira. kanaaf uummanni miidhamuun itti baayataa jiraachuu fi waraannis gocha saamichaa humnaan nama qabee daandii gubbaatti qarshii kiisiidhaa hanga saamutti gahee jiraachuu Wayyaaneen saroota badiisaa uumataatti gadhiistee jirti.
Baha shawaa magaala Bishooftuu fi Maqii akkasuma gugda booratti doorsisni uummatatti hammaatee akka jirutu gabaafame. Akka gabasni ibsutti mana mana irra deemuudhaan milishootni wayaanee fi kaabinoonni mootummaaf uummata kadhachuu fi araaraa fi doorsisas kan of keessaa qabu mana uummataa irraa deemaa akka jiran Qeeyroon gabaasee jira.
Mootummaa kana yoomiyyuu ofirratti hin feenu jedhanii deebii kenna jira. Nuti kan barbaannu Bilisummaadha kunimmoo kan dhufu mootummaan kun hamma oromiyaa irraa harka isaa deeffatu fi oromiyaan ofiin of bulchitu abbaa biyyaa oromiyaa haga dhufutti qabsoon keenyas itti fufa bilisummaanis yerooma sana dhufa jechuun uummanni godina baha Shaggar  keessa diinaafaan qabachiisaa jira. Hidhaan uummanni mirga isaaf falmaa jiru maqaa shororkeessummaan komatamaa jira.