Category Archives: Oduu/News
Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan, hagamuu yoo ture, yakka dalaganiif itti gaafatamu:Oduu yakkamtooti Mootuommaa Ixoophiyaa dhagahuu hin barbaanne
Aside
Leelloo Sabaatiin, Caamsaa 2016

Manni murtii addaa kan Tokkumaa Afriikaa biyya Seneegaal keessatti, prezedaantii biyya Chaad kan duraanii Hiseen Habree hidhaa umurii guutuu, kaleessaa gaafa 30/05/2015 itti murteesseera. Bara 1982 irraa hanga bara 1990tti, yeroo prezedaantii Chaad turetti, nammi kan aangoo cimaa kan qabu fi guddoo sodaatamaa ture . Bulchiinsi isaa, humna poolisaa hamaa kan ummata nagaa: ajjeessaa, guraaraa (hiraarsaa), hidhaa, koreentiin gubaa, fi gudeedaa turee dha. Bulchiinsa nama kanaa jalatti, ummata Chaad kuma afurtamaa olitu poolisa inni ajajuun ajjeeffame. Yakka kana ummata Chaad irratti oggaa raawwataa turetti, nammi kun, guyyaa tokko aangoo irraa darbamee yakka isaatiif seeratti dhiyaatuu akka danda’u tasumaa yaadee hin beeku. Tuffii ummata Chaadiif qabu irraa, ummatni kun, guyyaa tokko, aangoo irraa isa buusee seeratti dhiyeessuu akka danda’u itti hin dhagahamu ture. Haa ta’u malee, yakka inni hojjeteef, aangoo iraa buusee seeratti dhiyeessuuf, qabsoo ummatni Chaad obsaa fi muratnoon gegeessen, aangoo irra darbamee seeratti ni dhiyaata jedhamee kan hin yaadamne Hiseen Habree, seeratti dhiyaatee, mana murtii tokkummaan Afrikaa dhaabeen, hidhaan umurii guutuu itti murtaahe.
Yakka ummata isaa irratti dalage kanaaf, seeratti dhiyeeffamee itti gaafatamuunii fi adabamuun Hiseen Habree, abbooti irree dhiiga ummattootaa dhangalaasuun jiraataniif eergaa jajjabaa kan dabarsuu dha. Gabroomfattooti fi abbootiin irree, ummata cunqurfamoo: ajjeesanii, guraaranii (hiraarsanii), gudeedanii, koreettiin gubanii fi saamanii biyya alaatti baqatuun jireenya qananii fi nagaa jiraachuu akka hin dandeenye adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun ifatti kan garsiisuu dha. Gabroomfattooti dhiiga ummattoota cunqurfamoo dhangalaasanii osoo itti hin gaafatamin yeroon isaan nagayaan itti jiraatan gabaabbachaa akka jiru dhaamsa cimaa kan dabarsuu dha. Adabbiin Hiseen Habree irratti murtaahe kun, Gabroomfattoota dhiiga ummattoota cunqurfamoon harka dhiqatan hunda, guyyaan akka itti dukkanaawaa jiru kan mirkaneessuu dha. Waggoota dagdamii shan darbaniif, osoo hin nuffine, Hiseen Habree seeratti dhiyeessuuf obsaa fi murannoon ummata Chaad irraa mul’ate, hagamuu kan yeroo fudhatu ta’u illee, ummattooti cunqurfamoon haqa isaanii akka argatan kan dhugoomsee dha.Kanneen harka isaanii dhiiga ummattoota cunqurfamoon dhiqatan
SBO Waxabajjii 01,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Barruu Leelloo Sabaa fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Caamsaa 31, 2016
Aside
Barattooti Oromoo hedduun baatii 4 oliif osoo qormaata tokko irra hin jiraatiin Ma’ikalaawwii keessatti dararaa irra gahamaa jira,kanneen keessaa hammi tokko.
Aside
Barattooti Oromoo hedduun baatii 4 oliif osoo qormaata tokko irra hin jiraatiin Ma’ikalaawwii keessatti dararaa irra gahamaa jira,kanneen keessaa hammi tokko.
- SHALLOO NAGAASA. ………..ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
- KISUU TULLUU ………..ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
- GADAA GAMMAACHUU….ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 4FFAA
- WAYYEECHA TAMMIRUU … CIVIL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
- YOOHANIS FURGAASA………MECHANICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
- BOORANAA ABARRAA …MECHANICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFAA
- ZAWUUDUU NUGUSEE…..AGRO-ECONOMICS WAGGAA 3FFAA
- IYOOB MUL’ISAA………..ENGINEERING WAGGAA 1FFAA
- WASAANUU ……….ELECTRICAL ENGINEERING WAGGAA 3FFA
- MOOTUMMAA KIFLEE ..CIVIL ENGINEERING WAGGA 2FFAA
Sochii Fincila Xumura Gabrummaa dhaabuuf kan Taankiin dadhabe,” Ye Selaam Hayil” bakkaan gahuu hin danda’u.
Aside
Leelloo Sabaa Irraa
Fincilli Xumura Gabrummaa Oromiyaa mara keessatti akka abida bonaa belbelaa jiru, mootummaa wayyaanee fi sirna gabarummaa Impaayera Ixoophiyaa hundee irraa raasee rifatuu hamaa keessaa galchee akka jiru, ummata Oromoo fi amba biratti ifatti beekameetu jira. Ummatni Oromoo, yeroo kamuu caalaatti, ammaan tana, gootummaa seenaa qabsoo ummattoota addunyaa keessatti argamee hin beekne garsiisuun, mirga akka seera: Waaqaatti, uumaatti, addunyaatti fi seenaan qabu deebifatee abbaa biyya isaa Oromiyaa fi abbaa qabeenyaa Oromiyaa ta’uuf falmaa hadhooytuu geggeessaa jira. Falmaa haqaa fi seeraa ummatni Oromoo geggeessaa jiru kana dhabamsiisuuf, waraana hanga funyaaniitti hidhate fi sirnichaaf guddoo amanamaa ta’e ummata Oromoo irratti yoo babbaase iyyuu, mootummaan Wayyaanee fincila Xumura Gabrummaa ummata Oromoo cabsuun qabsoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa jaarraa tokko oliif deemaa jiru, amina inni gara galma isaatti godhaa jiru irraa dhaabuu hin dandeenye. Fincila ummata Oromoo dhaabuuf, ololli daangaa hin qabne irratti oofamu illee, akkasumas, gorsitooti fi leenjistooti biyya ambaa doolora miliyoona hedduun bitamanii irratti yoo duulchifaman illee, mootummaan Wayyaanee, Warraaqsa Xumura Gabrummaa golee Oromiyaa mara keessatti deemaa jiru injifachuu hin dandeenye. Sochii Fincila Xumura Gabrummaa Taankiin hin dandeenye
Godina Booranaa Malgaalaa Yaabelloo Keessatti FXG Gootota Oromoo Qeerroon Itti Fufee Jira.
Aside
Fincilli Xumura Garbummaa Baha Wallaggaa Waamaa Hagaloo Mana Barumsaa Qophaa’ina Naqamteetti Eegalame
Aside
Caamsaa 30,2016
Baha Wallaggaa magaalaa Moxee keessatti FXG haala ho’aa ta’een Qeerroon sagalee dhageessisaa Jira,sochii warraaqsaa eegalame hanga
fiixaan baasnutti duuba hin deebinu sagaleen hedhu gurmuu barattootaagidduudhaa dhaga’amaa ture haala sochii warraaqsaa itti fuufsiisuuf duubatti akka hin deebine walii galan,Akkuma qorumsarraa dhorkamanii bahaniin sirba qabsoo gobiin lafa dhiitaa jiru






