Category Archives: Oduu/News
FXG Qeerroo Jabaachuun Xurree Walquunamtii Wayyaanotaa Addaan Kutaa Jira.
Aside
Adoolessa 25,2016 Waraani Wayyaanee humna jabaa agaazii jedhamu sun uummata godina Arsii fi Harargee shororkeessuuf har’a konkolaataa hedduudhaan hiriiree daangaa irraas gara sanatti ergamaa jira. Harargeen Lixaa alaabaadhaan faayamtee jirti. Uummanni xiqqaa fi guddaan Alaabaa ABO qabatee jira. Kaan hucuudhaan faayamee jira. Daandiin humna uummataan cufamaa jira.
Qeerroonis uummata godinaalee kanneen hunda qabatee bahee jira. Har’a akka Qeerroon gabaasaa jirutti Arsii lixaa fi Hararee Lixaatti FXG itti fufee waan jiruuf meeshaa gurguddaan konkolaataadhaan fe’amee gara godinaalee kanaatti guuramaa jira. uummannis Qeerroon sirba qabsoo fi dhaadannoo ABOn Abbaa Biyyaa Tahuu dhaadachaa jira.
Uummata irratti dhukaasni banamuuf jedha. Shawaa lixaa ona hedduutti bulchiinsi Wayyaanee diigamaa jira. injifannoo uummatichaan networkiin diinaa godina Shaggar keessatti addaan cituu irraan caasaan mootummas gara FXGtti makamaa akka jiru gabaafamee jira.
Injifannoo Qeerroo Oromiyaa Godina kibbaa fi Bahaatti FXG har’a Adoolessa 26/2016 Oromiyaa godinoota kanatti:
– Arsii Lixaa,
– Arsii Bahaa
– Harargee Lixaa
– Harargee Bahaa
– Gujii
– Booranaa fi
– Baaletti
Seenaa keessatti addatti kan yaadatamuu fi yeroo xumura sirna gabroonfataa mootummaa abbaa irreetti taasisuu injifannoo guddaa
galmeessee ooleera. Guyyaa har’aa guyaa seena qabeessa tahee Qeerroo godinaalee kanaan kan yaadatamu FXG marsaa 8ffaa oromiyaa keessatti
itti fufee jiruun humna diinaa kumaatama guddaa fi meeshaalee gurguddaadhaan ijaarame dura harka qullaa dhaabbatuun har’a faajjii Alaabaa ABO olkaasee mul’isee jira. Uummanni bal’aan uummanni oromoo Oromiyaa Bilisa baasuun yeroo isaa amma jechuun murteeffatee ka’ee jira. Guyyaa har’aa akka odeessa Qeerroo godinaalee kana irraa gabaasa taasiseen
– Ammas tahu yoomillee mootummaa wayyaaneef hin bullu barbaachisaa yoo tahe seera ofiin bulla ykn sirna gadaatiin jedheera.
– Mootummaa TPLF/OPDO waliin jiraachuun kana booda waan hin yaadamneedha. Mootummaan kun kana booda jaallatu kara nagaatin
oromiyaa gadhiisee deemuu jibbus tarkaanfii dhumaa qabnuun fonqolchinee biyyatti ishee galchina jechuun uummanni Oromoo murteeffatee ka’eera.
– Karaa nagaatiin hidhamtoota keenya nuuf baasaa kan ajjeefame nuyyuu gumaa isaa ni baafannaa jedhee uummatni gaafateef deebiin hin kennamne murtoon uummata Oromoo FXG finiinsuu keessatti hidhamtoota manneen hidhaa hundarraa baasisuun Bilisummaas gonfachuuf murteeffatee ka’ee jira.
– Qabeenyaan diinaa, alaabaan wayyaanee fi OPDO, waajjirri wayyaanee fi waanti Wayyaanee fakkaatu kamuu Oromiyaa keessaa dhabamuu qabu tarkaanfii barbadeessuutiin kanas uummanni oromoo sodaa tokko malee afaan qawwee dura dhaabbatee tarkaanfii kana fudhachuu itti fufee
jira.
– Godinaalee kanneen keessatti daandiiwwan akkuma beeknu guutummmaati cufamanii jiru. Kun gahaa tahuu baatuus riqicha garagaraas addaan kutamee jira. Oromoon martuu gantuu fi ergamtuu diinaa irraa kan hafe gara FXGtti hiriiree jira. FXG har’a godinoota olitti tarreessine keessatti uummataan itti fufee oolee fi murannoo uummataa qabxiiwwan olii kanaan ibsamu yoommu tahu godinaalee kanneen akka Shaggar kaabaa, lixaa fi Wallaggattis FXG bifuma kanaan itti fufee jira. Uummanni wayyaanee hin feenu kana booda jechuunis FXG wal fakkaataa daandii cufuu fi tarkaanfii adeemsisuun guutummaa Oromiyaatti deemaa jiraachuun Qeerroon gabaasee jira. Humni waraana Wayyaanee agaazii jedhamus uummata godina Arsii fi Harargeetti konkolaataa hedduudhaan fe’amee jiraachuunis Qeerroodhaan gabaafamee jira.
Dhukaasni naannoo Harargee, Gaara Mul’ataatti uummata irratti baname jiru namootni hedduun miidhamuunis kan gabaafame ammatti kan du’es jiraatuu baatu namootni madoo tahan jiraachuunis gabaasni nu gahe addeessa. Halkan kanas odeessa Qeerroo shawaa bahaa Adaamaarraa addeessuun humni waraanaa dabalataan karaa Asellaa fi shaashimanneen gara Arsii seenaa jira. kutees gara Harargee fi Gujiittis fe’amaa akka jiru odeessi Qeerroo qaqqabee jira.
Dhukaasni naannoo magaala shaashimannee irraa nu gahes magaalichi haalaa sodaachisa kan mootummaan itti raafamaa jiru humna uummata
keessaan diina irratti tarkaanfii fudhatus mul’inatti tarkaanfii fudhataa jiraatuun kan beekameedha. Injifannoon Galla Jechuun Uummanni Dhaadannoos Dhageesisuun Itti Fufeera.
Guyyaa Har’aa Godina Arsii Magaalaa Dodolaa Keessatti FXG Gaggeefama Jira.
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 23, 2016
Aside
Godina Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Keessatti FXG Itti Fufee Jira.
Aside
Adoolessa 24,2016 Godina Wallaggaa Aanaa Giddaa Ayyaana Ganda Ijeeree jedhamtu keessa cimee itti fuufe jira eda halkaan biroo bulchinsa ganda ejeree kan ta’e cabsuun gootonni galmee maqaa ijoolloota basaastuun qopheesite fi ragalee heeddu fi teessuma biroon sun qabduf meeshaa degersa ishee hunda abdiin keessumeessani jiru amma yoonatti qamni kana godhee adda ba’ee hin beekamu garuu namoota gurguddoo fi dubartoota naannoo sanatti argaman hunda irraatti reebbaan cimaan gaggeeffama akkasumas da’immaan ol demtoota dandii irraatti jiksani aleella cima irraan ga’a jiru dabalees achumaan kan akeekkachisuu barbaannu polisiin Tesfa’ee jedhamu kan dhalataa naannoo Gaba Jimaata ta’e akka Uummata keenyaaf of eeggatu beeksifame.
SBO Adoolessa 24 Bara 2016. ODUU fi Gaaffii fi deebii dargaggoota Oromoo gara qabsootti seenan waliinii – Kutaa 2ffaa
Aside
The good diagnosis leads to the perfect treatment
Aside
In medical terminology diagnostic means the act of identifying a disease, illness, or problem by examining someone or something. Diagnosis is a statement or conclusion that describes the reason for a disease, illness, or problem. Treatment is the remedie to cure the disease.
The Oromo people are the forefront champion of peace and nonviolent nation in Ethiopian empire. The powerful evidence of these fact is the way of life that Oromo people exercise: Oromo means peace, Oromo means love, Oromo means equality, Oromo means democracy, Oromo means generosity, Oromo means honesty, Oromo means transparency, Oromo means happiness, Oromo means OLF, OLF means Oromo. Despite all unhuman atrocities against the Oromo people by Ethiopian colonialist leaders, the Oromo nation committed to defend his qualities. The Oromo people paid/paying enormous sacrifice to be free in his own country and free from brutality of the colonizers to exercise his golden gifts (mentioned above).
To mention some of the Oromo people struggle to defend his qualities:
- Raya and Azebo during 1928-30
- Bale revolt led by hero of the Oromo people general Waqo Guutu in 1960th
- Mecha-Tulema movement led by hero of the Oromo people general Tadesse Biru in 1965
- OLF leadership with popular mass movement and imprinting Oromummaa
- Qube generations supported by Qeerroo leadership with historic mobilization of the Oromo people.
This paper try to explore the current ongoing peace movement led by some Oromo political organization:
My question is who deny the peace?
Who reject the democracy?
Who promote hate?
Who is mother of greediness? ….the answer to all this question is the Ethiopian empire leaders. If really the Ethiopian empire elite try to implement the true peace for all oppressive nation they have to come to the Oromo people and other nations with reconciliation and peace plan (because they are the master of the disaster). But, the Oromo leaders has to concentrate further mobilization of Oromummaa to defend his qualities instead of touring around the western world to promote Ethiopianst agenda. So, the history teach Oromo people, the way of the Ethiopian empire approach brought us again and again death award before the war is started. perfect treatment
Qeerroon Harargee Lixaa FXG Itti Fufe. Shaggar Lixaa Keessatti Alaabaan ABO Bakka Hedduutti Fannifame.
Aside
Harargee Lixaa aanaa Massalaa ganda Coomaa keessatti Qeerroo godinichaa FXG itti wareegamuudhaan cichoominaan baatii sadii ol walitti fufsiisanii olaantummaa dhaabaa diina hubachiisuun diina dura dhaabbata har’a gahaniin kana booda oromiyaa bilisa baasuun gaaffii abbaa biyyummaa keenya mirkaneessuu qabna jechuun har’a Adoolessa 22 guutummaan Qeerroo ona Masalaa irraa walitti dhufee dhaadannoo dhageesisaa ooleera.
FXG Harargeetti gaggeeffamaa jirutti mootummaan wayyaanee kan sodaa keessa seene lubbuu hedduun godinicha keessatti wareegame lakkoofsaan akka godinaalee oromiyaatti olaanaa kan tahee fi kunis uummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo gara FXG jabeessuudhaan itti fufsiisanii jiraatuun gabaafamee jira. FXG godina Harargee keessatti haga galii isaa fi bilisummaan uummata Oromoo mirkanii taatutti qabsoo jabeessuuf FXG fiixaan baasuuf Qeerroon Harargee lixaa walitti dhufee ibruu isaa har’as haareffachuu gabaafame.
Godinni shawaa lixaa yeroo ammaa Bilisummaa gonfattee jirti jechuun nama hin shakkisiisu. Bakkeewwan adda addaatti Alaabaan Keenya(ABO) fannifamee sirnan jiraataa jira. Qeerroon bulchiinsa uummata keessatti dhaabuun ofiin of bulchuu mirkaneessaa jira. Ergamtooti Wayyaanee bakka namni wal bira hin jirree fi nama qobaa deemu butuun miidhaa jirti. Bulchiinsi Wayyaanee oromiyaa keessaa guutummaatti diigamee baduuf jirtutti FXG jabaatuun Qeerroon gabaase.
Guyyaa Har’aa Adoolessa 22,2016,Waraanni Wayyaanee Aanaa Ada’aa Bargaa fi Mugar Goolaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase
Aside
Adoolessaa 22/2016 Godina Lixa Shaggarii fi Gidduu Galeessa Oromiyaa kan taate Aanaan Ada’aa Bargaa Mogoorii fi Meettaa Roobiitti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG itti jabachuun daandiileen konkolaataa bakkoota hedduutti Cufuu fi humni ittisa Uummataa Tarkaanfiilee rifaachisoo fudhachuu irraa Abbaan irree Waraanaa isaa Gara kanatti bobbaasee uummata gooluu irratti argama. Magaalootni Aanaa Adaa’aa Bargaa fi Mogoor Baadiyyaa dabalatee Waraanaan goolamaa jirti, Suuraan Argitan Kun Suuraa waraana Wayyaanee Mogorii fi Magaalota Naannoo ishee irraa fudhatamedha!! Gabaasaan itti fufa
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Adoolessa 21, 2016
Aside








