Bitooteessa 23,2016
FXG Qeerroon Bilisummaa gaggeessaa jiru sadarkaa guddaatti ce’aa jira,haala kana keessatti gaaga’ama ulfaataan uummata keenya irra gahus qabsoon FXG itti fufee jira.
Suuraan kun sabboontuu fi barattuu Amartii Hinsarmuu jedhamti ganama kana 23/03/2016 mana barumsa ASK Nekemte keessatti rasaasa waraana Wayyaaneen Agaaziin mataa ishee ruktamte. Afaanii fi Funyaaniin dhiiga hedduutu mataashee keessas yaa’aa jira. Haala yaaddessaa keessa jirti.
Author Archives: Qeerroo
Humni Waraana Waayyaanee Tarkaanfii Suukanneessa Uummata Lixa Oromiyaa Magaalaa Najjoo Irratti Fidhachaa Jira.
Aside
Bitootessa 23,2016
Gochasaarraa akka waan gabbeetti kan haasa’uu mootummaan Waayyaannee har’allee tarkaanfolee ajjeechaaf fuguuginsa sanyii osoo nurraaa hin dhaabiin jiraa jedhu jurattoonni Najjoo Akkasuma har’a FXG adeemsifaamaa jiruun miidhama da’immanrraan ga’aa akka jiru Qeerroon Najjoo dubbata mucaa ganna 11 kan kutaa 5ffaa baratu barataa Soorummaa Ashaalee har’a mana barumsaa Abdiisaa Aagaa keessatti itti seenuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahanii jiru.Mucaan hanga ammaatti dubbachuu akka hin dandeenyeef du’afillee shakkii guddaa keessa jiraachuu gabaasaan
keenya achii gabaaseera. Haalli Soorummaarra ga’e ittuu barattoota finiinsuun guyyaa har’aa
sa’atii kanatti manneen barnootaa Abdiisaa Agaa,Qophaaina Najjoo,Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa lammaaffaa Gaaddisa Odaa BBB hojiirra oolchuun dhaadannoowwaan
#Saamichiif duguuginsi sanyii Lammii keenyarraa haa dhabbatu
#Nuun dhimma bilisummaaf dubbanne dhahichiif Jimulli duuba nu hin deebisu
#gowwomsaa Wayyaanee hin fudhannu
#gumaa nama du’ee isa jirutu baasa
#gumaan hin nyaatamu gumaa gumaatu baasa
Jedhuun guutummaa magalatti raasaa jiru FXG hanga bilisummaatti itti fufa jedhaniiru.
Godina Wallaggaa Aanaa Laalloo Assaabii Irraa Barataan Kutaa 10ffaa Baratu Waraana Wayyaaneen Butame.
Aside
Bitootessa 23/2016 Barataan kutaa 10ffaa baratu Guutuu Birruu Waraana Wayyaaneen Butamee Bakka Bu’e Hin Beekamu.
Sochii Qeerroon kan waalii qabate Godina Wallaagga lixa Aanaa lalo Assabii mana barumsaa Inangoo sadarkaa lammaffaa kutaa 10 ffaa kan baraatu. Baraata Guutuu Birruu. Humnaa warraana biyyaa qabamee laafa in bu’e wallalame.Rabbii lubbuu isaa nuuf haa bararuu. Galmeen seena Oromoo sii waamtii.
Aside
Wallagga Magaalaa Naqamte Keessa Barruuleen Waamicha FXG Daran Tamsa’e.
Aside
Bitootessa 23/2016
Alaabaan Adda bilisummaa Oromoo(ABO) halkan edaa akka urjii magaalaa Naqamtee fi naannoo Yuunversiitii Wallaggaatti ifaa bulte.Barruulleen warraaksaas halkan edaa naannoo yuunvesiitii wallaggaatti rasbsamaa bulaniiru.yeroo ammaan kanas humni federaalaa guutummaan magaalaa naqamtee keessa ABO tu gale jechuun uummata nagaa doorsisaa jiru.naannoon yuunversiitii wallaggaas humna waraanaan marfamtee jirti.
Jimma Yuunibarsiitii Mooraa Guddaa(main campus) fi Mooraa FBtti Waraqaaleen Qeerroo Tamsa’an
Aside
Balaaleffannaan murna bichuu Waayyaanee Gootota Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaatiin itti fufuun hoomaan Waraanaa Yuunibarsiitichatti galee osoo eeguu Gootummaa jabaadhaan mormii akkuma eegalanii jiran waraqaalee Qeerroo kan barreefamnisaa alabaa keenyaan faayamtee dhaadannoowwan ciccimoo of irraa qabdu rabsaamaa turan.Waraqaaleen kun mooraa FB keessattis haalaan dhoobameera.Akkasuma Alabaan ABO kalariin hojjetamee wal cinatti maxanfamaa tureSirna Awwalcha Barataa Girmaa Darajjee Ayyaanaarratti Mormiif Dhaadannoo Jajjaboon Barattoota Baha Wallagaa Giddaa Ayyaanaatiin Gaggeefamaa Oole
Aside

SBO Bitootessa 23,2016. Oduu, Qophiilee Haala Yeroo Irratti Hunda’anii fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
Qeerroon Godina Shaggar Lixaa Abuunaa Gindeberat Keessatti FXG Itti Fufanii Jiru
Aside
Guyyaa har’aa Bitootessa 22,2016 ganamaa irra egale hanga ammatti dhaaddannoo gargaaraa dhaggesisisaa kan ture yoo ta’u.ammaan kana immoo baratoota Sadarkaa 2ffaa fi qopha’iina mana barumsaa Kaachisitti kan jalaqabee barnooni bilisumaa booda jechudhaa dhaddanoo dhaggeesisisa kan olan mana barumsa Kachisii fuulduratti kan jalqabee yoo ta’udha
Bitootessa 22,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Jaarsoo fi Qeellam Ona Jimmaa Horroo Keessatti Loltooti Wayyaanee Uummata Jeeqaa Jiru.
Aside
Godina Wallaggaa Qellem ona Jimmaa Horroo irraa namootni 4 har’a bakka magaala irraa konkolaataa fi nama hin beekamneen fuudhamani eessa buuteen isaanii dhabameera.
1. Abdulkari Jamal
2. Hasan Jamal –Obboleessa Abdulkarim jaallan kun lamaan yeroodhaa yerootti kan hidhamaniidha.
3. Solomon Guricho
4. Barsiisaa Dimbaashaa Baqqalaa
Har’a Bitotessa 22/2016 har’a ganama irraa konkolaataa Wayyaanee hin beekamneen butamanii kan badan yoommuu tahu uummanni fi dargaggootni ijoolleen kun deebi’uu qabu jechunFXG kaase jira uummanni yeroo ammaa kana daandii cufee jira.
Kana malees Loltootii fi humni poolisa Wayyaanee TPLF Guyyaa har’aa sabboontota Oromoo 4 magaala Jaarsoo Wallaggaa keessaa qabanii hidhaanii jiru.
- Dasaleeny Alammayyoo
2 .Barsiisaa Husee
3.Hojeta Motummaa Jabbeessaa Tarreesaa
4.Girmaa
Kanneen jedhamanii fi kaanis keessatti argamu

