Lixa Shaggar Naannoolee Baadiyaaleet Keessatti Isin ABO dha Jechuun Poolisiin Wayyaanee Uummata Nagaa Hidhaatti Guuraa Jira..

Aside

Odeessa Qeerroo Waxabajii 18/2016
Itti fufaFXG Shaggar lixaa magaala Amboo fi Gindabarat keessatti har’a Qeerroodhaan itti fufee jira. guyyoota muraasa dura Wayyaanee humna Finfinnee gara Shaggar lixaa shakkii qabduun gara Gindabarat fi Gincii irra qubachiistee turte. Qeerroon godina Shaggar lixaa sodaa humna waraana wayaaneef bakka hin laannee guyyaa har’a waxabajii  FXG itti fufuudhaan tarkaanfii fi dhaadannoo dhageesisuudhaan FXG itti fufuun Qeerroon kan gabaaseedhaa.

Akka maddeen keenya Qeerroon godina Shaggar lixaa addeessutti magaala Ambotti har’a ganama irraa kaasee daandinis cufaa ture Qeerroon dhuunfatee sirbota qabsoo dhageesisuu fi asii achi socho’uudhaan dhaadannoo dhageesisaaa tureera. Gara sa’a boodatti wayyaaneen sochii Qeerroo magaala Ambootti feshelessuuf humna poolisii qabdutti dhimma baatee Qeerroo dura dhaabbachuuf yaalii taasiste tarkaanfii Qeerroon poolisoota irratti fudhateen poolisii Wayyaanee mgaala Amboo keessaa baasuudhaan sirbota qabsoo fi dhaadannoo garagaraa dhageesissaa oolaniiru.

Odeessa Qeerroo gabaafame waliin

–          OROMIYAAN KAN OROMOOTI

–          ABBAAN BIYYUMMAA OROMOODHAAN HAA MIRKANAA’U

–          ABBAAN BIYYAA ABO DHA!

–          BILISUMMAA FI WALABUMMAAN DEEBII QANSOO KEENYAATI

–          QABSOON GARA WAYYAANEE MALEE GARA ERTIRAA MITI

–          ILMAAN OROMOO WARAANA WAYYAANEE KEESSA JIRTAN HIN GOWOMINAA DU’AAFIS HIN OF HIN WAREEGINAA UUMMATA KEESSANIIF DHAABBADHAA

–          RASAASNI DUUBATTI NUN DEEBISU

–          HIDHAAN HIIKA HIN TAHU

–          WAYYAANEEN SAAMTUUDHA OFIRRA KAASNA

Jechuudhaan dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru.

 Apartheid fi Nafxanyaa

Aside

Damee Boruutiin

Barreessaa dhugaa baasa!Yaroo tokko tokkoo diina ofii enyummaa isaa adda baasanii hubachuu fi sagalee siyaasaa sirrii taheen waamuun barbaachisaa ni taha. Impaeerri  Itopiyyaa  kan ijaaramee fi kan ittiin bulaa ture akka Mootummaa Amaharaa taheetti  fudhatamaa ture. Har’as akka Motummaa Amharaatti warri waamaa jiru akka jiran ni jirra. Garuu haalli ture utuu gadi fageessamee xinxalamee ammam dhugaa tahee mul’ata? Mootummaan Impayeera Itopiyaa kan ijaare nafxanyoota.

Akkuma Sanyiin Boor Awuropaa irraa dhufanii AFrikaa Kibbaa irra qubatan Nafxanyoonis Sanyii Amharaa irraa citanii  golga biyya Oromoo irra qubatan. Sana dura Mootonni Habashaa biyya Oromoos tahe kan naannoo Oromiyaa jiran cabsanii bituuf ayyaana hin arganne. Kanaafuu Mootummaan isaanii Mootummaa Habashaan beekamaa ture.

Mootummaan  Aparteid fi kan nafxanya haala  wal isaan fakkeessuu fi adda issan godhu mee gargar baafnee haa ilaallu:

  1. Seenaa koloneefataa keessatti yaroo tokko itti uummataa nagaan jiraatu biyya isa irratti cabsanii aangoo ijaarachuudhaan lafaa fi qabeenya biyya humnan kan dhufaa isaanii godhatan
  2. Lachuu sanyii isaanii irraa citanii uummata hin injifatan keessa qubatanii biyya qabatan kana kan dhuunfaa isaan godhachuuf seeraa fi heera baafatan.
  3. Lachuu seenaa , aadaa fi afaan biyya keessa qubatanii akka baduuu fi tufatamu gochuun hammeenya wal fakkaatu raawwatanii jiru.
  4. Afaan isaanii afaan hojii Mootummaa fi afaan ittiin baratan gochuudhaan afaan uummani bal’aan dubbatu akka hojii irra hin oollee fi hin guddanne godhaniiru.
  5. Ummatni akka of hin injaarre, akka haqa isaa karaa nagaa hin gaafanne , mirga dhalootaan qabu sarbaniiru. Apartheid fi Nafxanyaa

Bulmaati Oromoo Biyya Xoophiyaa Keessaa Akkamii?

Aside

Noolee Buttaatiin

Barreessaa dhugaa baasa!Biyya Xoophiyaa jedhamtu kana keessatti,jaarraa tokkoo oliif Oromoon dirqiin kan keessa jiraateefi keessaa ba’uufis falmaa hadhawaa hanga har’aa kana akka taaisiaa jiru beekamaadha! Mootonni habashaa gaafa Oromiyaa cabsanii kaasee,saamicha madaala hin qabne uummata Oromoo irratti geggeessaa turan.kaan garboomfachuun qabeenyaa dachee biyya keennaas akka fedhanitti saammachuun, maqaan isaa himamee kan hin dhumneen dadhee Oromiyaa keessa bololi’uun kan fedha isaanii guuttachaa turan.Noolee Buttaatiin

FXG Fnfinnee keeysatti ka’a sodaa jedhuun humni waraana Wayyaanee gandoota magaalaa mara keessa hedduminaan bobba’ee jira.

Aside

Waxabajii 15,2016
f2Mootummaan abbaa irree Wayyaanee yeroo ammaa kana waan qabuu fi gadi dhiisu wallaalee jira.Qeeyroon magaala Finfinnee fi godina adda keeysatti waraqaa warraaqsaa facaasen diinni wraana isaa finfinnee keessa olii fi gadi kaachisaa jira.
FXG oromiyaa keeysatti wayita kana walgayii wayaanee diiguudhaan, daandii cufuudhaan magaalota fi baadiyaalee keeysatti waan jabaatee itti fufef wayyaaneen humna waraana qabdu kan ishee utubee jiru Oromiyaa keessatti bittimstee kan jirtu amma magaalaa guddicha Oromiya Finfinnee keeysatti FXG ka’a kan jedhu sodaattee waraana ishee har’a ganamanaan Finfinne keeysa bakka bakka qabsiisaa jirti keeysattuu nannoo Yuuniversitiiwwani waraanni marsee ka jiruudha.f1
Dabalataan Qeeyroon godinoota addaa oromiyaa keeysatti barruu warraaqsaa bittimfameen wal qabsiisee bakka Qeeyroon itti walgahu, uummanni Oromoo yoo walitti deeme bakka cidhaa fi bakka du’aatti FXG sodaadhaan wayyaneen uummata nagaa humna qabduun burjaajeessa kan jirtu bakka naannowan kanneenitti poolisii federaalaa ramaddee jirti. Qeeyroon dhaadannoo fi qabsoo isaa jabeessuun ija poolisii duratti FXG jabeeffateera.

DHIIGAAN -OROMOO-OROMUMMAA-SABBOONUMMAA-WAREEGAMA-WALABUMMAA-OROMOO

Aside

SEENAA    Y.G   (2005)=!

Barreessaa dhugaa baasa!Qabsoon Oromoo halkanii fi guyyaa xiinxala itti heddummeessinee busheessuuf yaallu, har’aa sadarkaa eenyullee dura dhaabbachuu hin dandeenyetti ce’aa jiraachuu guyyuu argaa jirra. Yaadi Ummataa bifa kamiitu Qabsoo sabichaa milkeessu keessatti shoora ol aanaa ni qabaata. Dhimma Biyyaa kan ilaallatuu mitii, dhimmi nama dhuunfaayyuu yaadaa fi qeeqa dhaggeeffachuun dirqama. karaa walitti argisiisuu fi wal gorsuu irratti humni ejjannoo jabaa hin qabaatiin, eessallee ga’uu hin danda’u. Gama kiyyaan qabsoo Oromoo irratti yaadoota dhihaatan hedduun hordofeen jira. amma beekumsaa fi hubannoo kiyyaa deebii kennufi kanan yaale nin qaba. Yeroo hedduu yaadaa yk qeeqa na raajuu fi deebii itti laachuufillee kan nama rakkisan yennaan arguu callisuun filadha.kanneen keessaa yaadoota na ajaa’ibsiisantu jiru. Namni Oromoo ta’ee tokko, adeemsa qabsoos haa ta’uu, dhaabbilee siyaasaa Oromoo irratti qeeqaa fi yaada adda addaa inni kennuu, kan diinni kennu irraa adda ta’uu dhabuu isaatu na raaja. Yaada qofaa osoo hin taanee, diina caalaa Qabsoo Oromoo fi ABO biyyeetti makuuf jechoonni itti gargaaraman nama rifaasisa. carraa argataniin ammoo diina yennaa qeeqan jechoonni itti gargaaraman hedduu nama qaanfachiisa. keessa koo na guba. Diinni ABO fi Qabsoo Oromoo maaliif jibba ? jibba isaa kana akkamiin ibsata? ? yoo itti milkaa’eef, Qabsoo Oromoo fi ABO lafa irraa dhabamsiisuuf maaliif hojjata ? wayyaaneen, ABOn shororkeessaadhaa jedhee addunyaa daboo kadhachaa ka jiru, waggaa 25 guutuu irratti duulee, hidhaa fi ajjeechaan , Biyyaa yaasuun kkf hojii gonkumaa borillee akka waliin hin jiraanneetti kan irratti hojjatu diinni diina waan ta’eefidha. Kan diina kana waliin dhaabbatee yerooma isaa eeggata malee diinumadha. Akka walii galaatti diinni Qabsoo Oromoo fi ABO akka itti dhiheessachuu barbaadu ifadha. maarree Ilmaan Oromoo akka diina kanaa taanee Qabsoo Oromoo fi ABOtti duulla yoo jedhan , ani kun nagummaa natti hin fakkaatu. Diinni ABOn yoo bade, bara baraafan jiraadha jedhee akkuma hojjatu, ABOn dhabamuun dantaa keenyaaf nu gargaaraa jennee kan yaadinu yoo jiraanne, kunis nagummaa natti hin fakkaatu.DHIIGAAN OROMOOOROMUMMAASABBOONUMMAA

Mootummaan Wayyaanee Hojii Dhablootaaf Dalagaan Waraana Ta’uu Jira Jechuun Beeksisa Baasaa Jira.

Aside

Waxabajjii 14,2016 13391496_1001773289890998_1828559211365196397_o13434302_618506048325320_669203236_nMinisteerri ittisaa Itiyoophiyaa beeksisa hojiii jedhee Oromiyaa malgaa gara garaa keessatti namoonni hojii loltummaatti akka galaniif gandootaa fi bakka waajjira magaalaalee mara keessatti maxxansaa jiraachuun beekame.

Haala amma muddama siyaasaa keessa jiru keessatti hojiin isinii banameera kootta waraanatti seenaa jechuun mootummaan Wayyaanee dargaggoota dirqaa jiraachuun faayidaa Oromootaa fi hojii dhalbleef hojii banuuf osoo hin taane ilmaan Oromoos ta’e sabooti biroo dantaa isaan hin ilaallanne keessa seenaanii akka du’a seenaa hin qabne du’aniif ta’uun beekamaa dha.