SBO Caamsaa 07,2017. Oduu, Ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii Qabsa’aa Geessisaa Kuusaa waliin godhame kutaa 5ffaa

Aside

Aside

“Maaliif Ukkaamamtaa” Geerarsa Artist Hansihaa Solomoon

Aside

Ibsa ABO: Finfinneen Lafa Oromoo ti

Aside

Lammiilee Lafa

ADDA BILISUMMAA OROMOO

OROMO LIBERATION FRONT

(Ibsa ABO)

Mootummoonni Itoophiyaa dhufaa-dabraan ummata Oromoo fi cunqurfamtoota Impaayerattii keessaa biroo diinagdee fi siyaasaan moggeessuuf saamicha lafaa akka imaammatoota isaanii keessaa isa tokkootti dhimma itti bahan. Qonnaan bultootni Oromoo miliyoonotaan lakkaawaman dachee akaakilee-abaabilee isaanii irraa buqqifamuudhaan tajaajiltoota murna aangoorra jiruu taasifamaniiru. Adeemsi kun hanga har’aattis akka itti fufetti jira. Murni Itoophiyaa amma aangoorra jiru kan Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(TPLF)n hogganamu dhaaba maxxannee akka OPDO ofii isaatii bixxillate waliin tahuudhaan yakka walfakkaataa bifa irra hammaateen raawwataa jira. Continue reading

Godina Arsii Aanaa Jajuu keessatti Manni Maree Aanichaa wal gahii ariifachiisaa jechuun Miseensota isaa walitti qabee marii gaggeessaa jiraachuu Qeerroo gabaase

Aside

Caamsaa 6 ,2017/Godina Arsii Aanaa Jajuu keessatti Manni Maree Aanichaa Wal gahii Ariifachiisaa jechuun Miseensota Isaa walitti qabee Marii gaggeessaa jira.Akka Odeessi Achii Arganne himutti.Ciminaan wanti gadi fageessanii irratti marii gaggeessaa jiran.

Dargaggoota Maqaa Qeerroo Bilisummaa jedhuun gurmaayanii Kaayyoo Adda Bilisummaa Oromoo ABO Galmaan gayuudhaaf sochii godhaa jiranii fi turan Aanaa keenna keessaa qulqulleessinee dargaggoota gurmeessuun hojiitti galchuu qabna.Dargaggoonni Gurmaayuu didanii akkanumaan jiraatan bakka hundatti karaa isaan hin beeyneen duubni isaanii qoratamuu qaba.Dargaggoon carraa hojii mootummaan mijeessef irratti Dargaggeessi hin gurmoofne Miseensa ABO ta’uun isaanii beekamee Qaamolee nageenyaatiif Dabarsinee kennuun Aanaa keenna haa qulqulleeffannu jechaa jiraachuu maddeen Qeerroo Aanichaa gabaasee jira.

Kana malees gama kaaniin Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 5,2017

Aside

Hayyuu Duree(HD) ABO Jaal Daawud Ibsaa Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Haasaa Taasisan.

Aside

SBO Caamsaa 05,2017. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gaaffii fi deebii Qabsa’aa Geessisaa Kuusaa kutaa 4ffaa

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 4,2017

Aside

Wayyaanee TPLF Tooftaa Ummata Oromoo Itti Saamaa Turte Kan Duraanii Jalaa Cufamnaan Amma Mala Biraa Dhahataa Jirti.

Aside

Caamsaa 4,2017/Oromiyaa keessatti Wayyaaneen daandiin duraan ittiin qabeenya ummataa saamaa turte tokko tokko Qabsoo Ummanni Oromoo gaggeessaa jiruun jalaa cufannaan yeroo ammaa kana tooftaalee gara garaa kan maallaqa ummataa ittiin sasmtu baafattee ummata keenya burjaajessaa jirti.

Godina Baalee magaalaa Goobbaa keessatti Miseensa Inshuraansii fayyaa ta’aa jettee ummatarraa maallaqa sassaabachaa jiraachuu Qeerroon Goobbaa gabaasee jira