Tolasaa Ibsaa Ayyaanaa nama akkamii turan?
jedhamee SBOn dubbatamee gaddi labsamee guyyoota 15 booda akka lubbuun jiru dhagahame bara Chaarteraa.[Tolasaa Ibsaa Ayyaanaa]
Godina Horroo Guduruu wallaggaa aanaa Horroo bakka Addaa Abuunaa jedhamtutti Abbaa isaa obbo Ibsaa Ayyaanaa fi harmee isaa Aadde Alamii Gaarii irraa bara 1957 G.C dhalate.
Tolasaa Ibsaa barnoota isaa sadarkaa 1ffaa magaalaa shaambuutti kan barate yommuu tahu sadarkaa 2ffaa immoo yeroo sana magaalaa shaambuu waan hin jirreef gara magaalaa Naqamteetti imaluun kutaa 9 hanga 12ffaatti baratee achitti xumurate.
Erga kutaa 12ffaa xumurees qabxii galumsa yuuniversiitii fidachuun yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo afur damee kemistiriitiin barachaa osoo jiruu bara 1980tti barataa waggaa 3ffaa tahee osoo jiruu mootummaa irraa dirqama itti kenname fudhachuun barnoota isaa waggaa 3ffaa addaan kutuun barsiisummaatiin yeroo sana Naannoo Sidaamoo jedhamee kan beekamu yeroo ammaa Bulee Horaa bakka jedhamutti ramadamuun dirqama lammummaa barsiisaa ture.
Osooma achii naannoo ammaa Bulee Horaa jedhamu kanatti osoo barsiisummaa irra jiruu namoota hedduu waliin miseensota ABO jedhamuun qabamanii Kachalleetti hidhamaa ture. Continue reading →