Category Archives: Oduu/News
Seife Nebelbal Radio, Jan 13, 2017- Oromo news in Amharic
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Amajjii 13, 2017
Aside
Aside

SBO: Amajjii 13 bara 2017. Oduu, Gabaasa Sirna Kabajaa Guyyaa WBO Konyaalee ABO Kanaadaa akkasumas Yaada Hirmaattota Sirna kabajaa Amajjii 1, 2017 Jiddugala Mooraa Leenjii ABOtti gaggeeffamee.
Aside
Ethiopia: Year of Brutality, Restrictions
Aside
Restore Rights, Address Grievances
(Nairobi) – Ethiopia plunged into a human rights crisis in 2016, increasing restrictions on basic rights during a state of emergency and continuing a bloody crackdown against largely peaceful protesters, Human Rights Watch said today in its World Report 2017. The state of emergency permits arbitrary detention, restricts access to social media, and bans communications with foreign groups.
ABO abaruun rakkina Oromoo furuu hin tahu!
Aside
Ibsaa Gaaddisaa irraa
ABO fi Hoggana Isaa abaaraa tahuun Rakkina Ummata Oromoo hiikuu hin tahu Saba Miliyoona 40 olii miti saboota kumootaan lakkaawwaman keessattiyu ilaalchi siyaasaa adda addaa jiraachuun waanuma maluudha. Biyya lafa kanarra jiru keessatti ummanni ykn Sabni Ilaalcha Walfakkaata qabu ni jira jechuun hin danda’amu. Ummanni Oromoo akka baayyina Ummata isa fi bal’ina dachii isaatti Dhaabolee siyaasaa adda addaa qabaachuun rakkina hin qabu ture. Rakkina ilaalchaa Qabaachuun rakkoo ummata ofii hiikuu nama hin dhorku. Yoo dantaa ofiif jecha bololuu tahe malee.
Nuti akka sabaatti tokko tahuun keenya ilaalcha garaa garaa qabaannus rakkoo tokko waan qabnuuf jalqaba atuu rakkina keenya irratti fuulleffannee salphina akka sabaatti nurra jiru keessaa baane gaarii ture.
Garuu yeroo ammaa wanti mul’ataa jiru Ebiluun hojjechuu nu dhorke, Dhaabni ebiluu badu malee hojjechuu hin dandeenyu kanneen jedhantu garaagartee ummata keenya gidduutti uumuuf oliif gadi Wixxifatu. An akka yaada kiyyaatti ABOn dhaaba Ummata Oromoo of barsiise ummata Amantii fi Gandaan Adda adda faffaca’ee ture tokko taasise dhaaba yoo maaluu hojjetame onnee ilmaan Oromoo keessaa baduu hin dandeenyeedha.
Dhugaadha Qabsoon dheerachuun namoota qabsicha keessa hin jirreef waan qabsichi bakkuma gaafa dhalatee sana jiru itti fakkaachuu mala. Continue reading
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Amajjii 12, 2017
Aside
Ethiopia: TPLF Resorts To Fascism To Control Citizens (Adeola Fayehun)
Aside
Manni Jireenyaa Artist Jaalatamaa fi Kabajamaa Oromoo Galaanaa Gaaromsaa Waraana Koomaandii Poostii Wayyaanee tiin sakkatta’ame.
Aside
Amajjii 08/2017 Manni Galmaa Artistii Jaalatamaa fi Kabajamaa Oromoo Galaanaa Gaaromsaa Waraana Koomaandii Poostii Wayyaanee tiin sakkatta’ame. Waraannii Komaandii Poostii Wayyaanee Artistii Galaanaa Gaaromsaa ukkamsuuf bobbaafamee mana galmaa Artistii Galaanaa Gaaromsaa yeroo gahuu akka Carraa ta’ee Artistiin Oromoo Galaanaa Gaaromsaa mana waan hin jirreef mana galmaa isaa Kutaa Magaalaa Finfinnee bakka Haayati jedhamuu humnaan Cabsanii seenuun sakkatta’insa seeraan alaa irratti rawwachuun mi’a (qodaa) mana keessaa caccabsuun sa’aatii dheeraaf manichuma turuun eganii dadhabnaan dhumarraatti Obboleessaa Artistii Galaanaa Gaaromsaa , Caalaa Gaaromsaa ukkaamsuun fuudhanii kan adeemaan ta’uu maddeen Qeerroo Finfinnee irraa gabaasan. Yeroo ammaa kana obbooleessi Artistii Galaanaa Gaaromsaa; Caalaa Gaaromsaa Mana Hidhaa Maa’ikalaawwiitti darbatamee dararamaa jiraachuun mirkanaa’ee jira.