Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Yaadachuudhaan Kaayyoo Isaan Irratti Wareegaman Galmaan Gayuuf Irbuu Ni Haaromfanna
(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)
Qabsaawonni, sabboontonni fi ummanni Oromoo bal’aan baga Guyyaa Gootota Oromoo kan bara 2022 tiin isin gahe! Guyyaan Gootota Oromoo sabboontotaa fi qabsaawota Oromoo biratti guyyaa seena qabeessaa fi waggaa waggaan gaafa Ebla 15 kan yaadatamee oolu dha.Guyyaan kun guyyaa itti wareegamtoota Oromoo Oromiyaa fi Oromoof lubbuu isaanii kennan cufa kan itti yaadannudha.
Bara 1973 kan roorroon dhalche ABOn haala akkaan ulfaataa keessatti ijaaramuun qabsoo hidhannoo, dippiloomaasii, siyaasaa fi ummata Oromoo ijaaruu, dammaqsuu fi barsiisuu irratti hojjetaa ture.
Hogganoonni ABO yeroo sanaa qabsoo karaa hundaan jabeessuuf Bitootessa 1980 keessa jilli tokko kan Hayyu Duree fi Itti Aanaan Hayyu Duree ABO yeroo sanaa keessa jiru akka gara Somaaliyaa deemu murteessan. Hogganoonni ABO kunis 10 ta’uun dirqama qabsoof osoo deemanii gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniiggaa jedhamutti Shiftoota Ziyaad Baarree tiin qabaman. Continue reading
ABO Mootummaan Paartii Bilxginnaa (PP) Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmadiin durfamu, ka’umsumaa haaromsa idoolojii fi piroojektii Minilik II’tiin gaggeeffamaa jira jedhne amana. Kunis, fedhii daangaa babaldhifannaa garee finxaaleyyii jajjabeessuu fi daangaa sabaa fi sablammoota cunqurfamoo Itiyoophiyaa kanneen biroo gad xiqqeessuu fi gatii dhabsiisuu ni dabalata. Idoolojii balaafatamaaa kana keessatti, mootummaan Bilxiginnaa Partii uummatoota cunqurfamoo hundarra dhiibbaa geessisaa kan jiru yommuu ta’u; daangaa babaldhifannaa gartuu aangoorra jiruu ammoo ittuma baldhisaa jira. Adeemsa kana keessatti, sabaa fi sablammiiwwan kanneen akka Naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz fi Tigraay fa’a kanneen Naannoo Amaaraa daangessan hedduun isaanii rakkoo kanaaf saaxilamanii jiru. Addatti, Naannoon Oromiyaa kallattii Kaabaa, Bahaa fi Lixaan dabalatee daangaa hedduun haleelamaa jira; akkasumas, garee daangaa babaldhifannaa mootummaa Bilxiginnaa Partiitiin deeggaramaniin itti fufiinsaan weeraramaa jira. Milishaan Mootummoota Naannolee kanneen Paartii Badhaadhinaa waliin gamtaan hojjetan fi Waraanni Eertiraa waggoota sadii fi walakkaa darbaniif waraana mancaasaa fi addaan hin cinne kana irratti bifa dhaabbataadhaan hirmaachaa jiru.