Category Archives: Oduu/News
“Dhiisi-Dhiisi, Gurraafuu hin tolu ” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Bitootessa 18,2017
Aside
Bilisummaa fi Tokkummaa
Aside
Damee Boruu irraa
Uummata tokko saba jechuu kan dandeessisu, afaan tokko, aaadaa tokko, dinagdee wal qabataa, yaadaa wal fakkataa fi dangaa biyyaa tokko qabaachuu dha. Uumatni Oromoo guddina hawwaasan saba tokkicha tahuun waan wal nuu gaafachiisu hin qabu. Yoo hiikaa sabaa irratti kan waliif gallu tahe Uummatni Oromoo saba tokko tahuu kan haaluu hin dandeenyu.
Sagalee tokkummaa jedhu qabatee dogongora heddutu deemaa jira. Ummatni Oromoo tokko tahuu qaba yoo jennu maal jechuu keenya? Akka uummatni Oromoo lama sadii jiruu goone fudhachuu dhaan tokko tahu qaba jechuun sabni Oromm jira jennee isa fudhanne wajjin faaluu taha. Kanaafii jecha keenya kana garaa uummataatti gototuu dhiifnee gara namoota dhuunfaa fi ijaarsoota deebisuu qabna.
Uummatni qabsoo bilisummaa oofaa jiru keessatti miti biyyoota bara dheeraa bilisummaa qabaatanii jiran keessatti yaada adda addaa qabaachuu irraa kan ka’e ijaarsa garaagaraa akka mul’atan ni aggarra. Ijaarsonni kun amma seera biyyaa sana wajjin faalaa hin taane nagaan taa’itaa mootummaa qabaachuu fi illee dorgomuu irraa kan isaa dhowwu hin jiru. Keessatti biyyoota Demokraasi Dhiyaa (Western Democracies) keessatti soda tokko malee yaadaa ofii ibsachuun rakkoo hin qabu. Biyyoota warra abbaa irreen (dictatorial) bulan keessatti yaada fi ijaarsa addaa qabaachuun rakkoo qaba. Continue reading
ONN- “Qophii Oromtittii “
Aside
ONN: Qophii : Qanqee show Dr Jamaal fi Sagalee Raadiyoo Simbirtuu akkasumas Raadiyoo RSWO Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 17, 2017
Aside
Qeerroon Bilisummaa Yuniverstii Amboo FDG Itti Fufanii Jiru.
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 16, 2017
Aside
Maqaa Leenjii “Haala Yeroo” Jedhuun Dabballoonni Abbaa Irree TPLF Barattoota Oromoo Yuniverstii Wallaggaa Dararaa Jiraachuun Beekame.
Aside
Bitootessa 16,2017/ Yuunversiitii wallaggaa keessatti mootummaan abbaa irree Wayyaanee guyyaa jimaataa ganamarraa kaasuudhaan hanga guyyaa gaafa sanbata guddaatti gootowwan Qeerroo mooraa Yuunversiitii Wallaggaa keessa jiraniif maqaa leenjii haala yeroo irratti jedhuun Wayyaaneen baratoota sosaobbaaf yaaluuf qoophii xumurtee akka jirtu ibsame. Continue reading
SBO: Bitootessa 17 bara 2017. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Ibsa Koree Hoji-raaw’achiiftuu Tumsa Ummattootaa Bilisummaa fi Dimokraasii.
Aside
Lubbuu fi qabeenna Oromiyaa dhabamaa jiruuf kan itti gaafatamu, mootummaa Wayyaanee qofa: Oromoo Sab-bicuutti xiqqeessuu irraa ilaalcha madde.
Aside
Leelloo Sabaan
Akka seera addunyaatti, dirqammi mootummaa tokko inni olaanaan, biyya irratti gaafatama qaba jedhamu san keessatti, lubbuu fi qabeenna ummattootaa gaaga’ama seeraan alaa irraa tiksuun nagummaan jiraatee diinagdee isaa akka guddifatuuf haala aanjaa uumuu dha. Mootummaan tokko, ogguu aangoo biyya tokko ofitti fuudhu, dirqama kana akka raawwatu heera biyyaa suni qabatee ummata duratti irbuu seenee hojii eegala. Raawwiin hojii mootummaa tokkos, lubbuu fi qabeennya ummata biyyichaa balaa irraa tiksuu irratti hagam akka hojjeteen ilaalama.
Lubbuu fi qabeenni ummata Oromiyaa, kan balaaf saaxilame, guyyaa gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa jalatti kufe irraa eegaleetu. Miniliki Oromiyaa irratti duulee ogguu gabroomfatu, ummata Oromiyaa miliyoona shan lolaa fi dhukkubaan akka fixe ragaaleen seenaa hedduu dha. Dargiin illee akkasuma, qabeenna ummata Oromiyaa saamuu fi saamsisuu, akkasumas, dargaggoo Oromoo afaan qawweetiin manneetii barnootaa fi oomisha adda adda irraa walitti guuruun lola isa hin ilaaletti galchee lubbuu isaan balaaf saaxiluun aangoo irraa jiraachaa ture. Kana malees, ogguu beelli ummata Oromiyaa mudatu, callisee ilaaluun, beelaan akka dhumatan shira hojjechuun lubbuu ummata Oromoo balaaf saaxilaa kan turee dha. Mootummaan Wayyaanee/Aggaamee, ammaan tana aangoo Impaayera Ixoophiyaa harkaa qabu ammoo, ummata Oromiyaa sab-bicutti jijjiiruun gaaffii siyaasaa ummata kanaa gaaffii sab-bicuutti gadi xiqqeessuuf imaammata ifatti labsatee lubbuu fi qabeenna ummata Oromoo balaa dhabamaaf saaxilee argama. Continue reading