SEENAA Y. G(2005) kutaa 3ffaa.fi xumuraa
Qabsoo Oromoon gaggeessaa jiru , kan addunyaan gaggeessituun addaa miti. rakkoon qabsoo keessattis ta’ee akka Ummataatti nu mudataa jiru , addunyaa irrattis mul’ateera. Mul’ataaS jiras. Dubbi guddaan akkamittin keessa dabranii bakka yaadan ga’aan ? isa jedhu malee, akkamiin keessa gangalataa jiraatan ? kan jedhu irraa barnoota hin argannu. Biyyoonnis ta’uu ummatoonni addunyAa keenyaa, wareegama baasanii akkuma biyya isaanii dhuunfatan, kanneen wareegama ol aanaa baasanii kan namaa dhaalanii taa’aan akka jiran beekuun barbaachisaadhaa. Kanarraas kan barannu , gama lameenittuu jabaatanii wareegama baasanii waan barbaadan bira ga’uf irraa barachuu malee, ka isaanii faarsaa keenya cabsaa jiraachuun gonkumaa furmaata ta’uu akka hin dandeenyeedha. Continue reading