Category Archives: Oduu/News
Qeerroon Godina Hararge Bahaa Magaalaa Dadar Keessatti Osoo Waraanni Itti Dhukaasuu Alaabaa ABO Qabachuun “Oromiyaa Ka’i” Jechaa FXG Gaggeessaa Jiru.
Aside
Hagayya 1,2016 FXG Godina Harargee Lixaa Magaalaa Baddeessaa Keessatti Gaggeefamaa Jiru.
Aside
Aside
Sochii FXG Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo Keessatti Adoolessa 31 irraa eegalee jiruun wal qabatee Oromoonni hedduun mana hidhaa Wayyaanee bakki hin beekamnetti guuramaa jira. Gabaasi Qeerroo akka addeessutti kanneen keessaa:-
1 Barsiisaa Ifaa Hailee
2 Obbo Taraqeeny Mitiku
3 Fasikaa Taraqeeny
4 Iyyaasuu Caalii
5 Amushee Qana’aa
6 Mika’eel Abajee
7 Waqatolaa Faayyisaa
8 Alamuu Biranuu
9 Habtamuu Oljirraa
10 Idosaa walaleeny
11 Magarsaa Wagaarrii
12 Obsii
yoo ta’u manen jireenyaa uummaatas hedduun isaa sakkatama jira..humnnii warannaa wayyannees..bakka birraa irraa gara magaalichattii fe’amuun uummataa jeeqa jiru…
Gootonni Godina Harargee,Arsiitti fi Naannoo Oromiyaa Kaan FXG Itti Fufuudhaan ABOtu Nu Bulcha Jechaa Dhadachaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Gootota Awadaay Adoolessa 31,2016
Mootummaan Wayyaane gaaffii uummata kara nagaatiin gaaffii abbaa biyyummaa dhiyeessaa jiruuf dirree waraanaa gochuun uummmatarratti dhukaasni wal irraa hincinne banamee jria. Godina Harargee fi Arsii lixaatti baatii 8f kan wal irraa hin cinneen itti fufee jiru Kaleessa Adoolessa 30 fi 31 FXG itti fufuu irraan dhukaasni guddaan uummata irratti banamee jiraatuun Qeerroon kan gabaasu yoommuu tahu har’s itti fufuudhaan namootni 26 ol kan rukutamanii fi namootni 7 ol ajjeefamuun kan gabaafame yoommuu tahu ummanni dhukaasa meeshaaf osoo booda hin deebihin FXG itti fufanii mirga isaanii falmachaa jira.
Halkan kanas FXG godina Harargee lixaattis itti fufuudhan wal qabatee akkasuma naannoo Arsiiittis uummanni FXG itti fufuudhaan waajjiraleen OPDO fi Manneen jireenya kaabinoota hedduus gubataa akka jiru gabaafamee jira.
Halkan kana aanaa Awwaaddaayi dirree waraanaa tahuudhaan humni waraana agaazii jedhamu sun weeraree jira. Dhaadannoon uummataa ammas itti fuduudhaan
Oromiyaa qabsoo keenyaan bilisa ni baasna
Ajjeefamnus haga dhunmutti mirga keenyaaf falmachuu hin dhiisnu
FXG hanga bilisummaatti deebii hin qab
Gumaa ajjefamanii ni baasna
Dhiigni dhangala’e bilisummaa mirkaneessa
Oromia shall be free
Jechuun halkan sa’a 3 kaasuun FXG itti fufuun uummanni bahee godina Harargee bahaa ona Awwaadayitti jabaatee jira. Injifannoo gurguddaanis galmaawaa jira.
Gaaffii Abbaa Biyyummaa Uummanni Oromoo Gaafatu Itti Fufuun Godina Arsii Keessatti FXG Guutuutti Itti Fufee Jira. Waraanni Wayyaanees Magaalota Adda Adda Addaa Weeraree Jira.
Aside
Adoolessa 31,2016 Godinni Arsii guutumaan guututti dirree waraanaa fakkaatee jira waraana agaaziif feederaala qofaan guuttamtee jira. Har’aa fi halkan edaa Adolessa 30, 2016 magaalota Asaasaa, Adaabbaa Dodola, Xijjoo qanxeraa Xiyyootti mromiin cimaan godhameera.
Ummanni magaalaa Asaasaa waraana Wayyaanee Agaazii lama irratti tarkaanfii fudhachuun tokko yeroo lubbuun darbu kaan ammo Hosptaala Awaasaa jiraachuun beekamee jira.
Godinuma Arsii bahaa magaalaa Ashmiira jedhamtu keessattis Adoolessa30, 2016 sagaleen mormii dhageesifamaa oluu Qeerroon naannicha irraa gabaase.
Asaasa keessatti qabeenya mootummichaafi jala deemtota Wayyaanee kanneen ta’an irratti uummani aariin guutamee fi roorroon itti hammaate adabbii sirreessaa kenneen mootummicha rifaasisee jira. waajjirri bulchiisa magaalaa kan balbala shan qabu waajjira bulchiilsa gandaa buusaa gonnoofa dhabamee jira. Kanumaan wal qabatee magaalaa Asaasaa keessaa dargaggoonni hedduun FXG qindeessaa jirtu sababaa jedhuun guyyaa har’aa hidhamanii kanneen jiran keessaa:-
- Dargaggoo Kaddii Abdallaa oggatoo
- Muktaar Abdallaa
- Daawud Abdallaa
Keessatti argamu.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Adoolessa 30, 2016
Aside
Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo Keessatti FXG Bifa Qindaayeen Deemsifamaa Oole
Aside
Guyyaaa 30/07 /2016 G/W/Lixaa Aanaa Jjaarsoottii galgalaa keessa sa’a 2;30 irraa egallee Qeerroo Magaalaattiin FXG hangaa sa’aa amma kanattii geeggeeffamaa jira gutumaan magaalaa Jaarsoo dirree warrannaa ta’ee jira Qeerroon magaalaa Jaarsoos humnaa warrannaa Wayyannee irraattii tarkanfii fudhate jira… Abbaan biyyaa ABO , hoo balaa shunkurttii Wayyaneen lafaa gurgurttii jechuun sirbaa mormii jabaa ummannii jiru….dhukkasiis akkaa rooba gadii namaa namaa jira namonnii hedduun midhamanii jiru garuu addaa basuun hin dandamee.
SBO: Adoolessa 31 Bara 2016. ODUU, Ibsa ABO fi Gabaasa Haala Sochii Warraaqsa Xumura Gabrummaa Oromiyaa keessaa ilaallatu.
Aside
Duulli Hammeenyaa Ummata Oromoo Irratti Jabeeffamaa Jiru, Xumurri Sirna Bittaa Alagaa Dhiyaachuu Mirkaneessa!
Aside
Qabsoon Ummanni Oromoo mirga abbaa biyyummaa, Bilisummaa fi Walabummaa isaatiif gaggeessaa jiru gulantaa murteessaa irra gahuu, haalli Oromiyaa keessaa sirriitti agarsiisa. Sochiin warraaqsaa ummanni Oromoo gaggeessaa jiru gootummaa, bilchina jaarmayaa fi tooftaan akkasumas Impaayerattii keessattis tahe naannawa Gaanfa Afrikaatti fakkeenya murteessaa tahuu ummata Oromoo dirreetti baasee agarsiiseera. Keessumaa dhaloonni haaraan Gabrummaan Nu irratti Xumura Argachuu Qaba jechuun gootummaa fi murannoon bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf muxannoo qabsoo fi jaarmayaa hunda sochoosaa agarsiisaa jiran lammiif abdii, mootummaa gabroomfataaf ammoo naasuu akka malee itti ta’e.
Wayta ammaa kana goleen Oromiyaa fincilaa fi mormii hin keessummeessine hin jiru jechuun ni danda’ama. Magaalotaa fi baadiyyaalee Oromiyaa keessaa sagalee fedhii bilisummaa fi mormii gabrummaatu dhaga’ama. Alaabaa ABO waggoottan kudhanoota dabran goototni kumaatamni hedduun irratti wareegamanii asiin gahan tan faajjii bilisummaa taate qabatanii hiriira bahuu fi bakkoota addaa addaatti fannisanii balaliisuun, alaabaa Impaayerattii mallattoo gabrummaa taate irra ol kaasanii aduun gabroomsaa dhihuu, bilisummaan Oromoo dhiyaatuu labsaa jiru. Walumaagalatti warraaqsa gabrummaatti xumura gochuu akeekkatetu wareegama ilmaan oromoo qaqqaaliidhaan guutuu Oromiyaatti gaggeeffamaa jira.Ibsa ABO Adoolessa 29 2016

