Category Archives: Oduu/News
FXG Guyyaa Har’aa Magaalaa Mattuu Keessatti Itti Fufee Oole.
Aside
SQ: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromo, Onkoloolessa 13, 2017/ Gabaasa FXG
Aside
Fincila Xumura Garbummaa Bifa Qindoomina Qabuuf Abdi Kutata Diinatti Naquun Belbeluu Jalqabe
Aside
Onkoloolessa 13,2017/ Qeerroon bilisummaa Oromoo hundeeffama isaa eebila 15, 2011 irraa qabe akeekaaf kaayyoo jabaan masakamee sochii fincila diddaa garbummaa irraa hanga Fincila Ximura garbummaatti gara kuteenyaan aarsaa of godhee diina isaa Wayyaaneef diina uummataasaa dura dhaabbachaa yoona gahee jira. Hanga ammaattii uummatasaa boqonnaa Waaraatti fiduuf ifaajii gochaa tureen injifannoowwaan gurguddaa karaa nagaa qabsaa’uun argatee jira.
Keessaattuu mana diinaaf icciita halagaa keessa seenuun iicciita TPLF gad diiguun uummata isaa badiif saamicha halagaa jalaa bararuu danda’ee jira. Qeerroo bilisummaa Oromoo hanga Bilisummaatti qabsoo isaa gad jabeesse akka godhuu qabuu yeroo yeroon waadaa ykn irbuu haaronfataa yoona gaheera. Dabalataan sochii halagaa ykn TPLF faana godhu keessatti humna hidhatee uummata isaatti bobbaafame dura dhaabbachuun wareegama ulfaataa ofii isaa fudhatee uummata isaa baraarfachuu danda’ee jira.
Akkasuma kaawwan dantaa saba isaaniif egeree jiruu isaanii hongeessuun bakka dirqama taatetti dhimma dhuunfaa isaanii kanneen akka barnoota irraa adabamanii barnoota dhabuu, ariisaa seeraan ala mooraa Yuunibarsiitiitti irra gahu mara akeekaa qabsaa’ota kaleessaaf wareegamtoota kaleessaa galiin gahuuf obsa jabaan mooraa qabsoo Bilisummaa jabeessuu irratti fuulleffannaaf cichooman sochii jabeessanii itti fufanii yoonaan gahataniiru. Kanneen mana hidhaatti dararaamaa jiranis dirqamaaf irbuun waadaa uummataa waan irra jiruuf qabsoof gumaata kaffalamu kaffaluu irratti argamu. Continue reading
Guyyaa Har’aa Wallaggaa Horroo Guduruu Magaalaa Shaambuu Keessatti FXG Deemaa Jira.
Aside

Guyyaa Har’aa Gootonni Barattoota Oromoo University Bulee Horaa Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufan
Aside
Goototi Qeerroo Magaalaa Naqamtee Har’as Diddaa Sirna TPLF Itti Fufanii Jiru.
Aside
Amboo “Dinne Gabrummaa Dinnee Gabrummaaa” Gootota Qeerroo Bilisummaa
Aside
Gimbii-Guyyaa Har’aa “Chaawu Chaawu Wayyaanee!” jechuun labsii Xumura Gabrummaa Mirkanneessaa Jiru.
Aside
Guyyaa Ha’aa Godina Wallaggaa Magaalaa Gimbii magaalota akka Harroojii fi Kanneen Kaan Keessatti FXG Itti Fufee Jira.
Aside



