Gootowwan Qeerroon Magaalaa Naqamtee Diddaa Sirna Wayyaanee Itti Fufan.

Aside

Amajjii 22,2017

Gootowwan Qeerroon bilisummaa Oromoo magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti argaman guyyaa ayyaana cuuphaan wal qabsiisuun diddaa mootummaa abbaa irree wayyaaneef qaban mullisan.

Humni komaandi poostiis uummata magaalaa naqamtee bahaaf gala dhorkuudhaan goolaa akka oolee tures qeerroon magaalichaa addeessanii jiru. Keessumaa waraanni komaandi poostii magaalicha keessatti humna waraana kora bittinneessaa oromiyaa irraa hidhannoo hiikkachuudhaan harka duwwaa akka isaan taabota duukaa deeman taasisanii jiru. Continue reading