Category Archives: Oduu/News
Karaan Jiru Of Duratti Deemuu Qofa!
Aside
Baarentuu Gadaatin
Waggoota hedduuf impaayeera itiyoophiyaa keessatti uummanni gaafiin mirgaa fi dimookiraasii gaafiin waliqixxummaa kaasaa ture, keessumaa uummanni Oromoo abbaa biyyummaa isaa kolaneeffattoota habashaa itti duulanii biyya isaa qabataniin dhabe deeffachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa ture. ittis jira. Gaafii uummataa kana ukkaamsuufis weeratoonni haga wayyaanee har’aatti jiran yakka danuu uummattoota irratti addatti ammoo uummata Oromoo keessumaa sabboontoota ilmaan isaa irratti raawwachaa turaniiru. Baroota dhihoo as aanan kana keessa ammoo yakki uummata Oromoo addatti ilmaan isaa irratti raawwataa jiru ammoo akka malee sukanneessaa fi kan daangaa hin qabne ajjeechaa jimulaa taa’aa dhufeera. Ilmaan Oromoo gaafii mirgtaa karaa nagahaa gaafatan hedduun hidhattoota sirnichaa naatoo namaaf hin qabneen ajjeefameenaiiru, reebamanii miidhaan qamaa qalbii irra gaheera. Kuuniis mana hidhaa sirnichi heddumminaan ijaarratte keessatti manakraarfamaa jiru. kan eessa buteen isaa dhabames amma hin qabu. Continue reading
Qophii Addaa- SQ Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa, Amajjii 16,2018
Aside
Uummatni Oromoo Uummata Wal Malee Mootummaa Hin Qabnedha.
Aside
Seenessaa Qeerroo tiin
Uummaatni Keenya roga hundaan haala akkaan ulfaata keessatti argama, uummata keenya qe’eefi qabeenyaa isaaniirraa waraana liyyuuhayilii Somaaleefi Agaaziin irratti banameen buqqifaman haala ulfaataafi gaddisiisaa keessatti argamu. Uummatni keenya haala rakkisaafi ulfaataa akkasiin buqqifamaan
🚨-Godinalee Harargee Bahaafi Lixaa Kaambii Hammarreessaafi bakka nageenyaa isaaniif balaa ta’ee irraa qubsiifamanii kan jiran Miliyoona tokkoo ol akka ta’an mirkanaa’eera. Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa AMAJJII 16 2018,
Aside
Wayyaaneen TPLF Hidhamtoota Siyaasaa Dhuguma Ni Gadhiiftii?
Aside
SBO Amajjii 17, 2018. Oduu, Sirna Kabaja Guyyaa WBO Amajjii 1 kan bara 2018 irratti haasawaa HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa taasisan kutaa Xumuraa,
Aside
Akkasumas Sirna kabaja Guyyaa WBO Jaarmiyaan Baqattoota Oromoo Yaman geggeeffatan irratti yaada qindeessaan ayyaanichaa nuuf laatanii fi SBO sagantaa Afaan Amaara.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee ilmaan Oromoo dararuufi mana hidhaatti guuruu itti fuftee jirti.
Aside
Gabaasa [SQ, amajji 16,2018] Baatii Fulbaanaa bara 2016 godiina wallaggaa Lixaa Aanaa mana Sibuu Ganda qottee bulaa Bengu’aa laga dhoqee jedhamu Keessa Ukaamfamun Kaambi waraana Dhidheessa jiruti yeroo dheeraaf erga reebamani booda namoonni lama kan maqaan isaanii Caalii Ejjetaafi Jamaal Tasammaa jedhaman gara Maayikalawiiti dabarfamanii dararamaa turaniiru. Maatii fi fira dhokfamuun baatti ja’a ol erga hiidhamani booda mana hidhaa Qilinxooti argamaniiru. Namoonni kunniin erga ukkaamfamanii waggaa lama kan guute yommuu ta’u, #Caali Ejjetaa abbaa ilmaan afuri,nama daldalan maatii ofii bulfaatu ture jedha odeeffannoon arganne. Dargagoo #Jamal Tasamaa oggeessa meeshaa Elektirooniksii ta’ee Yeroo dheeraa mana hidhaa waan turef dhibee garaachaa dhukubsataa akka ta’e maddeen keenya gabaasaniiru. #Caali Ejjetaa fi #Jamaal Tasamaa jaalan isaani biroo waliin bara 1993 irra qabee miseensa ABOti jedhamun yeroo garagaraati kan hiidhamaa turani fi haras yakka tokko malee mana hidhaa Qilinxooti dararamaa jiru.OSG Australia calls for UNHCR immediate action to Save the life of Oromo refugees in Yemen
Aside
(OSGA, 15 January 2018) Oromia Support Group Australia (OSGA) call to prompt action on a very urgent case involving 38 Oromo refugees and 10 Somalis detained in West Yemen at Sa’ada town.
According to OSGA report most of these genuine Oromo refugees are holders of the UNHCR eligibility status. However, 38 Oromo refugees who are in prison for more than one year are incarcerated from accessing the UNHCR support and protection and detained under harsh condition.
“During this time only the Red Cross visited them once in the detention,”said OSGA. Continue reading
Foyii Loli Qeerroo!
Aside
Damee Booruutiin
Tooftaa qabsoo bilisummaa keessatti walitt bu’iinsa diina wajjinii kan filatu nuyi warra humnaa fi meeshaa waraanaa guddaa hin qabne tahuu qaba. Diina keenya yaroo barbaadnu, bakka barrbaanutti bakka hubuu dandeenyutti itti buu qabna. Warri qabsoon bilisummaa malee akka tahe quba hin qaqbne meere waraanni keessan? keessattuu WBOn isaa jira jedhanii yaroo waakatan dhageenya. Akka yaada namoota akkasiif utuu tahe WBOn jiraachuu isaa mirkaneef waraana TPLF kana dura dhaabbatee yaroo gabaaba keessatti haxxaa’amuu danda’a.
Anaaf WBOn Qeerroo dha. Qeerroons WBO dha. Kan uummata Oromoo wajjin dhaabbatee dhiiga isaa dhangalaasu hunduu WBO dha. WBOn (waraanni bilisummaa Oromoo) xiqqaa fi guddaa, jaarsaa fi jaartii, diiraa fi dubartii, qeerroo fi qarree Oromoo warra walabummaa Oromiyyaa argamsiisuuf of kennee wareegama qaalii baasaa jiru dha. Humna Oromoo kanatu mootumaa faashitii TPLF dhiiga ilmaan Oromoo waggaa 26 olii dhugaa turte hundee ishee raasee kan buqqisaa jiru. Gaafa Oromiyaan bilisa baatu hoccuu raayaa ittisa biyyaa tokkicha ufatee as baha. Continue reading

