Cuunfaa Imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo bara 2011 hanga 2021

Cuunfaa Imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo 2011 hanga 2021❗

Yoomiyyuu Moosisaa Irraa
 
May be an image of one or more people, tree and text that says "AI QEERRO!! National Oromian YOUTH Movement"(Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggaa 10ffaa)
Gaafa guyyaa Guraandhala 8,2011 xalayaan waamichaa “Diina Waloo irratti waliin qabsaawuun gaaffii yeroo fi dirqama seenaati.” jettu Maadhee ABO dhaqqabde. Xalayaan kun Chaappaa ABO kan of irraa qabdu xalayaa seenaa qabeettii dha. Maadheen ABO Oromiyaa keessaa barattoota Yuunivarsiitii, qotee bulaa, barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi barsiisota, hojjetoota mootummaa fi caasaa uummata Oromoo mara hammate ijaarsa jaarmayaa dargaggootaa ifoomu eeggachaa jira. Dambaliin Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) labsa jaarmayaa dargaggootaa kana eegee gabaasuuf eegaa jira. Yeroon isaa Ebla 2011 ture. Dargaggootni,barattootni Yuunivarsiitii qaroo tahan marii barbaachisuu fi gamaggama haala qabatamaa siyaasa biyya keenyaa taasisuun Ebla 15, 2011 Jaarmayaa dargaggootaa kan bilisummaa fi Dimokiraasii (Oromo National Youth Movement For Freedom and Democracy), Qeerroo Bilisummaa Oromoo loogoo isaa waliin ifoomsan. Jaarmayaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo guyyaa seena qabeessa,Guyyaa Gootota Oromoo irratti haala kanaan Ebla 15,2011 labsame. Miidiyaaleen hidda dhiiga qabsoo Oromoo tahan SBO boodas kanneen akka Seife Nebelbal fi Raadiyoo Simbirtuu jaarmayaa kana uummata keessa galchuu keessatti qooda jalqabaa warra qabani dha. Ijaarsi caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo 2011 kun namuusa,mul’ata isaa barsiifachuu itti fufe. Jalqabas warraaqsa aadaa fi duudhaa irratti xiyyeeffachuun uummatni Oromoo ayyaana irreechaa irratti of qusannaa malee akka hirmaatu, kan bakka irreechaatti argamus sagalee isaa dhageessisuu akka eegalu dadammaqinsi guddaan hojjetame. Waraqaaleen dhaadannoo magaalota Oromiyaa keessa facaafaman; maadheen jiru bakka jirutti wal ijaaree seenaa, duudhaa uummata keenyaa tiksaa mul’ata kaa’ameef akka imalu taasifame. Haala kanaan irreecha 2012 irratti uummatni hedduun seenaa keessatti adda tahe Bishooftuutti wal arge. Dargaggootnis garbummaan wayyaanee nu gahe jechuun sagalee isaanii dhageessisan. Sirbootni warraaqsaa yaaddoo diinaa tahan. Guyyaa tokkichattis wayyaaneen uummata irreechaaf deeme 600 caalu hiite. Kun uummataa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo xiiqii keessa galche. Uummatni miliyoonaan bahee irreeffachuu duwwaa osoo hin taane ardaaleen jilaa Oromiyaa keessaa xiyyeeffannoo akka argataniif uummatni kutatee akka ka’uuf sababa tahe. Motora dammaqinsa kanaa tahuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo dadammaqsuu, ijaaruu, qindeessuu itti fufe.

Continue reading