Ajjeechaa guyyaa saafaan qaamoleen hidhatan Uummata Oromoo Wallaggaa harka nagaa fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatameef adda durummaan kan itti gaafatamu Mootummaa Dr.Abiyyi Ahimadiifi paartii isaa Paartii Badhaadhinaati.

Ajjeechaa guyyaa saafaan qaamoleen hidhatan Uummata Oromoo Wallaggaa harka nagaa fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatameef adda durummaan kan itti gaafatamu Mootummaa Dr.Abiyyi Ahimadiifi paartii isaa Paartii Badhaadhinaati.

Ibsa ABO-Onkoloolessa 15/2021
May be an image of tree Bilisummaa Oromoo ajjeechaa Humni Addaa Amaaraa (Miliishaan Amaaraa) mootummaa giddugaleessaan tumsamu deddeebi’ee ummata Oromoo nagaa fi hidhannoo hin qabne irratti raawwatu gadi jabeessee balaaleffachaa ture. Mootummoonni impaayera Itoophiyaa dantaa siyaasaa isaanii milkeeffachuudhaaf walitti bu’insa sabaafi sablammootaa akka tarsiimoo siyaasaatti fayyadamuudhaan kan beekaman yoo ta’e iyyuu, walitti bu’insi yeroo ammaa yeroo kamiyyuu caalaa daran hammaatee jira. Miliishonni Amaaraa qofatti of boobbasanii, akkasumas humnoota mootummaa federaalaa fi Ertiriyaa waliin qindoomuudhaan naannoo Oromiyaa fi naannoo Beneeshaangul Gumuzitti bobbaafamuun isaanii ni yaadatama. Fakkeenyaaf kanuma yeroo dhihoo raawwatame yoo fudhanne, ji’a Gurraandhala fi ji’a Bitootessaa bara 2021 keessa Milishonni Amaaraa heddduu ta’anii fi meeshaalee waraanaa gurguddoo hidhatan uummata Oromoo Nagaa, Godina Wallaggaa Bahaa, bakkoota Waasti, Sireedooroo, Hagamsaa fi Haroo/Lalisee jedhaman keessa jiraatan irratti rasaasa roobsuudhaan Oromoota nagaa fi hidhannoo hin qabne hedduu ajjeesanii jiru. Tibbuma kana, gareen waraana Ertiriyaa loltoota hedduu of keessaa qabu Naannoo Beneeshaangul Gumuz, Godina Matakkalii fi godinoota Qellem Wallaggaa fi Wallaggaa Lixaa, Shaashamannee, Godina Gujii fi Booranaa dabalatee lixa Oromiyaa keessatti bobbaafamanii ajjeechaa hedduu raawwatanii jiru. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Onkoloolessa 15/2021