Wallagga Kolleejjii Barsiisota Naqamtee fi Naannoo Keessatti FXG Itti Fufee Jira.

Aside

IMG_20160527_034622Caamsaa 27, 2016 Fincilli xumura garbummaa guyyaa har’aan kana Kolleejjii Barsiisotaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti daran jabaatee itti fufee jira.Fincilli kun kan jalqabe mooraa kolleejjichaa keessatti yemuu ta’u fincilli kun baballachuun irraan kan ka’e uummanni naannoo sanaa itti dabalamuun guutummaan naannoo sanaa raafamaa jirti.IMG_20160527_042251

Mootummaan gabroonfataan wayyaanees fincila kanaan sodaa guddaa keessa seenuun waraana isaa gara baratoota kanaatti erguun baratoota nagaa irratti aara ija imimaanessu darbachiisuun baratoonni heeduu irraan miidhaa guddaa geesisuun maddeen keenya achirraa nu qaqaban  ifa godhu.IMG_20160527_042240

Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufee jira. Manneen Ummataas Irratti Diigamaa Jira.

Aside

 ffCaamsaa 26/2016 Magaalaa Finfinnee fi Magaalota naannawaa Finfinnee keessatti mormiin uummataa akkuma jirutti jabaatee itti fufee jira. Diigumsii manneen jireenyaa keenyaa mootummaan nurratti raawwataa jiruun uummatni kumootaan lakka’aman kutaa Boolee Bulbulaa irraa dahoo jireenyaa dhabuun dararaa argaa jiraachuun hubatamee jira.

Mootummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa Fayyadamuun Manneen jiraattoota Cunqurfamoo fi Maatii abbaa Qa’ee fi abbaa Lafaa ummata Oromoo humna waraanaan dirqisiisuun doozeraan diigumsi manneen jireenya jiraattoota itti fufee jira.FF Bolee

Haalli Magaalaa Finfinnee Kutaa Boolee Bulbulaa warraa Gannuu irratti rawwatame Magaalota Finfinnee fi naannawaa Finfinnee Duukam, Qaallittii, Aqaaqiii, Burraayyuu, Sabbataa, Sulultaa, Laga Xaafoo Laga Daadhii fi guutummaa biyyatti keessattuu Magaalota Oromiyaa fi Finfinnee Irratti Xiyyeeffachuun diigumsi seeraan alaa humna waraanaa fi Doozeraan fayyadamuun itti fufee jira. Lammiileen biyyatti hedduun dahoo dhabuun balaa ulfaataaf saaxilamaa jiru.

ff boooleeQeerroon Bilisummaa Oromoo Yeroon gamtaan dhaabbatanii mirga ofii kabachiisuuf falmatan amma jechuun Goototni, Dargaggootni barattootni, sabboontootni Oromoo, uummatni Oromoo fi uummattootni biyyattii sabaa fi sablammootni cunqurfamoon harka wal qabachuun haa falmannu; hanga abbaa irraa aangoo irraa qaarisnee mirga keenya gonfannutti falmaan itti fufa jechuun barruulee warraaqsaa bittinneessuu fi uummataaf waamicha sochii waarraaqsaa jajjabeessu gochaa jiraachuu hubachisa.

Waraanni Agaazii Wayyaanee Godina Arsii Bahaa Aanaa Seeruu Keessaaa Uummata Nagaa Manneen Sakata’uun Goolaa Jira.

Aside

Caamsaa 26,2016, Godina Arsii bahaa aanaa Seeruu gammoojjii Elelle jedhamtu keessatti WBO fi ABOn seene shakkii jedhurraa kan kaate mootummaan wayyaanee ummata tumuufiimanneen namaa seenanii sakkatta`aa jiraachun dhagayame,waggoottan darban keessattis naannoo kanatti ummata qabdee ajjeesaa fi qaamaa hir`ataa gootee ABOtuu ummata akkas godhe jettee dubbachaa turuun isii ni yaadatama, bifuma wal fakkaatun aanaa collee naannoo Maanya jedhamutti ummata doorsisaa fii reebaa jiraachun dhagahame,Shaashamannee, Asaasa Dodolaa, Qoree keessatti namni galgala saa`atii afur dabarsee deemun dhoorkaa ta`uun himamame`Godina Shagar bahaa magaalaa adaamaa yuuniversiitii Adaamaatti waraqaan waamichaa fxg qeerroofii ummata magaalaa adaamatiif jedhu faca`ee magaalan adaamaa waraana qofa taatee jirti.

Godina Wallaggaa Qellem Ona Gidaami Keessatti Waraanni Wayyaanee Buufatee Ummata Jeeqaa Jira. FXGs Itti Fufe

Aside

GidaamiiCaamsaa 25,2016 /Qellem wallaggaa aanaa Gidaamitti kaleessa irraa kaasee Qeerroon waraqaa garagaraa maxxanseen akkasuma raabsee fi kaabinootaa fi milishoota kanneen mootummaa wayyaanee jala fiiganii uummata miidhan irrattsi yeroodhaa yerootti tarkaanfiin waan fudhatamaa tureef dabalata ta’ee kaleessa irraa kaasee dhaadannon garagaraa magaalichatti barruudhaan bittimfameen har’a waraanni Wayyaanee aanaale hedduu keessa buufatuun uummataa fi Qeerrooo ona Gidaamii doorsisaa fi shororka uumaa ooleera.

Namootni hedduunis deggeraa ABO fi Qeerroo jechuun qabamanii jiru. Guyyaa har’aa aanaan Gidaamii fi naannoon ishee waraana humna agaazii jedhamuun weerarameetu jira. Qeerroon dhaadannoo isaa ammallee kan itti fufee dhageesisaa jiru Gidaamii2

– WAYYAANEEN GALUU GEESSETTI KA’I HIN KAANA YAA OROMOO

– OROMIYAAN NI BILISOOMTI

– GIBIRA HIN KAFFALINAA

– MOOTUMMAA WAYYAANEE HIN GABBARINAA

– EENYU ISHEEN DAANGAA OROMOO LIXXU IRRA EJJETTEE MORMA ISHEE HIN
KUTTU

Jechuun dhaadannoo osoo mana barumsaa irraa galaa jiranii barattootni dhaadanno kana fakkaatu dhageesisaa oolaniru. Barruuwwwan waraaqsas Qeeyroodhan bittimsamaa jiraatuuun Qeeyroon har’a ona Gidaamii irra gabaasee jira.