SBO Caamsaa 05,2017. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gaaffii fi deebii Qabsa’aa Geessisaa Kuusaa kutaa 4ffaa

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 4,2017

Aside

Wayyaanee TPLF Tooftaa Ummata Oromoo Itti Saamaa Turte Kan Duraanii Jalaa Cufamnaan Amma Mala Biraa Dhahataa Jirti.

Aside

Caamsaa 4,2017/Oromiyaa keessatti Wayyaaneen daandiin duraan ittiin qabeenya ummataa saamaa turte tokko tokko Qabsoo Ummanni Oromoo gaggeessaa jiruun jalaa cufannaan yeroo ammaa kana tooftaalee gara garaa kan maallaqa ummataa ittiin sasmtu baafattee ummata keenya burjaajessaa jirti.

Godina Baalee magaalaa Goobbaa keessatti Miseensa Inshuraansii fayyaa ta’aa jettee ummatarraa maallaqa sassaabachaa jiraachuu Qeerroon Goobbaa gabaasee jira

Godina Arsii Aanaa Xiyyoo Keessatti Hojjattoota Waajjiraalee Hanga Gandaatti jiraniin Marii Nagaa Jechuun Diqisiisaa Jiru.

Aside

Caamsaa 4,2017/Hojjattoota Waajjiraalee Nageenyaa hanga Gandaatti jiranii,Hojjattoota Carraa Hojii hanga Gandaatti jiran fi Jiraattota Magaalattii hunda walitti qabuun marii nageenyaa jechuun Ummata jireenya isaa guyyaa guyyaanii akka hin gaggeeffanne gichaa jiraachuun dhagayameera.Marii isaanii kana keessatti wanti irratti fuulleffatamee irratti mar’iatamaa jiru dhimma Qabsoo Ummanni Oromoo gaggeessaa jiruu yoo ta’uu. Continue reading

  HRLHA-10th Anniversary Fundraising

Aside

ONN: Qophii Kaayyoo

Aside

https://youtu.be/oc9wnJV5Zwg

Aside

No automatic alt text available.

Dastaa Hinsarmuu “Eebba Dhalootaaf Darbu”

Aside

Faaruu Danstaa Hinsarmuu ” Hin Laadhu Dhaala Abbaa Koo”  !!!

Continue reading

Oromia News Network “ONN”

Aside

Sa’a Abbaan Gaafa Cabse Hormi Ija Jaamsa”

Aside

Dachaasaa Deebisaatiin

Ebila 3, 2017
Barruukootti utuu hin cehin, mudannoo tokko kanan qabuunan eegala.’

Guyyaa tokko yeros barataa kutaa 10n ture bara filannoo bara 2002 jechuudha. OPDO documentary hadhaa guddaa qabu, documentary dhaaba ABO hadheessu keessi isaa sobaan dhommoqu akkaataa ittiin ABOn uummata Oromoo qalu jechuun barataa agarsiisuuf galma Bulchiinsa maagaalattin keessa jiraadhuutti walitti nu qabde. Jaallan bara sana qabsoo afaan Oromoof hogbarruu akkasuma qabsoo uummatichaa waliin taasisnu faana buunee deemne. Documentary sun is banamee ilaaluu jalqabne. Wanti achirraa marti akka hadhaa qabu waan barreef dursinee walakkattii cufsiifnee gaaffilee gaggabaaboo wal harkaa fuunee dhiyeessineef gaaffiin keenya guddaan deebii dhabe gaafasii “yeroo ABOn akkas godhu kan waraabe eenyu? Inni waraabe sunis mataansaayyuu nama badii kana raawwatedha. Tole erga ABOn akkas uummata darara jettanii badii kana gaafa raawwatu kan qopheessee Video waraabe eenyu jedhama. Hamma video waraabdan abbaa yakka hamaa kana raawwate irraa deebisuuf guumaacha maaf hin goonee? Yoomiyyuu ABO uummata Oromoo irratti kana dalaguuf wixinees ta’ee kaayyoo kanaa hin qabu ” jechuun dhiitnee baane. Continue reading