ABO’n dhaaba ija taatee guyyaa borii ilaaluu danda’u qabudha!
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 11,2021
Biyyattii keessatti dhaabbilee siyaasaa hedduu jiru. Dhaabbileen siyaasaa kunneen dantaaf fedhii mataa mataatti kan qabanidha. Kanneen siyaasa gaggeessan hedduun yeroo sagantaan siyaasaa isaanii wal kiphus nii argama. Keessumatti dhaabbilee siyaasaa hedduun maqaa garaagara malee waan isaan adeemaniif sagantaan siyaasaa isaanii kan paartii qawweedhaan biyya bulchaa jiruu waliin wal fakkaata.Siyaasa tokko wanti adda taasisu sagantaa siyaasaa isaaf heeraaf seera inni qabatee socho’udha. Akkaataa inni ittiin uummatatti of ibsus sagantaa siyaasaa isaatii waliin kan wal qabatudha. Addi bilisummaa Oromoo dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran keessaa dhaaba hanga yaadamuuf hanga hubatamuun olitti uummata isaa Oromootti siqa. Itti siquu qofa osoo hintaane olmaaf bultiin isaa jireenyi isaa Oromoodha. Waan inni qabatee socho’uuf gumeen inni baafatee warraaqu mataansaayyuu bu’aa Oromoo giddu galeeffateeti. Dhaabni uummata keessaa dhalateef jecha siyaasa isaa gabbifachuu irra waa’ee uummata isaa dursee yaadee xiinxalu biyyattii keessatti ABO qofa jechuun danda’a. ABO’n waa’ee Oromoo Kaleeffaaf har’aa qofa kan dubbatuuf hojjetu miti. Waa’ee Oromoo egerii, waa’ee Oromoo boruu, waa’ee Oromoo kan waggaa 5…10…100..200…boodaa illee madaalaa dhaaba socho’udha.