Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Olaantummaan seeraa mirga namoomaa keenya sarbuutiin hinmirkanaa’u!

Aside

(Amajji 10,2019 Finfinnee Oromiyaa) Qabsoo karaa nagaatiin waraana uummata keenya Oromootti bobbaa’ee humna halagaan waggoota dheeraaf ajjeechaa, ukkaamsaa, reebichaa fi hidhaa dabalatee saamichaaf wantoota dhibii nurraan gahaa ture afaan rasaasaa jala dhaabbachuun faashina Qawween uummata bituu, faashina Qawween biyya tokko bulchuu, faashina Qawween biyyatti keessaa dimokiraasii balleessanii abbaa irrummaan waggoota dheeraa jiraachuuf hawwuu fashalsuun akka dandaa’amu agarsiisnee jirra.Qaamni “Abbaa Irreen ta’a!” jedhee dhaadatu yoo jiraates karaa nagaatiin qabsoofnee akka nurratti abbaa irree ta’uun hindandaa’amne agarsiisuuf qophiidha.

Qabsoon keenya humnoota qabsoo uummataa gaggeessaniis ta’ee, humnoota akka garbaatti sirna tokko suphuuf maqaa jaarmiyaan jiran kan ajaja qaama biraa fudhatanii uummata isaanii hacuucuuf ijaaraman jabeessuutiin rogeessinee isinis humna isaaniin gaggeessuu, humna isaaniin ajajuu, humna isaaniin bulchuu qabdu jechuutiin isaaniinuu dammaqsinee mogolee ta’uufiitiin, halagaas irraa jifataa aangoo bulchiinsaa olaanootti ol fiduun keenya, akkasuma paartilee mormituuf afuura aara galfii ta’uutiin ofii aarsaa qaamaa qalbii, aarsaa dhiiga dhangalaa’uu, lubbuu darbuu, qaamaa hir’achuu kaffallee humnoota cunqurfamoo impaayeera biyyattiif uummata cunqurfamoof ifaaf bilisatti riqicha ceesisu dimokiraasii haqaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo mirkaneessinee jirra.

Gatiin aarsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hidhaarraa gara hidhaatti darbuuf dararama irraa gara dararamaatti, du’arraa gara du’aatti dabarsuun mirga paartii siyyaasaa barbaade dhorkamuuf sobaan yakkamaa taasifamee adamsamuu ta’uun guddoo nama gaddisiisa nu onnachiisee humna abdataa turreerraa abdii nu kuchisiisees jira. Har’a maqaa olaantummaa seeraa jedhuun jaarmiiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi miseensota ABO qabanii hidhuun olaantummaa seeraa utuu hintaane, olaantummaa abbaa irrummaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Olaantummaan seeraa uummata nagaatti dhukaasanii ajjeesuutiin, Abbootii Gadaa hidhanii dararuun, maanguddoo hidhanii mankaraarsuun, hoggantoota paartii mormituu hidhanii hiraarsuun, Nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo hidhanii jeequmsa maddisuun nagaa hongeessanii mirkana’a utuu hintaane olaantummaan seeraa, heeraaf seera biyyattii mootummaan akka mootummaatti kabajee, mirga uummataaf mirga paartilee mormituus tiksee kan mirkaanaa’u malee mirga paartilee mormituu sarbaa olaantummaa seeraatu mirkanaa’e utuu hintaane olaantumaa seeraatu cabe jennee amanna akkasidhas. Biyyattiin ammoo lafa jaarmiyaan mootummaa humnoota waraanaa mootuummaa irraa qabanii qaamotni tikaaf kanneen biroon olaantummaa seeraa cabsanii jiranitti, humna olaantummaa seeraa cabseen Olaantummaan seeraa hinmirkanaa’u. Qaamotni kun nagaa uummataa waan booreessaniif nagaa argattee jirti biyyi, nagaa argachuuf jirtis jechuun hindada’amu.

Gochaa mootummaan maqaa olaantummaa seeraa jedhuun maanguddoota keenya, Abbootii Gadaa keenya dabalatee nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi miseensotaaf deggartoota ABO akkasuma hoggantoota ABO irratti fuulleffatee hidhaa raawwataa jiru Olaantummaa Seeraa kabachiisuu utuu hintaane; Olaantummaa seeraa cabsanii, Oromummaa balleessuuf Adda Bilisummaa Oromoo ABO dhabamsiisuuf kan hojjetaa jiru ta’uu hubachuudhaan uummatnis kana akka hubatu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa.

Waan ta’eef maqaa Olaantummaa Seeraa dhahachuun, dahoo olaantummaa seeraa jala gugatanii akkuma waggoota 27 hidhaaf hiraarsaa nurratti adeemsisaa turan humna kaleessaa nu basaasaa ture tika mootummaa EPRDF kaleessaa nutti bobbaasanii badiisaa kaleessaaf gaafachuunuu hafee, waraana kaleessa nu ajjeesaa ture nutti bobbaasanii badiisaa kaleessaaf seerri gaafachuu dhabe, nu qabsaa’ota karaa nagaa yakkamaa taasisuu hindanda’u; akkasuma gochaan sobaan yakkanii adamsanii ni hidhuu mirgoota namoomaa keenya sarbuu ta’uu hubachuutiin doorsisaaf hidhaa akka nurraa dhaaban ammas gadjabeessinee mootummaa nii gaafanna.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroo sirni EPRDF kallattiin Qawween dhaadataa tureyyuu karaa nagaa qabsaa’aa ture, har’as karaa nagaa qabsaa’aa utuu jirruu adamsanii nu hidhuutti fuulleffachuun yakka qofa utuu hintaane Olaantummaa Seeraa cabsuu waan ta’eef mootummaanis ta’ee qaamotni mirga sochii keenyaaf mirga lubbuun jiraachuu keenya dhorkuuf hidhannoon nutti bobbaafamanii mana jireenyaa keenyatti nutti dhufanii doorsisaaf hidhaa nurraan gahaa jiran akka nurraa dhaabbatan gaafanna.

Kana ta’uu hubatuutiin uummatni keenya, uummatni nuti aarsaa kaffalleefii isa waliin kufnee kaanee, ajjeefamaa gidirfamaa sadarkaa abdatamu kanarraan geessifne firii fuulduraas akka argatuuf qaama nu adamsuutiin akka isaaf (uummataaf) hindubbanne nu godhuuf bobba’eef qaama nageenya keenya booreessuf nu hidhuutti fuulleffate kana nu cina hiriiree akka balaaleffachuu qabu cimsinee gaafanna.

Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 10,2019
Finfinnee Oromiyaa

SBO Amajjii 09,2019. Oduu, Ibsa ABO fi Miidhaa waraanni mootummaa EPRDF Lixa Wallaggaa magaalaa Mandii fi Goorii keessatti ummata irraan gahaa jiru irratti marii jiraattota waliin taasisame

Aside

SBO AMAJJII 06,2019. Oduu, Yakka waraanaa mootummaan EPRDF jiraattota Godina Gujjii Bahaa fi Godina Qellem Wallaggaa magaalaa D.Doolloo irratti raawwataa jiru ilaalchisuun marii jiraattota waliin goone

Aside

SBO AMAJJII 06,2019. Oduu, Yakkoota waraanaa Godina Qellem Wallaggaa magaalaa D.Doolloo fi Godina Gujii Bahaa keessatti waraana sirna EPRDFn ummata nagaa irratti raawwatamaa jiran irratti marii jiraattota waliin taasisame

Aside

Uummata nagaa hidhaadhaan gidirsuun jeequmsa babal’isuudha.

Aside

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

(Qeerroo, Finfinnee, Amajji 02, 2018) Sirna EPRDF waggoota 27 keessatti miliyoonaan hidhaa turuun kan yaadatamu ta’ee, hidhaadhaan aangoorra turuun akka hindandaa’amne aarsaa kaffallee afaan Qawwee gombiisuutiin agarsiisaa guyyaa har’aa geenyee jirra. Boqonnaa haaraatti ceene jennee kan abdanne, ilmaan Oromoo hidhaman qabsoon Oromoo dirquutiin paartiin ODP dirqamaan mana hiraarsaa baasuu jaqabuusaaf ajjeechaatti daangaa goona jechuun waadaa qilleensaarraa galameerra dhaabbannee turre.

Jijjiirama dhufe jennee kan abdanneefis Doonii gidirsaarraa buunee, markaba gidirsaa yaabna jennee osoo hintaane, kanaan booda gidirfamuun ajjeefamuun nurraa dhaabbatinnaa jennee afuura tasgabbii keessa seenuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo diinaafis firaafis ifaadha.

Rakkinni kun akka huuruu Harreetti bifallee osoo hinjijjiiratin baatii muraasatti nutti deebi’a jennee yaaduu baannus, hidhaan bifa fokkisaadhaan deebi’ee kumootaan hidhamuutti ce’uun keenya yaaddoo nageenya biyya keenyaa yaaddoo du’a daangaarraa Oromoo irra gahaa jirutti dabalee yaaddoo nuu dhaluu dandaa’eera.

Hidhaa madda furmaataa godhee sirni EPRDF waggaa 27 milkaa’uu dhabuusaarraa barnoota argateera karaa nagaa sichi rakkoo keenya fura jennee yeroo abdannetti kun nutti dhufuunsaa miira biraa kan nuu dhalaa jiru ta’uu hubachiisna. Ammas taanaan hidhaadhaan furmaata arganna jedhamee hojii itti jiramu kana mootummaan dhaabuu baannaan balaa kanaan qabatee dhaqqabuuf gaafatama jalaa kan hinbaane ta’uu cimsinee hubachiifna!

Akkasuma ilmaan Oromoo tokkummaadhaan duula bifa haaraan nutti banamee jiru walirraa qolachuuf carraa qabnutti gargaaramuun hidhaan mana mana utuu nu hinseenin afuura waldhageettii fi naamusa qabuun addunyaatti iyyaachuunis ta’ee wal cina akka dhaabbachuu qabnu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa!

Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Gababaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa

Baga bara 2019 isin gahe!

Aside

Ajjeechaan uummata Oromoo irraa qabsoodhaan dhaabbata!

Aside

(Amajji 1,2019, Finfinnee Oromiyaa) Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin gahuudhaaf qooda olaanaa taphachuutiin garbummaatti xumura gochuuf Fincila Diddaa Garbbummaa irraa hanga Fincila Xumura Garbbummaatti aarsaan qabsaa’ootni Oromoo baasaniif Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaffale kan yaadatamu ta’aa, bara haaraa kanattis qooda qabsaa’aa bahachuudhaan akkuma baroota dabarsine kanaa Adda Bilisummaa Oromootiin hogganamnee galii isa maayiin gahuuf hundarra kan miira itti gaafatamummaan qabsoofnu ta’uu uummata keenyaaf hubachiisaa bara haaraa itti seennee jirru barri 2019 kan bilisummaa waaraa fi nagaaf tasgabbii uummata Oromoo fidu akka ta’u hawwii keenya baroota dheeraaf ammas kanuma kan hawwinu ta’uu ibsanna.

Waraana Oromoo irratti mootummaan labsamee akkasuma weerara daangaa irraan uummata meesha maleeyyii Oromoo irratti meeshaa gurguddaa fayyadamanii humnootni nagaa Oromoo booreessanii nagaa keenya qilee buusanii jeequmsa baballisaniin miidhamaa guddaan uummatni keenya waraana keessummeessaa, wayiita jiru kanatti gaddi guddaan utuu nutti dhagaa’amuu bara haaraa 2019 akkasuma guyyaa WBO kabajataa jiraannullee, qabsoo karaa nagaa taasifnuun ajjeechaa fi buqqaatinsi uummata keenya irraa dhaabbatee nagaaf tasgabbiin nii buufama abdii jedhu qabannee qabsoo wal ijaarree karaa nagaa taasifnuun rakkoo ammaa keessaa Oromoon nii baana jennee kutannoon sochii warraaqsaa itti fufnee jirra.

Waraanaan wal qabsiisee, qabsoon afaan qawween uummata bituuf afaan qawween bulchuuf abjootamu keessaa bu’aan argamu, biyya golgoleessanii ofis golgoleessuu qofa jennee amanuurraa humna waraanaan uummata keenya rukutuun humna hidhateen uummatatti dhaadataa xinnaaf guddaa ajjeesuun balaaleffatamaa ta’uufii adeemsa siyyaasaa amala bineensummaa calaqqisiisu ta’uutti hubannee, humni hidhatee jiru yakka ajjeechaa deettii nurratti raawwatuu irraa of adabee rakkoo biyyattii akkasuma rakkoo siyyaasaa biyya Xoophiyaa karaa nagaan furuu akka qabu ammas cimsinee gaafanna. Yakkoota suukanneessoo uummata irratti raawwataa ajjeesanii gubuuf manaaf nama walitti gubuu caalaa yakki ulfaataan jira jennee hinyaadnu, kanaaf qaama ajjeechaa raawwatuuf qaama araddaa uummataa Oromoo gubuutiin balaaf uummata saaxilaa jiru seeraan akka gaafatamu gochuu akka qabuuf har’as qaama dhimmichi ilaallatu nii gaafanna. Yakka humnootiin hidhatan daangaa irratti raawwataa jiran dabalatee yakki waraana mootummaa raayyaa ittisa biyyaatiin nurratti raawwataa jiru balaaleffatamaa ta’uu fi kana akka dhaabaniif dhaabbilee siyyaasaa Oromoo dabalatee; humni uummataaf dhabbatu kamuu gaheesaa bahatu akka qabu gaafanna.

Kana ta’uun hafee abjuu dulloome abjootuurraa uummata irratti shira shiranii kumaaraa lubbuu saba keenya Oromoo irratti raawwachuutiin barcuma ofii tikfachuuf kan abbalamu taanaan abjuun shiraan uummata bituu ka jaarraa ammaa kanatti fiixa bahiinsa maseenu ta’uu hubachiisaa, uummata ajjeesanii afaan toluudhaan nagaa fakkaatanii qaama nagaatti quba qabuudhaan uummataan waljibbisiisuuf akeekni qabamee hojiitti seeenamutti dabalee holola wal ijaaranii facaasuudhaan dhugaa uummataa ukkaamsuuf yaaluun yakka dhiifama hinqabne ta’uutti amanuurraa qaama shiraa fi hololaan aangoo ofii tikfachuu barbaaduuf akka nurraa of adabu nii gaafanna.

Kanas bara 2019 kan itti seenaa jirru keessatti shiraa fi holola maqa balleessii uummata Oromoo fi addatti dhaaba keenya ABO irratti oofamus ta’ee holola qaama uummata nagaa irratti oofamuu dura dhaabbachuuf humna gatiittaa’aa wal ijaaree haala salphaan hinraafamne kan nagaa uummataa bakkatti deebisuuf gahumsa qabuun qabsoo keenya karaa nagaa itti fufna. Ajjeechaan uummata keenya garraamii meesha maleeyyii Oromoo irratti adeemsifamaa tureef adeemaa jiru ajjeechaan shiraas ta’ee ajjeechaan kallattiin rasaasa uummatatti dhukaasuutiin Raayyaan ittisa biyyaa maqaa jedhuun qaamni of waamu uummata keenya irratti raawwatu irreessaaa uummata irraa akka kaasu gaafataa, gochaan ajjeechaaf dararamaa akkasuma hidhaan qabsoodhaan dhaabbata ejjennoo jedhu qabannee, waraanni nurraa dhaabbatee karaa nagaa elaaf elaameen rakkoon furamee hiree isaa Oromoon akka murteeffatuuf qaama isa bulchu ofiin akka filatee, kan filateen bulu gochuuf dimokiraasii dhugaa uummata keenya dhamdhamsiisuuf ga’ee nurraa eegamu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo miira tasgabbaa’aa wal hubannoo qabuun nii qabsoofna.

Kanumaan uummata keenyaaf bara haaraa kanatti fedhii keenya fedhii Oromoo jaarraa tokkoo olii, bilisummaa haqaa kan safaraaf fallaana garbonfataan safaramee laatamu utuu hintaane, kan itti dhiignee itti cabnee itti dararamnee ittis dararamaa jirru bara kana bara 2019 akka nuuf dhugoomu hawwina, akka arginuufis akkasuma akka uummata keenya bilisummaa haqaa biraan geenyuufis qabsoo jabaa nii goona. Waan ta’eef uummata keenya maraaf ergaa nagaaf tasgabbiitti nu ceessisa jennee abjoonnu akka gadiitti nii ibsinaaf

Qote Bultoota Oromoof

Qabsoo waggoottan dheeraa godhamaa ture keessatti miidhamni uummata keenya Oromoo qote bulaarra gahe eenyuun olitti kan nama mufachiisu ta’uuf har’allee miidhama afaaniin dubbachuun nama rakkisu keessa kan jiru Qote bulaa ta’uun hubatamaadha. Qote bultootni keenya Oromoon manaaf araddaa isaanii irraa miliyoonaan lakkaa’amanii buqqaa’anii, miliyoonaan lubbuu darabanillee hanga ammaatti qaama rakkoo isaanii gaafatee furuuf karaa mootummaan dhibuun nu mufachiisee jira. Nu mufachiisuun kun ammo lubbuun ilma Qote bulaa Oromoo hanga lubbu-qabeeyyii xixiqqoo ilaalcha dhabuudhaan, deettiin/jumulaan ajjeefamee qaama mootummaa isa gaafatee rakkina isaa furuuf dhabuu irra darbee iyyatee iyyaannaansaa dhagaa’amuu dhabuurraa kitilayyoon ilmaan Oromoo rasaa/alatti darbatamee mana isaa irraa ari’amee nagaa molqamee tasgabbii dhabuurraa gojamaa/hawwii jireenya nagaaf tasgabbii keessa waggoota afuurii as seenee jira.

Kun ta’ee wayiita jiruttti, qabsoo karaa nagaa goonuun bara haaraa kanatti gadadoo uummata keenyaa, gadadoo Qote bulaarraa, du’aaf ajjeechaa, hidhaaf reebichatti dabalee araddaa isaarratti maasa isaa waliin gubachuun nii dhaabbata hawwii jedhu qabannee kana lafa dheebuu uummatichaa lafa dheebuu Qote Bultoota keenya, akkanni qabeenya isaaf Bosonoomee akka Bosonuu ajjeefamuun irraa dhaabbatu, akka uummata biyyattiitti mirgisaa kabajamee seerri akka isaaf dhaabbatuu qabu gaafachuu keenya akkuma baroota darbanii itti fufnee kan qabsoofnu ta’uu uummata keenya Oromoof nii ibsina. Qeerroo Bilisummaa Oromoo uummata isaa Qote bulaaf dhaabbachuu ka jabeessee itti fufu ta’uu nii hubachiifna.

Daldatoota Oromoof
Waggoota dheeraadhaaf akeeka qabsoo karaa dinagdee duubatti nu deebisuu humni nafxanyaa qabatee adeemaa tureera. Qabsoo dinagdeen uummata keenya duubatti dhiibuu keessatti, toora abbootii qabeenyaa keessallee hojjetatee akka Oromoon hinseenneef hojii bal’aan halagaan nurratti adeemaa tureera. Addatti bara sirna EPRDF keessa, qabsoo uummataa keenya Oromoof mogolee ta’a jedhamu dinagdee keenya rukutuu keessatti qoodni sirnichaa kan ammallee aangoo irra jiruu olaanoo ture olaanoo ta’ees jira. Waggoota 27 darban keessatti waanuma daldalatee qixa dhala namaa jiraatuuf qofa jibbamee, halagaan guraarrii fi hiraarri irratti adeemaa turee ittis jira. Kana keessattis daldaltoota Oromoo hedduu lubbuun darbeera, kanneen jiran ammo akka guddinaan hinsaffisne gochuu keessatti project garaagaraa irratti hojetuurraa, gibiraa fi baatii akkasuma mawwaacoo fi baasiiwwan maqaan isaanii hedduu ta’e uummata keenyatti fe’uudhaan sammuu dinagdee keenya Oromoo rukutaa turaniiru. Akeeka jibbisiisaa akkanaa duraa kan dhaabbannu Qeerroo Bilisummaa Oromoo; biyyattii keessatti abbummaan daldaltoota keenyaa mirkanaa’eefii akka saboota birootti mirgisaanii kabajamee akka jiraatan akka ta’uuf qabsoo keenya jabeessinee itti fufna. Daldaltootnis mirgaaf dirqama isaanii baranii qaama mirga isaanii fi mirga uummata isaanii dhiibu, qaama uummata nagaa meesha maleeyyiitti dhukaasee galaafatuuf manaaf araddaa waliin barbadeessu dura dhaabbachuuf akka hundaan olitti nu cina dhaabbatuu qaban daldaltoota Oromoof hiree kanaan nii gaafanna.

Hojjetoota mootummaaf

Hojjetootni mootummaa kanneen qabsoo jabaa uummata keessaniif mootummaa uummata keessan alanfatee nyaatee dhabama gochuu hedu EPRDF keessa teessanii qabsoo bilisummaa gochaa turtan kan qaama uummata balaaleffatu keessa jiraachaa, harkaa nyaachaa uummata keessaniif gamnoomaan dhaabbataa turtan kan seenaan isin yaadatu ta’uu isin hubachiisaa, ammas uummata keessaniif dhaabbachuu akka itti fuftan hubachiifna. Addatti hayyootni Oromoo ija fuulduratti argu qabdan, rakkoo saba keessan irratti dhufuuf aggamu saaxilaa akkuma turtan ammas waan balaa biyya keessan Oromiyaatti fiduuf uummata keessan Oromootti fidu shira EPRDF saaxiluudhaaf eenyuun olitti dirqama biyya keessan baraaruu akka bahattan isin gaafanna. Gama Qeerroo Bilisummaa Oromootiin akeeka jargummaa/gaarummaa uummataaf hojjetuu keessanii kan isin deggarru ta’uu isiniif ibsina.

Humnoota Oromoo hidhattanii bakkoota garaagaraa jirtaniif
Irbuun keessan uummtaafi irbuun keessan biyyaa fi malee irbuun keessan mootummaa isin leenjiseef EPRDF akka hintaane hubatuurraa foolisootni Oromiyaa fi Kora Bittinneessaa kanneen faana gooticha Oromoo Musxafaa Huseen qabattanii, toora nagaa uummata keessanii eegsisuudhaaf humna uummata keessaniitti dhukaasaa jiru balaaleffattanii uummatarraa qolachaa jirtan dirqama Oromummaa isinitti kennamee jiru bahataa waan jirtaniif guddifnee isin leellisuu fi akeeka jaalala biyya ofii akkanaa qabatee kan deemu jajjabeessuuf gama keenyanis miiraa nagaa uummataa deebisuuf humna nagaa booreessu qolachuu akkanaa dabalee akka isin keessatti horatamu hawwaa, kanneen barcuma aangaa’oota tiksuuf uummatatti dhukaasaa turtanis dhukaasaa jirtanis qaama keessan, abbaa keessanii fi haadha keessan gaddisiisuutiin obbolaa keessan ajjeesaa jiraachuu hubattanii, humnoota uummata keessan akka ajjeeftaniif isin bobbaasaniif dhagaa’uurra uummaticha keessaa baatan dhagaa’uutiin afaan Qawwee saba keessan Oromoo irraa akkasuma saboota cunqurfamoo impaayera biyyattiirraa akka deebiftan isin gaafanna. Fedhii uummataa tiksuu cinatti nagaaf tasgabbii uummata keessanii akka seeraaf heera biyyattiitti tiksuu irratti akka dalagdan hawwina kana isinirraa feenas. Uummata keessaniif dhaabbattanii kan miidhaan isinirra gahu yoo ta’e sagalee isiniifis ta’uudhaan yakki hammeenyaaf garajabinaa akka isin irratti hinraawwanne Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan isinii falmu ta’uu hubachiisa.

Barataa Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoof

Hawwiin keessaan nagaa uummataa, tasgabbii waaraa fi saamichaaf hidhaan akkasuma ajjeechaan uummatarraa dhaabbatee waraanni waggaa 27 nutti banamee jiru daangaa’ee akka nagaan bu’uuf gaafataa turuun barataaf bara 2011 asittimmoo bifa addaan ijaaramee Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo karaa nagaa gochaa jiraachuun hubatamaa ta’ee, aarsaa lubbuu kaffaluutiin qabsoo sadarkaa har’aa irraan gahuu keessatti qooddattoota olaanoo keessaa tokko ta’ee aarsaa kaffalaa tureera. Aarsaan kee gati maleeyyii ta’uutiin, jaala jaallattu afaan rasaasaa mootummaa EPRDF’n dhabaa, ofii guraraamaa dararamaa dhiigaa lafee cabaa qabsoon ati har’aan geettee jirtu galiisaa akka maseenuuf humnoonni jeequmsa babal’isanii uummata nagaatti waraana labsan akka of qusatan gaafaataa akka turte waraana raayyaa ittisa biyyaa maatiikee sirraa alanfatee nyaachaa jiru akka irraa dhaabbatu gaafachuukee cimsitee akka itti fufuu qabdu dhaamna. Humna uummatakee ajjeesu kamiif dhiifatama tokko gochuun sirra akka hinjiraanneef, humna hidhaa jabeessee jiru EPRDF’n ofirraa dinninuu cinatti wayiita daangaan akaakayyuuf abaabileekeen eegamee har’a gahe, daangaan Oromiyaa, diinaan sarbamee maasiin/araddaan maatiikee halagaan manca’ee obbolaaf haatikee wayiita mana jireenyaa waliin gubataa jiranitti afaaniin nagaa labsaa, si duubaan biyyaakeef uummatakeetti waraana labsuun EPRDF yakka guddaa ta’uu hubachuudhaan qabsookee akka itti fuftu Qeerroo Bilisummaa Oromoo si hubachiisa. Aarsaan ati kaffalte humnoota aarsaa si kaffalchiisaniin saamamee gatii dhabsiisuu akka hinqabne asumaan hubachiifna.

Walii galatti barri haaraan itti seenne bara bilisummaa haqaa itti gonfannu akka nuu ta’u hawwaa, bara nagaaf tasgabbii uummata keenyaaf akka ta’uuf qabsoo goonu ka yoomiin olitti miira gootummaa miira ogummaa fi akeeka nagaaf tasgabbii Oromiyaa deebisuun saamtotaaf ajjeestota balleessuu jedhuun afuura nagaa labsuutiin karaa nagaa qabannee qabsoo keenya itti fufna!

Injifannoon Uummata Oromoof
Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 1,2019

SBO MUDDE 28,2018. Oduu, Ibsa ABO, Lola Oromoo Walloo irratti deemaa jiru ilaalchisee gaaffii fi deebii dargaggoo Abbile Dheeree waliin godhame

Aside

SBO MUDDE 26,2018. Oduu, Ibsa ABO fi iyyannoo maanguddoota Oromoo Lixaa fi Kaaba Shaggar

Aside

Xalayaa ummata keenya Mooyalee irratti ajaja ajjeechaa dabarse

Aside