Aside

Obsi Daangaa Qabaachuu Qaba ! Callisnis Nuuf Haa Gahu!

(Ibsa ABO – Amajjii 09, 2020)

49836961_1847712095355333_3193898111219007488_o[SBO – AMAJJII 09,2020] Erga Dr. Abiy Ahmed EPRDF keessaa gara aangootti ol bahanii as gidiraa fi roorroon addatti Ummata keenya kan Dhihaa fi Kibba Oromiyaa irratti bulchiinsa isaaniitiin geessifamu guyyumaan hammaachaa deemuutti jira. Kanaaf sababni gama mootummaatiin kennamaa turee fi jiru “nageenya eegsisuu fi ol’aantummaa seeraa kabajsiisuu” kan jedhu dha. Biyya kanatti durii kaasee hanga har’aatti nageenyi dhabamuuf kan sababa tahaa turee fi jiru rakkoo siyaasaa afaan qawweetiin furuuf ykn. irra aanuuf yaalii gama mootummaatiin taasifamu dha. Akka hubannaa fi odeeffannoo qabnuutti yeroo ammaa rakkoo guddaan sadarkaa Oromiyaattis tahe sadarkaa Itoophiyaatti jiru rakkoo nageenyaa osoo hin taane rakkoo siyaasaa ti. Wanneen akka rakkoo nageenyaatti of mul’isanis yoo jiraatan maddi isaanii rakkoo siyaasaa hin furamin jiru dha. Rakkoon siyaasaa ammoo furmaata siyaasaa barbaada malee qawweedhaan/humnaan hin furamu. Continue reading