Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Yaadachuudhaan Kaayyoo Isaan Irratti Wareegaman Galmaan Gayuuf Irbuu Ni Haaromfanna
(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo)
Qabsaawonni, sabboontonni fi ummanni Oromoo bal’aan baga Guyyaa Gootota Oromoo kan bara 2022 tiin isin gahe! Guyyaan Gootota Oromoo sabboontotaa fi qabsaawota Oromoo biratti guyyaa seena qabeessaa fi waggaa waggaan gaafa Ebla 15 kan yaadatamee oolu dha.Guyyaan kun guyyaa itti wareegamtoota Oromoo Oromiyaa fi Oromoof lubbuu isaanii kennan cufa kan itti yaadannudha.
Bara 1973 kan roorroon dhalche ABOn haala akkaan ulfaataa keessatti ijaaramuun qabsoo hidhannoo, dippiloomaasii, siyaasaa fi ummata Oromoo ijaaruu, dammaqsuu fi barsiisuu irratti hojjetaa ture.
Hogganoonni ABO yeroo sanaa qabsoo karaa hundaan jabeessuuf Bitootessa 1980 keessa jilli tokko kan Hayyu Duree fi Itti Aanaan Hayyu Duree ABO yeroo sanaa keessa jiru akka gara Somaaliyaa deemu murteessan. Hogganoonni ABO kunis 10 ta’uun dirqama qabsoof osoo deemanii gammoojjii Ogaadeen bakka Shinniiggaa jedhamutti Shiftoota Ziyaad Baarree tiin qabaman. Continue reading
ABO Mootummaan Paartii Bilxginnaa (PP) Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmadiin durfamu, ka’umsumaa haaromsa idoolojii fi piroojektii Minilik II’tiin gaggeeffamaa jira jedhne amana. Kunis, fedhii daangaa babaldhifannaa garee finxaaleyyii jajjabeessuu fi daangaa sabaa fi sablammoota cunqurfamoo Itiyoophiyaa kanneen biroo gad xiqqeessuu fi gatii dhabsiisuu ni dabalata. Idoolojii balaafatamaaa kana keessatti, mootummaan Bilxiginnaa Partii uummatoota cunqurfamoo hundarra dhiibbaa geessisaa kan jiru yommuu ta’u; daangaa babaldhifannaa gartuu aangoorra jiruu ammoo ittuma baldhisaa jira. Adeemsa kana keessatti, sabaa fi sablammiiwwan kanneen akka Naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz fi Tigraay fa’a kanneen Naannoo Amaaraa daangessan hedduun isaanii rakkoo kanaaf saaxilamanii jiru. Addatti, Naannoon Oromiyaa kallattii Kaabaa, Bahaa fi Lixaan dabalatee daangaa hedduun haleelamaa jira; akkasumas, garee daangaa babaldhifannaa mootummaa Bilxiginnaa Partiitiin deeggaramaniin itti fufiinsaan weeraramaa jira. Milishaan Mootummoota Naannolee kanneen Paartii Badhaadhinaa waliin gamtaan hojjetan fi Waraanni Eertiraa waggoota sadii fi walakkaa darbaniif waraana mancaasaa fi addaan hin cinne kana irratti bifa dhaabbataadhaan hirmaachaa jiru.
ABOn bara 1973 Hundeeffamee Sagantaan Siyaasaa isaa bara 1974 barraa’uun bara 1976 ragga’ee hojii irra ooluu eegale. ABOn ijaaramuu irraa eegalee hojii gurguddaa hojjechaa ture; bara ABOn ijaarame Oromoon ani Oromoodha ofiin jedhu muraasa, ABOnis ijaaramuu irraa eegaluun eenyummaa Oromummaa barsiisaa ture. Haala kanaan qabsoo hidhannoo, Dippiloomaasii, Siyaasa ,Uummata Oromoo dammaqsuu irratti jabinaan hojjetaa ture. Bara 1978 walakkeessa irraa kaasee hanga dhuma 1979tti ABO’n haala akkaan rakkisaa keessa ture. Yeroon kun yeroo lolli Somaaliyaa fi Itoophiyaa dhumatee waraanni Ziyaad Barree ariamee bahedha. Mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal-irraa hin citne itti bobbaasee lola jabaa ABO waliin geeggessaa ture. Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola ciccimaatti seene. Bara sana haalli jiru ulfaataa waan tureef Quunnamtiin Waraana Bilisummaa Oromoo illee addaan citee waraanichi ni facaa yaaddoon jedhu guddaa ture. Garuu Waraanni Bilisummaa Oromoo akka yaadda’ame sana hin taane duula Dargii of irraa qolachuun injifannoo argatee Amajjii 1, 1980 walitti dhufuun ayyaana guddaa ayyaaneffate sanarraa ka’uunis Amajjii 1 bara baraan guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoofi seensa Bara haaraa jedhamee akka kabajamu ABOn murteesse hanga har’aattis dhalootaa