Yaada Hattattamaa – Qabsoo Uummata Oromoo
Damee Boruu irraa
Yaroon keessa jirru kana sochiin qabsoo bilisummaa Saba Oromoo guddatee sadarkaa ol aanaa gahuu irraa kan ka’e namni Oromoo tahe hunduu karaa tokkoon tahe karaa biraa akka keessaa qooda fudhatu tahee jira. Namoota muraasa dhuunfaa mataa isaanii hordofan irraa kan hafe irraa guddaan Oromoo hiree isaa akka sabaatti ofiin murteefachuu filata. Warri fedhii dhuunfaa isaanii hordofan waan barbaadan haa argatan malee qabsoo bilisummaaf Oromoo yoo gufate dhimmi irraa hin qaban. Dhhigni uummata Oromoo akka lolaa gannaa dhangalaa jirus isaan hin mararuu. Yaroo Wayaaneen obboleessa isaanii ajjeesse darbu isaanii immoo borsaa isaa keessaa waan qabu fudhatanii reefa isaa bineesa dagalaaf dhiisanii deemu.
Sabni Oromoo ilaamaan yartuu akkasii horee qabaa jennee wal hiin gaafannu. Bareechee qaba. Kana barba baraan agarree jirra. Yaroo har’a kana kan wal gaafachuu fi irratti mariiachuu qabamuu: Gaaffii tokko tokkoon keenya maal yoo goone lubbuun diina gabaabachuu danda’a? isa jedhu taha. Nama Oromoo tahaee dhalatee duwwaa utuu hin taane, uummata Impayeera Itoopiyaa keessa jiruuf maraaf diinni duraa TPLF akka tahe gadi fageessinee hubachuu qabna. Keessattuu uummta Oromoof gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ti. Mootummaan TPLF kun ilmaan Oomoo waloon aradaa Oromiyaa irra dugugee balleessuuf ifatti xiyyeefatee jira. Kan Agazii xiqaatee waraana Somalee Liyuu Polis jedhu leenjisee, hidhachiisee uummata keenya irratti bobaasaa jira. Gochi kun haala lama of keessaa qaba. Inni duraa duraa ilmaan Oromoo fi qabeenya Oromoo barbadeessuu dha. Inni lammaffaa yoo milka’eef Uummata Oromoo fi Uummata Somalee walitti diruuf. Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk