Faayidaa Addaa Naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu laalchisee labsii Wayyaanee

Aside

Ebla 30, 2017

Faayidaa

Finfinnee (Google)

Dhiyoo kana faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu ilaalchisee mootummaan Wayyaanee labsii mata dureen isaa የኦሮሚያክልል በፊንፊኔ/አዲስ አበባ ላይያለውን ሕገመንግስታዊ ልዩጥቅም ለመወሰን የወጣ አዋጅ” jedhu baasuun ni yaadatama. Dhimma kana wajjin walqabsiisee, wixineen የኦሮሚያ ክልል በፊንፊኔ/አዲስአበባ ላይ ያለውን ሕገመንግስታዊ ልዩ ጥቅምንአስመልክቶ የተዘጋጀ የጥናትሰነድ” jedhu tokkos dhiyaatee jira. Labsii gara fuula 14 qabu kana dubbisee hanaga naaf galetti hubadhee jira. Duraan dursee, wanni nama gammachiisu Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) fi sochiin uummata Oromoo hangam Wayyaanee irratti dhiibbaa akka godhe fi jilbiifachiisaas akka jiruu dha. Kun ammoo wareegama Sabboontotni Oromoo kaffalanii fi kaffalaas jiraniin waan argameef galannii gootota keenyaa daangaa hin qabu. Asitti aansee wantan wixinee labsii kanarraa hubadhee keessaa qabxiilee tokko tokko kaaseen yaada koo dhiyeessuu yaala.

Wixinee qorannoo sana keessatti akkana jedhamee lafa kaayame:

የጥናት ሰነዱ ዓላማ Continue reading

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

Dhimmoota Haala Yerootiin Walqabachuun Marsaa Midiyaalee Hawaasaa Irratti Olola Afaanfaajjii Uumaniifi Ejjannoo Gara Fuulduraatti Ummatni Oromoo Fudhachuu Qabu Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.

Haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo, akeeknifi tarsiimoon Sochii Warraaqsa Biyyooleessaa Oromiyaa Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) ittijiruufi faallaa sochii kanaa olola afaanfaajjii diinni miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun tokkummaa ummata Oromoofi Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf tattaaffii taasisaa jiu hubachuun, akeekaafi shirri diinaa kun akka fashalaa’uuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo hundaaf ibsa kanaa gadii dabarsee jira. Continue reading