Bitootessa 8 Guyyaa Dubartoota Adunyaa

Bitootessa 8 Guyyaa Dubartoota Adunyaa
(Ibsa ABO – Bitootessa 8, 2021)
Bitootessa 8 Guyyaa Dubatootni Adunyaa jedhamee kan beekamuu fi gahee dubratootni jireenya Hawaasummaa, Dingadee, Aadaa fi Siyaasaa keessatti qabanii fi bu’aa guddaa isaan buusan guyyaa itti yaadatamuu fi kabajamuu dha. Akkasumas, guyyaa kuni walqixxummaa dubartootaa adunyaa kanarratti dhugoomsuuf tarkaanffin barbaachisu akka fudhatamuuf guyyaa yaamichi itti godhamuu dha.
Durbarrtootni Oromos guyyaa kana sirnaan kabaju. Durbartootni Oromoo jireenya Hawaasaa, Dinagdee, Aadaa, fi Siyaasaa Oromoo keessatti bakka guddaa qabu. Dubartootni Oromoo hundee maatii ta’uudhan jireenya hawaasummaa kan bu’uuressanii fi dhaloota haarawaa qaran kan guddisan qofa utuu hin taane mirga dhala namaa fi dimokraasii ummataaf falmuu keessatti gaheen isaaanii ol’aanaa dha. Dubartootni Oromoo walqixummaa sabaa fi sablammii irratti amantaa guddaa qabu. Kanaafis mirgaa fi dimokraasii saba hundaa kabachiisuu keessattii shoora isaan taphatan ol’aanaa dha.
Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessattis yeroo dheeraa irraa kaasee dubartootni Oromoo karaa adda addaa qooda guddaa qabaachaa turan, ammas itti jiru. Dubartootni Oromoo qabsoo siyaasaa, hawaassummaa, dinagdeetti, fi qabsoo keessatti kan miidhamanii fi diigaman deebisanii hadhaadhiyuu keessatti qooda ol’aanaa qabu. Dubartootni Oromoo nagaa jaallattootaa fi nagaa buusuudhan kan beekamanii dha. Haata’u malee haala dirqii ta’ee argamu keessatti Qabsoo hidhannoo geggeessanii mirgaa fi bilisummaa saba isaanii dhugoomsuu keessattis qooda guddaa qabaachaa akka turanii fi akka ammas itti jiran beekamaa dha. Kana keessattis seenaan Oromoo kan yaadatu dubartoota Oromoo hedduu dha. Dubartootni Oromoo falmii mirgaa fi dimokraasii gochaa turanii fi jiran keessatti dararamni hangana hin jedhamne irra gahaa jira. Ajjeefamuu, gudeedamuu, ilamaan isaanii ija isaanii fuuduratti ajjeefamuu, mana hidhaa keessatti dararamuun dubartoota Oromoo irra gahaa turee fi ammas hammeenyaan itti fufee jira. Kanaafis, ABOn gadi jabeessee balaaleffata.

Continue reading