Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO Posted on March 9, 2021 by Qeerroo Reply Filmaata Biyyoolessaa Itophiyaarratti Ibsa ABO (Bitootessa 8, 2021) Akkuma yaadatamu ABO qabsoo hidhannoo waggoota dheeraaf mootummoota Itophiyaa waliin gochaa ture hagayya 2018 keessa dhaabee gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiire. Kunis gaaffii Oromoo gulantaa haarawaatti jijjiiruudhan qabsoo karaa Nagaa fi Maree siyaasaa tiin mirga dimokraasii fi hiree murteeffannaa kabachiisuuf yaadameetu ture. Akkuma Kanaan Hoogganni ABOs Baatii Fulbaana 2018 keessaa magaalaa Finfinnee, Itophiyaatti deebiβuun ni beekama. Yeroo sanatti sabni keenya Cehumsa Ebla (April) 2018 irraa eegalee waggaa lamaaf jedhamee itti seename Filmaatni walabaa fi haqaa seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaaf geggeeffama jedhee yaadamee ture. Garuu abdiin kuni dimismisee dhumarratti dukkanaawuuf yeroo dheeraa itti hin fudhanne. Paartii biyya bitaa ture akkuma injifannoo rakasha mormitoota siyaasaa biyyatti galcheera jedhee argateen utuu yeroo itti hin kenniin ABO irratti olola hamaa jalqbe. Ololli Karaa Sabaa himaa (Social media) fi midiyaa mootummaa akkuma hoogganni dhaabaa Fulbaana 15, 2018 biyyatti seeneen guyyaa muraasa keessatti eegale. Continue reading → Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk Share on Gofundme (Opens in new window) Gofundme Share on X (Opens in new window) X Share on Facebook (Opens in new window) Facebook Share on qeerroo youtube (Opens in new window) qeerroo youtube Share on Qeerroo Video (Opens in new window) Qeerroo Video Share on sbo/abo (Opens in new window) sbo/abo Share on WhatsApp (Opens in new window) WhatsApp Email a link to a friend (Opens in new window) Email Share on Gadaa (Opens in new window) Gadaa Share on www.Ayyaantuu.org (Opens in new window) www.Ayyaantuu.org Share on Oromiapress (Opens in new window) Oromiapress Like Loading...