Category Archives: Oduu/News
SBO: Sadaasa 22 bara 2017. Oduu, Gabaasaa Sirna Kabajaa Waggaa 12ffaa Yaadannoo FDG ilaallatuu fi Gaaffii fi Deebii Ogeessa Diinagdee Dr. Badhaasaa Taaddasaa waliin gaggeeffame -Kutaa jalqabaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
“Gaaffiin Barataa Oromoo Hanga Kabajamutti, Sossobbaa Wayyaaneen Dagamanii Afaan Qabachuun Gabrummaa Ofirratti Jabeessuu Dha”
Aside
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sadaasa, 21,2017
Gaaffiin mirgaa gaafatamaa tureen hanga har’aa deebiin uummataaf deebi’u hidhaaf ajjechaa ta’uu marruu nii hubanna. Akeekni gaaffii barattoota Oromoo sirna garboonfataa Wayyaanee suphuun Wayyaanee haaromsuu utuu hintaane humna afaan Qawweetti amanu dhabamsiisuun, abbaa biyyummaa halagaan molqamne deeffachuudha. Mirga abbaa biyyuummaaf taasifamu keessatti gaaffiin uummataa hanga sirni garboonfataa hundeen buqqa’utti jabaatee kan itti fufu malee, gaaffii addaan ciccitaaf hiiriira addaan ciccitaa gaggeessuun garbummaa qancarsuun nama nyaataa garboonfataa gabbisuudha. Gaaffiin barataa hanga deebi’utti barnoota hinbarannuun barnoota mormuu utuu hintaane sirna bulchiinsaa gaaffii uummataa karaa nagaa gaafatamu gara gaaffii waraanaatti jijjiiru balaaleffachuu ta’uu barataan keenya hubachuu qabdu. Har’a addunyaa dimokiraasii keessa mirga keenya molqamnee ardaaf qabeenyaa keenya halagaan saamamnee akka sinbiraa mana jireenya daggala godhannee jirra. Continue reading
Seenaa Qorachuun irraa Barachuu fi Qaramuufi.
Aside
Damee Booruutiin
Qabsoon Bilisumaa Uummata Oromoo bara dheeraaf godhamaa jiru kana keessatti wareegama amma kana jedhamee himamuu hin dandeenye baasnee as geenye. Basaas jirra. Har’a aduun Bilisummaa uummata keenyaaf yaroo dhiibatee bahuuf jedhu, Oromoota tahan warra uummata keenya gara dhukkanaatti deebisuuf dhiibaa jiru teenyee ilaaluun baayyee nama yaadessa.
TPLF uummatni Oromoo funyoo murmatti kaa’ee gara owwaala isheetti harkisaa jira. Uummatni Oromoo TPLF barbadeessee of irraa buqqisuuf waa’ila tokko illee hin barbaadu. Oggumaa, beeekumsaa, gootummaa fi humna gahaa qaba . Waan orma biraatti hirkatee walabummaa isaa dabarsee namaa keennuuf sababni tokko illee hin jiru. Of irratti ammantee qabaatee abbaa biyyuummaa isaa erga mirkanneefatee booda nagaan olloota isaa wajjin jiraachuuf marii barbaachisu gochuun haqaa isaa ti. Continue reading
ONN:Oduu Oromiyaa Sadaasa 21/2017
Aside
“Lammii Lammii” Wallee Warraaqsaa Haaraa,Adem Mohammed- 2017
Aside
FXG Yuunibarsiitii Amboo
Aside


Aside
[SQ,sadaasa,21,2017]
“Barattootni Mana Barnootaa Qophaa’ina Qondaalaa, Lammilee keenya utuu Ayyaana Irreechaa Aanaa Begiitti gaafa 10/3/2010 lubbuunsaanii darbeef,gadda nutti dhagahame ibsachaa; deemsa KM 12 lafa deemuun barattoota Hospitaalaa Begiitti miidhamanii jiran gaafachuu imala eegalanii jiru,
Wallee Haaraa ” Falmadhu Ka’i Qeerroo” Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Aside