Godina Arsii Magaalota Adda addaa keessatti mootummaan gabroomfataa Wayyaanee TPLF durfamtu Dargaggoota Oromoo Sossobachuu cimsee jira.Ebla 24/2017 Godina Arsii Magaalaa Asallaa keessatti Maqaa Ayyaana waggaa 6ffaa hidha haaromsaa jedhuun Dargaggoota walitti qabdee itti kijibaa oolte.Dargaggoonni Qeerroon Oromoo wal gahicharratti Argamanis gaafilee haala yeroo ammaa ummanni Oromoo keessa jiru ilaallatan itti roobsuun afaan qabachiise.
Nuti rakkoo bishaanii osoo hintaane Rakkoo gabrummaattu nutti jira.isin warri OPDO gaaffii ummata Oromoo deebisuu hin dandeettan.Erga biyya bulchaa jiraattanii waraana Tigreen nurratti bobbaafte nurraa yaasuu maaf dadhabdan? Ummata Oromoo mana hidhaatitti dararamaa jiru maaf hidhaadhas hin yaafne?daangaa Oromiyaa kabajsiisuu maaf dadhabdan? Continue reading



