Category Archives: Oduu/News
“Nuuf Haa Baatu Biiftuun Bilisummaa” Wallee Warraaqsaa Haaraa Waxabajjii 2016
Aside
Caamsaa 2012 Sochii Qeerroon taasisaa qaboo hardhaan gahe keessatti qooda Shamarran Oromoo daandii baadiyyaa irratti gumaachan.
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 4 June 2016
Aside
Hiriira Mormii Beljiyem magaalaa Brussel keessatti gaggeeffame
Aside
SBO Waxabajjii 05,2016. Oduu, Gabaasa FXG fi Qophiilee Adda Addaa Haala Yeroo Irratti Fuulleffatan
Aside
Qaroon Oromoo Kan Ta’e Dr.Daaniel Gizaachoo Magaalaa Jimmaatti Lubbuun Dabarte
Aside
Waxabajjii 4,2016, Dr, Daaniel Gizaachoo muummee medicin Yuunibarsiitii Jimmaatii bara 2016 kana keessa eebbaaf kan qophaa’u yoo ta’u,Akka Xoophiyaatti barattoota fayyaa ciccimoo 6 filatamanii barnootaaf biyya Jarman deemuuf jedhan keessaa tokko yoo ta’u. Doktor Daniel sabbooummaa isaan nama haalaan jabaa fi qabsoo Oromoo gadi fageessee kan hubatu ta’uun beekama.
Dr,Daanie’l waldhaansaaf Hosptala Jimmaa seenee hadoochaa qaamni isaa fudhachuu dandayuu ol waan itti kennameef jecha lubbuun isaa dabartee jirti. Waaqayyo jannata isaa haa banuuf,maatii isaafis jajjabina haa kennuuf jedha Qeerroon Bilisummaa.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 04,2016
Aside
Qabsoo Biyya Biraa irraa Uummatni Keenya Maal Barata?
Aside
Damee Boruu irraa
Gabrumaa jalatti kufuun Oromiyaa biyya lafaa irraatti isa duraas miti; isa dhumaas tahuu hin danda’u. Daandiin qabsoo bilisummaa hadhaa’a fi jajjalataa wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye akka gaafatu beekamaa dha. Qabsoon godhamu bara dheeraa fi umurii dhaloota heddduu fudhachuus ni danda’a. Walii gala garuu dhalootni har’aa dhaloota kaleessaa irraa baratee of qaree gara fuula duraa tarkaanfata, dhalootni boruu immoo isa har’a irraa caalaa baratee , of ijaaree qabsoo uummataa bal’aa daran fininee akka galamaan gahu godha.
Mee Qabsoo uummata Afrikaa Kibbaa (South Africa) gabaabatti haa ilaalu. Bara 1652 Holland irra Sabni adiin Boer jedhamu humnaan dhufee qubate. Haa tahu malee uummatni Afrikaa guutuutti harka isaani itti hin kufne. Naannoo isaanitti Mootatan ofiin buluuu danada’a turan. Bara 1860 motummaan Inglizii humna Waraanaa guddaa fi meeshaa waraanaa baraan weerara itti bane. Amma bara 1878 utuu of irrattti lolanii guutuummatti caban. Sana booda mootumaa sanyi balfatu Mootummaa Apartheid jedhamee beekamuu kan uummata bifaan adda baasu dhaabbatan.
Adii fi guraachi jiruu fi jireenyaanis tahe Seeraan adda bahaan. Bara 1912 ANC (African National Congress) qabsoo uummata guraachaa geggeessuuf dhaabbate. Bara 1913 guraachi lafa bitachuu fi qabaachuu mirga hin qabu kan jedhu labsiin lafaa bahe. Tooftaan qabsoo ANC jalqabaa mootumaa Inglizi itti iyyaana dhiyeefachuu dha. Kan waraanan cabsee Mootumaa Aparteid ijaare Mootummaa Inglizii waan tahee iyyaanaa ANCiif gurra hin kenneef. Qabsoo Biyya Biraa Irraa Uummatni Keenya Maal Barata
