Unknown's avatar

About Qeerroo

Welcome to Qeerroo Bilisummaa webiste! We are here to serve Qeerroo generation who are seeking freedom in their new emerging life.We are Hope for Oromians and lead by example. We have a saying, Follow the Kuusaa and do what the Yuubaa says. http://qeerroo.com

Aside

Ebla 7,2016, Naannolee Qobboo fi Waldayaa akkasumas Gambeelaas dabalatee sochiin fincilaa jabaatee akka jirutu Qeeyroon gabaasee jira. Dabalataan toora Qobboo fi waldiyaatti transiformariin ibsaa gubatee bade ji’a tokko ol kan lakkaawe uummanni ifa dhabee rakkina kanan naannoo kanatti fincilli uumataan ka’eejira.

Kana malees  Ebla 7,2016 ,Naannoo Kibbaa godina Saganti magaala Konsootti Fincilli ka’ee finiinuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Manneen barnootaas cufamanii hamma ammaatti. Humneen nageenyaa wayyaanee naannicha buufatee jiru baajatni mootummaa waan hanqataa dhufeef naannicha irraa waraanni buufatee jiru fagaatee hojii eegumsaa dhaabaa akka jiru odeessi Qeerroo naannichaa ibsa.

Aside

Ebla 7,2016 Yuuniversitii Bahar Daar mooraa Yibaabitti torban tokko dura barattootni rakkoolee bishaan dhugaatii fi qulqullina nyaataan wal
qabateef gaaffii dhiyeessuun nyaata lagatanii turan. Barattootni hanga har’aatti diddaa nyaata lagachuun fincilatti fufanii akka jiranis Qeeyroon gabaasee jira. Wayyaaneen barattoota Oromoo irratti shira xaxuu akkuma beekamu moorawwan Yuuniversiti naannoo Amaarattis miidhaa barattoota irratti gaggeessuuf karaa naataa fi bishaan qulquulluu dhabsiisuun daran jabaatee jira,Mooraa Yuuniversitii Dabra Taabor
keessatti dararamuun ni jira.

Ebla15 GUYYAA GOOTOTA OROMOO, HAWWISOO QEERROO BILISUMMAA 2016

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 6 April 2016

Aside

Simbirtuu Qophii Ebla 7,2016

Aside

Ebla 15 GUYYAA GOOTOTA OROMO (GGO)

Aside

OPDON Ambaasaaddaroota Nageenyaa Jechuun Dargaggoota 68 Badhaasuuf Jecha Baajeta Birrii Kitila 4 fi Walakkaa Ol Ramadde

Aside

OPDO.jpg saamtuuEbla 06,2016) Barattootaa fi dargaggoota Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafatan waraana itti bobbaasee jumlaan ajjeesaa, qaamaa hir’isaa, guuree hidhaa keessatti itti taphachaa fi biyya irraa baqachiisaa kan jiru mootummaan shororkeessaa wayyaanee, karaa ergamtuu isaa OPDOn dargaggoota naannoo Oromiyaa keessaa kan jedhaniin namoota 68 filanii ambaasaaddaroota nageenyaa jechuun badhaasa kennuufiif akka qopha’aa jiran.

Dargaggoota jedhaman kana kan badhaasu ergamticha wayyaanee Muktaar Kadir kan waraana Agaazii ummata Oromoo dhibbootaan ajjeese galateeffate ta’uunis barameera. Badhaasi jedhame kun kan kennamu walgahii dargaggoota Oromiyaa jedhamu kan gidduu kana Adaamaatti eegaluuf jiru irratti ta’uu maddeen gabaasaniiru. Walii galatti dargaggootni 238 ol ta’an dhimma adda addaa irratti badhaafamu jechuun maddeen dabaluun eeraniiru. Baasii OPDOn konfirensii kanaaf qopheessites kan armaan gadii kana dha.

-Bajata Waliigalaan konfaransichaaf barbaachisu
-Durgoo fi geejjibaaf —————————-2860586.4
-Bittaa meeshaalee adda addaaf——————–553450
ida’ama waliigalaa————————-4,904,454.4
Ida’ama = 4,908,056.40

Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo fi Naannoo Isheetti FXG Itti Fufee Oole.

Aside

Ebla 6,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Najjoo fi naannoo  keessatti barattoota Sadarkaa 2ffaa Aggaar Alaltuutiin daran jabaatee itti fufee jiraachuu Qeerroon gabaase.

Fincilli kunis kan jalqabe baratootuma mooraa sanaan Sa’a 4;00 Irratti Fincila Diddaa Garbummaa Qabsiisaniin humni kora bittinneessaa fi Federaalli Mooraatti weeraruun barattoota hedduu reebanii miidhaa guddaa irraan ga’aniiru! sa’a afur irraa eegalani reebichaa fi dararaa guddaa baratoota kana irratti raawwataniiru.

Maatiin Barattootaa Ilmaan Isaani Hoggaa barbaaduuf deemanitti humni federaalaas Uummata ijoolleessaaf dirmachuuf ba,e kana reebuun manatti deebisaniru.Uummannis diddaa isaa jabeessuun naannooma mana barnootaa sana turaniiru. Humni federaalaas yemuu barattoota kana hidhaatti dabarsuuf yammuu yaalanitti Uummannis degersa baratoota kanaaf godhaniin oso mana adabaa hin geeffamin hafaniru! reebicha irra
ga,eenis baratoonni heedduun miidhamuu Qeerroon gabaase.

FXG Itti Fufuun Gootonni Barattooti Oromoo Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Diddaa Gaggeessan.

Aside

FXGGuyyaa Ebla 6,2016 Har’aa Manni Barumsaa Qophaa’inaa Asalla Hiriira Mormii sirna mootummaa Wayyaanee gaggeessaniin dhaadatnoolee warraaqsaa hedduu dhageessisun mootummaa fi waraana mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa oolanii jiru, alaabaa  gabrummaa ( Ithioophiyaa) mooricha keessatti fannifames gadi buusanii ciruun,barnooti bilisummaa booda waan ta’eef uummata keenya keessa bobbaanee nagaa fi bilisummaa barbaacha qabsoo fincila xumura gabrummaa itti fufna jechuun mana barnootaa cufanii maatiiti galuu Qeerroon gabaase.

 

Aside

because-i-am-oromoEbla 6,2016/ Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adaree irraa qabamanii ji’oota lamaa oliif mana hidhaa Wayyaanee keessatti kan daraaramaa jiran hawaasa bal’aa yeroo ta’u Wayyaaneen namoota kudha sadii qofa gadi lakkisuun kaan isaanii bakka garaagaraatti hidhaaf fuutee deemuuf akka sanganteeffatte beekameera
Isaan hiikaman keessa muraasi

1. Yohaannis Abbabaa
2. Yohaannis Miidhaksaa
3. Asaffaa Miidhaksaa
4. Tafarii Tashoomaa
5. Naadoo Warqinaa
6. Bayyanaa Taaddasaa kanneen jedhaman qofa ta’uun beekameera