Godina Lixa Shaggaaritti Kan Argamtuu Aanaa Midaa Qanyii Waraana Koomaandii Poostii Wayyaanee Uummata Shororkeessuuf Bobbaaseen Goolamaa Jira

Aside

Onkoloolessa 26,2016, Godina Lixa Shaggaaritti Kan Argamtuu Aanaa Midaa Qanyii Waraana Koomaandii Poostii Wayyaanee Uummata Shororkeessuuf Bobbaaseen goolamaa jirti. Waraanni Wayyaanee Yakka duguuginsa sanyii balleessuu rawwachuuf bobbaafame Ilmaan Oromoo Nagaa Humna waraanaan Dirqisiisaanii Ukkamsuun eessatti akka hidhaman illee kan hin beekamnee Waraanaa Agaaziin Uukkanfamanii qe’ee isaaniittii butamani jiru. 1. Obboo Mokonnoon Mirkanaa magaalaa Baallammii irraa, 2. Obboo Kabbadaa Qoroo ,asiin fulduraas gara Jalqabaa Sochii warraaqsaa mana hidhaa Maa’ikalaawwii tti darbame Ji’a 4f dararama ture kan bahee, 3. Dargaggoo Muleetaa Tasfaayee managera ganda Goosuu Wangee, 4.Barsiisaa Indashoo Jiruu barsiisaa M/B sadarkaa 2ffaa kan keessaatti argamaan ilmaan Oromoo hedduun Waraanaa Wayyaaneen ukkanfamanii hidhamuu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Baallammii gabaasaan. Yeroo amma kanas maqaa Waraanaa ABOtu biyya seenee jira jedhuun gootummaa Godina Lixa Shaggaar waraanaa Wayyaaneen Raafama ulfaataa keessa seentee kan jirtuu yoo taa’uu uummatnis Shororkeessii waraanaa fi OPDOn aangoo irraatti wal jijjiiruun gaaffii bilisummaa fi walabummaa keenyaaf deebii hin ta’uu jechuun eejjeennoo fi murannoo tokkoon diina dura dhaabbacha jiruu itti dabaluun gabaasaan Qeerroo Amboo irraa nu qaqqabe addeessera.gabaasaa baldhin aangoo walitti deebina.

Gaazexeessitoonni Oromoo 3 Fana Broadcasting Corporation keessa hojjatan dabballoota TPLF’n hojiirraa ari’ataman.Isaanis

Aside

Gaazexeessitoonni Oromoo 3 Fana Broadcasting Corporation keessa hojjatan dabballoota TPLF’n hojiirraa ari’ataman.Isaanis
1. Gazexessituu Tsahaay Daamxoo(MA)
2. Gaz/sa Muktaar Jamaal
3. Gaz/sa Taaddasaa Tarrafaa yoo ta’an. Gocha kana Editaroonnii fi gaazexeessonni sagantaa Afaan Oromoo irratti hojjatan hundi kan lakkoofsaan 20 ol ta’an mormaa turanis fudhatama hinarganne. Gaazexessitoota buleeyyii woggaa heddu dhaabbata kana keessa hojjataa turanirratti ajaja kana Kan dabarse nuuf ibsaa woyta jedhanitti namichi Birhaanuu Hurrisaa jedhamu fi Hoogganaa kutaa kanaa ta’e immoo anatu kana raawwate jechuun ifatti dhaadachuun of himeera.

Gaazexeessituu Tsahaay Daamxoo haadha manaa Atileeti Addunyaa Leellisaa ti. Addunyaan immoo Obboleessa Atileeti Gooticha Oromoo Fayyisaa Leellisaati.

Dabballee fi Ergamaan TPLF Birhaanuu Hurrisaa Waggaa dabre Hacaaluu Hundeessaa sirba isaa ‘Maalan Jira’ jedhu Afaan Amaaraatiin facebook irratti qeequu dhaan Qeerroon Oromoo hedduun itti dhaadataa turan ta’uun kan yaadatamudha.Sababa Ergamtummaa isaa kanaan Hoogganaa Ol’aanaa dhaabbatichaatti guddatee har’as miidhaa biraa gaazexessitoota Oromoo irraan gahaa jira.

Aside

Onkoloolessa 26/2016 Giddugaleessaa Oromiyaa Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogooritti diddaan uummataa jabaachuu irraa kan barraage Waraanni Koomaandii Postiin Wayyaanee uummata gooluufi hiraarsuu ittuma fufee jira. Guyyaa kaleessaa onkoloolessa 25/,2016 Komaandi Poostin Mogoritti abbaa qabeenyaa Abdiisaa (Bokii) Gammachuu jedhamu ukkaamsuun fuudhanii deemaniiru. Akkasumas , ummata dirqiidhaan walgahii baasuun akka ummatni dubbatu godhudhaan yaada ummataa erga hubatanii booda uummata walitti buusuuf yaalaa jiru. Ummatni Oromoo hundi shira mootummaan wayaanee xaxaa jiru kana hubachuudhaan fashalsuu qaba.

Aside

Onkoloolessa 26,2016 Yuunibarsiitii Bulee Horaatti Waraanni Koomaandii Poostii Wayyaanee Loltoota Agaazii Barattoota irratti Bobbaasuun Barataa Oromoo Abdiisaa Duulee jedhamu ajjeesani. Barataan Oromoo Abdiisaa Duulee kan kaleessa galgala waraanaa Agaaziin Wareegamee, Yuunbarsiitii Bulee Horaatti Barataa FBE waggaa 2ffaa fi Bakki dhaloota isaa Godina Gujii ta’uu maddeen Qeerroo Yuunbarsiitii Bulee Horaa gabaasan. Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Bulee Horaa Yakka ajjeechaa Barataa Oromoo fi Barattootaa Oromoofi uummata Oromoo Waliigalaa irratti rawwatamaa jiruu Sababeeffachuun guyyaa har’aa guutummaatti Nyaataa dhaabuun mormii isaanii itti fufanii jiru. Dirmannaan Uummata Oromoo biyyoota hambaa jiraanii akka jabaachuu qabuufi yakka waraanaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruuf iyyannoon mootummoota gamtoomanii fi jaarmiyoota mirga namummaa akka itti fufinsaan gaggeeffamuun gaafataniru Injifannoon Uummata Oromoof.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Onkoloolessa 25, 2016

Aside