Ibsa Miidiyaaf ABO irraa kenname: waa’ee kora sabaa sobaa waajira olaanaa ABO Finfinneetti gageefamaa jiru ilaalchisee
Sababa gartuu qaama dhaabaan alaatiin gurmaa’ee fi diinagdeen godhamee dhaabarraa foxxoqeetiin kan ka’e burjaajiin waan uumameef dhaabni keenya ABOn akka Kora Sabaa addaa waamee burjaajii uumame kana akka qulqulleessu Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaatiin gaafatamuun ni yaadatama. Boordiin Biyyoolessaas Kora addaa ABOn waamamu kan akka deeggaru ibsee kunis filannoo biyyoolessaa fuuldura keenya jiru dura Korri Sabaa kun waamamee akka qulqullaa’u gaafateera. Haaluma kanaanis Koreen Qindeessituu Kora Sabaa durumaanuu Gumii Sabaa ABOtiin utubamtee turte akka tartiiba seeraa fi heera ABOtti Kora kana mijeessuuf hojii eegaltee qaamota dhimmi kun ilaalus beeksiftee jirti. Hojiin Koree kanaa eegaluunii fi haga ammaatti maalirraa akka ga’ee jiru Boordiin Filannoo xalayaa sirnaatiin beeksifameera. Kanuma faanas Boordiin Filannoo dhimma Kora Sabaa kanaaf waajjira muummee keenya Finfinneetti argamuu kan humnaan qabamee jiru akka gadi nuuf lakkisiisu xalayaa gaafa Guraandhala 25, 2021 barreeffameen gaafatneerra .Akkuma yaadatamu waajjirri muummee ABO Finfinneetti argamu Koomiishinii Pooilisii Finfinneetiin seeraan ala ajaja mana murtii malee nurratti cufameera. Guyyaa kanarraa kaasee waajjirri keenya Finfinnee tohannoo Komiishinii Poolisii Finfinnee jala galee kan eegamaa jiru yammuu ta’u, hojiin guyya-guyyaa nu hojjetaa turrees addaan citee jiraachuun ni beekama. Haa ta’u malee amma akka odeeffannoo nu qabnutti gartuun dhaaba irraa foxxoqe kun humna poolisii Finfinneetiin marfamee Kora seeraan alaa waajjira kana keessatti geggeessaa akka jiru bira geenyeerra. Oddeeffannoo qabnurrattis hundaa’uudhaan gaafa Bitootessa 12, 2021 Komiishiniin Poolisii Finfinnee akka waajjira kana itti gaafatama isaatiin keessaa nu baasee to’ataa jiruutti walgahii seeraan alaa kana dhaabsisuuf akka itti gaafatama qabu xalayaa sirnaatiin beeksifneerra, Continue reading