Godina Wallaggaa Anaallee NaaJjoo, Jaarsoo fi Baaboo Gambeel irraa ibsan erga badee guyyootaa 4 dabarsee jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Image result for Magaalaa najjooCaamsaa 29,2017/ Godina Wallaggaa  Anaallee NaaJjoo, Jaarsoo fi Baaboo Gambeel irraa ibsan erga badee guyyootaa 4 dabarsee jira. Uummannii anaallee kaneennii hedduu rakkacha kan jiran yoo motummaan afaaniin misoomaa labbsuu bishaan Oromiyaa keessa ba’uun illee uummataa isa Ibsa ga’a ta’ee kennefi gargara hin jiru haati Iyyeessaa anallee kaneennii miidhaan nyaatan ilee bakka itti dakkataan dhabbanii rakkinnaa guddaa keessa jiru.

Qophiilee Diinqa Oromoo

Aside

Continue reading

ONN: Gaaffii fi Deebii Itti Aanaa HD ABO Jaal Dhugaasaa Bakakkoo waliin

Aside

Caamsaa 20 Gaadituu Bilisummaa Saboota Cunqurfamoo

Aside

Caamsaa 28 2017

Dachaasaa Deebisaatiin

Ilmaan gita bittuu Habashaa, egeree saboota cunqurfamoo keessattu sabota hidda Kush(Numibiyaa)  haqaaquun maksuuf tattaafachaa turuun nii yaadatama. Aadaawwaan sabichaas kansaanii tasifachaa afaan saboota kanaallee bakka bakka walitti funaanuun afaansaanii godhaachaa as gahan. Ilmaan garboonfattootaa kun kanneen walqixxummaa sabaatti hinamanneef; kanneen olaantummaa isaanii qofa mul’ifachuu barbaadan yoo ta’u. Saboota biroo biyya Xoopiyaa jedhamtu kana keessaa barbadeessuuf irratti hojjechaa turuunsaanii seenaan nii yaadata. Saba tokkoon afaankee hindubbatin afankoon dubbadhu jechuun hanga arraba irraa muranitti gahaa turan. Kana fakkenya goonee yeroo mara kaasuu kan qabnu uummata Oromoo Raayyaa Qobboo jiraatuuf, Wallo Kamisee keessaa kaasuun nii danda’ama. Gochaawwaan ilmaan oftuultotaa kanaan Oromoon baroota darbaniif aangaa’ota Habashaa darban keessatti gootota hedduu dhabee jira. Afaan keessan hindubbattan jechuu qofaaf saboota Oromoo bakkeewwaan , Raayyaa Qobboo, Wallo kamisee, Goojjam Mattakkal, Kafaa ( har’allee sirna bittaa Wayyaanee kana keessatti mirgi isaanii kan kabajaamaa hinjirre) fi kkf keessa  jiraatan irratti duguuggaa Aadaa, seenaa, afaaniif sabaa dalagaa as gahuun isaanii nii yaadatama. Continue reading