Ebla 30, 2017

Finfinnee (Google)
Dhiyoo kana faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu ilaalchisee mootummaan Wayyaanee labsii mata dureen isaa “የኦሮሚያክልል በፊንፊኔ/አዲስ አበባ ላይያለውን ሕገ–መንግስታዊ ልዩጥቅም ለመወሰን የወጣ አዋጅ” jedhu baasuun ni yaadatama. Dhimma kana wajjin walqabsiisee, wixineen “የኦሮሚያ ክልል በፊንፊኔ/አዲስአበባ ላይ ያለውን ሕገ–መንግስታዊ ልዩ ጥቅምንአስመልክቶ የተዘጋጀ የጥናትሰነድ” jedhu tokkos dhiyaatee jira. Labsii gara fuula 14 qabu kana dubbisee hanaga naaf galetti hubadhee jira. Duraan dursee, wanni nama gammachiisu Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) fi sochiin uummata Oromoo hangam Wayyaanee irratti dhiibbaa akka godhe fi jilbiifachiisaas akka jiruu dha. Kun ammoo wareegama Sabboontotni Oromoo kaffalanii fi kaffalaas jiraniin waan argameef galannii gootota keenyaa daangaa hin qabu. Asitti aansee wantan wixinee labsii kanarraa hubadhee keessaa qabxiilee tokko tokko kaaseen yaada koo dhiyeessuu yaala.
Wixinee qorannoo sana keessatti akkana jedhamee lafa kaayame:
የጥናት ሰነዱ ዓላማ Continue reading
