Leeloo Sabaan
Hagayya 6, bara 2016 irraa eegaleee, Fincilla Xumura Gabrummaa, Qeerroo Bilisummaatiin hoogganamee, guutuu Oromiyaa keessatti, bifa addaan,akka abidda saafaa boba’aa jiru keessatti, Oromoo meesha maleeyyiin rasaasa mootummaa gabroomfataa Impaayera Ixoophiyaatiin ajjeeffaman hanga har’aatti 283 gahuu isaa maddeen: Jaarmota mirga dhala namaa, hospitalota fi poolisaa irraa dhagahamaa jira. Fincila kana keessatti kanneen wareega baasan, harki 92.8: shamarran, dargaggoo fi daa’imman egeree fi abdii borii Oromiyaa ta’anii dha. Maatiilee Oromiyaa ilmaan isaanii rasaasa Tigreetiin: qeyee isaanii keessatti, balbala mana isaanii duratti, abbaa fi haadha isaanii biratti Hagayya 6, bara 2016 irraa eegalee dhaban keessaa tokko, haadha Musxafaa oggaa taatu, rasaasa Ixoophiyaatiin mucaa dhabde kanaaf kan: rifatte, kan sodaatte, kan hamileen cabe osoo hin taane, wareegama mucaan isii Musxafaa jedhamu bilisummaa Oromiyaaf kaffale ittiin boonuu fi ittiin dhaadatuun isii, kanneen: aarii, fedhii, hawwii, dandeettii fi muratnoo ummata Oromoof tuffii qaban hunda kan ajaa’ibe oggaa ta’u, gootummaa fi muratnoo isiin agarsiiftetti kan ittiin booname qofa osoo hin taane, “haadha goota deesse” jedhamtee ummata Oromoo hunda biratti akka faarfamtuu fi kabajamtu taasisee maatiilee Oromoo rasaasa wayyaaneetiin ilmaan isaanii dhaban hunda kan jajjabeesse ture.DHIIGI MUCAA KOOTII DHANGALA