Caamsaa 12/2017 Godina Shaggar kaabaa (salaaleetti) magaalaa Fiicheetti halkan keessaa naannoo sa’a 4:30 itti Galma Diida Heexoo kan jedhamu keessatti hordoftootaa Amantii Waaqeeffannaa Osoo isaan barumsa idilee amantaa Waaqeeffannaa gaggeessaa jira ni baay’inaan namoota 50 kan ta’an Poolisoota TPLFn marfamuun tohannaa jala olchuun achi buutee isaani dhabamanii akka jiran gabaasi Fiiche irraa nu gahe addeessa.
Godina Shaggar Kaabaa Magaalaa Fiichee Keessaa Oromoonni 50 Barnoota Amantaa Waqeffatnaa Irraa Qamabanii Hidhamuun Gabaafame.
Aside
Maatiin jarreen kanaa hiphachuufi barbaacha Guddaa Gochaan akka jiran himame.Torban darbes namoota hedduu Osoo isaan magaaluma sanatti barumsa Waaqeeffannaa gaggeessaa jirani lammata isin agarre jennaan shororkeessitoota jennee labsii yeroo hataattama jala sin oolchina jechuun akka lakkisani oduun maddeen Qeerroon salaaleti.
Caamsaa 12,2017 Godina Shaggar kutaa jalduu magaalaa Goojjootti FXG eegaluun beekame.akkuma saamicha Qeerroon qellem lukkelee diinaa(basaastota)gogombisuun daandii qulquulleessa jiran,naannoo jalduu magaalaa Goojjoottis qeerroon bifa gaariin eegalan.