Waltajjiin Bulchiinsa Gaarii Olola Wayyaanee Godinoota Oromiyaatti Kennamu Roobii Dhufu Kennama!‏

Aside

Caamsaa 8,2016 Gabasa Qeerroo

Abbootiin Seeraa Oromiyaa Adaamaattii torbee kana “dhimmaa bulchiinsaafi itti fayyadama lafa baadiyyaa fi labsii hojjetaaf hojjechiisaa akkasumas beenyaa lafaa” jedhu irratti marii kan geggeessan yeroo ta’u, gaaffii jabduun mootummaa garboomfataa TPLF qunname sirni isaa “beenyaan uummata gadi xiqqeessamee uummati saamamaa kan jiruufi tasuma kanfalamaafi kan hin jirre ta’uu,bulchiinsi aanaa fi gandaa uummata sodaachisuun erga irraa fuudhee booda ‘ni amansiisne’ jechuun uummataa sirni kun saama jira jechuun komiii qaban irra darbanii ” waltajjiin kun haa baddu”jedhanii wayyaaneetti abbootiin seeraa akka qoosan beekameera

Kana malees torbee itti deemnu kana roobii dhufurraa kaasanii abbootii seeraa Oromiyaa sadarkaa gadinaa jiraniif “Walgahiin Abbaay Tsahaayyee” qophaa’ee maqaa bulchiinsa gaarii jedhuun kan qophaa’e yeroo ta’u, Abbaay Tsahaayyeen gara Dambidoollootti imaluu hin oolu jechuun odeessi keessa isaanii ba’e hubachiiseera.

Abbootiin Seeraa Oromiyaa “walgahiin Abbaaxahaayyee ni dhaqxaa?!” jedhanii imaammata fi sirnichaaf tuffii qaban akka mul’isaa jiran beekameera

Caamsaa,8 2016 FXG Itti Fufuun Wallagga Aanaa Najjoo Bulchiisa Warra Jirruu Keessatti Gaggeefamaa Oole.

Aside

20160507141817 20160507142244Fincilli xumura garbummaa guyyaa har’aa jechuun caamsaa 08/05/2016 daran jabaachuun godina Wallaggaa Lixaa aanaa Najjoo bulchiinsa magaalaa warra Jirruu keessatti itti fufee jira.Humni federaalaas magaalaa kana keessa oliif gadi deemuun uummata nagaa goolaa jiraachuun beekamee jira.Magaalaa kana keessatti mootummaan gabroonfataan wayyaanee uummata gandaaf gandaan qoqqooduun uummata walitti buusaa jiraachuu maddeen keenya achirra nu qaqaban eeraniiru. Haaluma kanaan mootummaan aangoo isaatti fayyadamuun biyya bulchaa jiru Magaalota  kaneen Goorii fi warra jirruu jedhaman gidduutti dhimma aanaan wal qabateen gandoota kana gidduutti walitti bu’iinsa uumaa jiraachuu maddeen keenya gabaasu.

Aside

13183123_1345223115504168_1766153221_nCaamsaa 7,2016 Yuunibarsiitii Haroomaayaatti Barataa Muummee ‘Hydraulics and Water Resource Engineering’ waggaa 3ffaa kan ta’e Bilisummaa Gonfaa Birraatuu ganama har’aa humna tikaa mootummaa wayyaaneetiin ukkaamfame. Bilisummaa Gonfaa kanaan dura bara 2014 mormii dhimma ‘master plan’ Finfinneetiin walqabatee ka’erratti humna tikaan qabamee mana hidhaa ‘Maa’ikalaawwii’tti dararamaa ture. Barataan kuni dararama hamaa yeroo sana mana hidhaatti irra gaheen miidhaawwan fayyaa hedduuf saaxilamee ture. Yeroo dheeraaf achi keessatti dhukkubsachaa waan tureef dhumarratti miidhaan irra gahe lubbuuf sodaachisnaan gadi lakkisan. Barataan kuni ammas akkuma duraanii adamfamee humna tikaan ukkaamfameera.

Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sulultaa Keessaa Kaabinoota Wayyaanee Dabalatee Namoonni 25 FXG Duubaan Jirtu Jedhamuun Hidhaman.

Aside

Caamsaa 4/2016 Godina Addaa Nannawaa Finfinnee bulchiinsaa magaalaa Sulultaatti mootummaan abbaa irree wayyaanee sochii warraaqsaa FXG uummataa Oromoo keessaa harka qabduu jechuun “malaamaltummaas dalagdani” jirtuu jechuun kabbinootni bulchiinsaa magaalaa Sulultaa kan keessaatti argamaan namootni 25 poolisii Federaalan qabamuun mana hidhaatti darbaman. Warraaqsaa biyyoolessaa Oromiyaa marsaa 5ffaaf gaggeeffamaa jiru keessatti Uummatni Oromoo jiraattootni Magaalaa sulultaa fi qonnaan bultootni nannawaa Magaalaa Sulultaa lafti isaanii irra fudhatamee diddaa cimaa gochuun lafa isaanii deebisanii qabachuu fi lafa qotee bulaa bulchiinsa magaalatti jala qalfamees uummanni warraaqsaa cimaa godhee itti yaa’ee kan waliif qoodee ta’uu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Ilmaan Oromoo sabboontoota ta’aan kanneen lafti uummataa seeraa alaa saamamuun sirrii miti jedhan har’a malaamaltummaan himatamanii namootni ilmaan Oromoo 25 fi kan kaabinootni Bulchiinsaa magaalaa sulultaa illee keessatti argamaan hidhatti darbamani jiru.

Kaabinootni Bulchiinsaa Magaalaa Sulultaa gaafa uummatni bahee fincila gochuun lafa waliif hiraa ture utuu argitanii beekaa dhiisatanii akka uummatni hirmaatu gootan jedhamuun doorsifama kan turan yoo ta’uu yeroo amma kana mootummaa wayyaanee gooftolii isaaniin qabamani
hidhatti darbamani jiru.
Kana malees mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo sabboonummaa qaban kanneen dhaaba ergamtuu wayyaanee OPDO keessatti argamaan malaamaltummaan sobee himatee hidhatti naqaa jiraachuu odeeffannoon Oromiyaa bakkoota garaagaraa irraa nu qaqqabaa jiru ifa godhe jira.
Kanaafuu ilmaan Oromoo sabboontota taatan kanneen hojii ogummaa keessaniin sadarkaa garaagaraa irraa hojjechaa jirtaan dammaqinsaan duulaa Oromummaa diinni banaa jiruu dura akka dhaabattanii uummataa keessan waliin falmattanii fi akkeeka farrummaa diinaa irraa of eeggannoo akka gootaan dhaamsa isiniif dabarsina.

 

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Dhaabota Qabsoo Bilisummaa Oromoo Jedduutti Araara Bu’e Ilaalchisee  Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo  irraa Kenname!!

Caamsaa 02/2016, Finfinnee

Mariin Araara buuse, Ararri Wal Hubachiisee Tokkummaa Hawwamuun Gaha.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo walitti dhufeenyaa fi araaramuu dhaabota qabsoo bilisummaa  Oromoo (ABO, KWO, ADO, ABO tokkoomee) Yeroo dhageenyu bilisummaa Ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa dhiyeessuun Umurii gabroomfataa gabaabsee,  Injifannoo maayyiin nu gahuutu  nutti dhagaa’ame.

Tokkummaan Uummata Oromoo akka sabaattis ta’ee akka qabsoo bilisummaa Oromootti lafee fi dhiiga gootota qaaliin ijaaramee ture. Qabsaa’onni Oromoo haalota adda addaan wal hubachuu dhabuun gargar bahanii diina innikaa kan taate sirna Wayyaanee irratti qabsaa’urra gufuu wal jala kaahuun fedhii fi dantaa Ummata Oromoo miidhee kan gabroomfataa gabbisaa turuurraa Oromoon hin aarre, hin gubanne hin turre. Har’a garuu sun hundi seenaa ta’ee akka hafutti dhaaboleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo walitti dhufanii mari’achuun dantaa saba Oromoof dursa kennanii araara buusuu isaanii yommuu dhagahamuu nu hundaaf akka sabaatti gammachuu gammachuu oliiti. Kanaaf yeroo ammaa kana Oromiyaan gammachuu keessa jiraachuu ibsuu barbaanna.

Ararri bu’e gaafii Ummata Oromoo fi qabsaa’ota Oromoo maraa kan ta’e tokkoomuu jaarmayoota Oromoof bu’ura akka lafa kaahametti hubatna. Akkuma ibsa bakka bu’oota dhaabolee bilisummaa Oromoo araaraman irraa dhagame wareegamni nuti Qeerroon bilisummaa Oromoo, dargaggoo fi shamarran Oromoo, abbootii fi hawwan keenya FDG – FXG  yeroo dhiyoo as baasaa turree fi jirru, akkasumas injifannoolen cululuqoon mooraa QBO keessatti galmeeffame Araara kanaaf dhiibbaan uumne jiraachuu amanna. Ammas akkuma abbootiin keenya dhiigaa fi lafee isaaniitiin tokkummaa Ummata Oromoo mirkanessanii nuun gahan hubachuun nuti Qeerroon bilisummaa Oromoo mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo tasgabbeessuun tokkummaa Jaarmayoota Oromoo bu’urri taa’e kana fiixaan baasuu keessatti gahee nurraa eegamu akka bahannu beeksisuu feena.

Akka Oromootti aadaa bareeda qabnu keessaa tokko waldhabdee ilaa fi ilaalmeen hikkachuu danda’uu keenya. Manguddoonni keenya jabeessanii qabeenyi nuuf tiksuu qaban aadaa bareedaa fi qabsoo bilisummaa Oromoof murteessaa ta’e kanaa dha. Manguddoonnii fi hayyoonni Oromoo araara kana milkeessuuf dadhabdan dirqama keessan sirnaan bahattaniittuu gaalatoomaa jechaa ammas daandiin hedduun akka isin hafee jiru yaadachiisuu barbaanna.

Nuti Qeerroon Oromoo warraaqsa biyyoolessaa bifa qindaa’ee fi ijaarameen Ebila 11/2014 ifaa fi labsiin eegalle yeroo irraa gara yerootti muuxannoo horanneen Ummata keenya ijaarrataa, humna keenya jabeeffachuun sochii keenya bal’ifatnee wareegama qaaliin abbaa irree kan ta’e Wayyaanee raasuun dhaadannoo aanga’oota wayyaanee “likki Inaasgabaachawaallen” jedhanitti akka gaabban taasisuun dandeenyeerra; kana irra kan nu boonsu akeeka kaaneef galmaan gahuuf afaanii fi afuura tokkoon dhaaboleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo nu waliin dhaabbachuu keessan.

Kanaaf tumsi guddaan isin irraa barbaannu afuura tokkummaa, ilaalcha tokkummaa, jaalala Oromummaa kan walitti nu ijaaruu fi wal nu abdachiisu eegaltan hojiin nutty mul’isuu keessan. Kun jiraannaan karoorri FXG  marsaa 5ffaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon  qophaa’ee gara balbala bilisummaa Oromootti nu geessu daandii sirrii qabatee ariitiin galma keenya akka dhyaataa jirru yaadachiifna.

Maayyiirratti  dhaamsi dhaabolee bilisummaa Oromoo oduu gammachiisaa fi hamlachiisaa kana nuun geessan arfaniif qabnu  miseensotni fi deeggartootni keessan hundi,  waliigalattii uummata Oromoo sabboonaa fi sabboontuun, Qeerroo fi Qarreen, qabsa’onni  dirree fi gootota barattootni Oromoo hundi karoora FXG kan marsaa 5ffaa, bara 2016 fiixaan baasuu keessatti gaheen keessan olaanaa ta’uu hubattanii qabsooftanii qabsoofsiftan dhaammanna.  Warraaqsaa FXG marsaa 5ffaa gaggeessinu cinattiqabsoo bilisummaa Oromoof eeggannoo cimaa akka goonuu fi lootee galtuu ergamtuu diinaa dammaqinsaan akka of irraa eeggannuu dhaammachuun walitti dhufeenyi fi araarri  ABO fi dhaabolee qabsoo bilisummaa Oromoo gammachuu guddaa nutti dhaga’amee fi gaaffii uummataa keenyaa fi sabboontoota Oromoof deebii kennuu keessaniif galatoomaa jechaa, dhimma araaraa fi tokkummaa kana ilaalchisee fuunduratti ibsa bal’aa uummata keenyaaf akka kenninu beeksifna.
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Tokkummaan Humna!!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo

GaraGalchaa

  • Adda Bilisummaa Oromoo (ABOf)
  • Adda Bilisummaa Oromoo Tokkoomef
  • Kallacha Walabummaa Orormiyaaf fi
  • Adda dimokiraatawaa Oromoo  (ADO)

Marii Araaraa Dhaabota Oromoo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Caamsaa 2 2016