Mootummaan Baraaraa Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona

Mootummaan Baraaraa Akka Hundeeffamuu Fi Mariin Siyaasaa Qooda Fudhattoota Mara Hirmaachise Akka Gaggeeffamuuf Waamicha Goona
Ibsa ABO, Waxabajjii 25/2021
May be an image of textRakkoo siyaasaa, nageenyaa fi heera mootummaa biyyattii mudachaa jiru ilaalcha keessa galchuudhaan, filannoon haala akkanaa keessatti gaggeeffamu kamiyyuu seera qabeessa, haqa qabeessaa fi walaba ta’uu akka hin dandeenye ibsoota keenya yeroo darbee keessatti beeksisaa turre. Kanaaf, mootummaa fi qooda fudhattoonni biroon xiyyeeffannoo fi leecaalloo isaanii filannoo eerame kana irraa kaasanii, mariin Siyaasaa qaamolee dhimmi ilaallatu mara hirmaachise akka gaggeeffamuufi rakkoon siyaasaa biyyattii mudatee jiru akka furamuuf haala akka mijeessatuuf waamicha goonee turre. Haatahu malee gareen aangoo mootummaa qabatee jiru waamicha nuti gooneef bakka kennuu dhiisee, humnaan gara filannoo “biyyaalessaa” gaggeessuutti ce’e. Filannoon “biyyaalessaa” waamicha keenya dhaga’uu diduun humnaan gaggeeffame kun, lubbuu namootaa gaaga’uu fi qabeenya mancaasuun alatti bu’aa tokkollee hin argamsiifne jennee amanna.
Filannoo kanaan wal qabatee lubbuu namaa fi qabeenya badeef gadda nutti dhagaa’ame ibsaa, filannoon gaggeeffame kun rakkoo siyaasaa biyya kanaa kan haammessu malee fala akka hin taane yaadachiifna. Rakkoon siyaasaa Itoophiyaa marii siyaasaa malee filannoon fala akka hin taane dhaamnee turre. Haatahu malee gareen aangoo irra jiru, filannoon kun rakkoo siyaasaa biyyattii kanaaf fala akka hin taane osoo beekuu, filannoo jedhamu sana gaggeessee jira. Haa tahu malee akkuma eegame filannoon mootummaan humnaan itti seene, lubbuun namaa fi qabeenyi guddaan akka manca’uuf sababa ta’ee jira. Continue reading